Oppireeshinii Marsabiitiin namoonni to'annoo jala oolan mana murtii dhiyaatan

Oppireeshinii Marsabiitiin namoonni torba meeshaa waraanaa seeraan alaa qabachuun himatamuun mana murtiitti dhiyaatan.
Duula 'Rudisha Amani' yookaan nagaa deebisuu jedhuun mootummaan Keeniyaa oppireeshinii addaa gaggeessaa kan jiru oggaa tahu, kanaanis namoota seera kaa'ame daddarbanii argaman jedhe to'annoo jala oolchuun mana murtiitti dhiyeessaa jira.
Duula addaa poolisiin dhiyeenya magaalaa Marsabit kan argamtu bakka Ollaa Adii Huqqaa jedhamtutti gaggeesseen, meeshaalee waraanaa fi rasaasa to'annoo jala oolchuu beeksiseera.
Dhaddacha guyyaa Roobii Mana Murtii Marsabiit (Marsabit Law Courts) taa'ameen, namoonni guyyaa Kibxataa meeshaa waraanaa heeyyama hinqabne qabatanii argamuun himataman torba dhiyaataniiru.
Abbaan Alangaas himannaa isaa dhiyeesse keessatti jarri kun seera kaa'ame daddarbuun, meeshaalee waraanaa kanneen akka AK-47 sadii, G3 tokko, akkasumas Maashin gaan (GPMG) tokkoo fi rasaasa gosa akka akkaa 385 irratti argamuu mana murtiif dhiyeesse.
Dhaddachi Afaan Ingiliziin kan adeemsifame oggaa tahu, himatamtoonnis afaan kamiin tajaajilamuu akka barbaadan eegii gaafataman duuba, Afaan Booranaa (Oromoo) akka dubbatan himanii namni afaan isaanii hiikaa ture.
Abbaan Alangaas qorannoon dabalataa akka isa barbaachisu himuun, guyyaan dabalataa torban lama akka isaaf dabalamu gaafate.
Kana malees meeshaalee waraanaa to'annoo jala oolan kunneen qorannoo dabalataaf jecha gara magaalaa guddittii Naayiroobiitti erguullee himan.
Himatamtootaanis tokko tokkoon maqaa yaamuun torban lama gaafatame irratti diddaansa yookiin mormii akka qaban gaafatamanillee, cuftinuu diddaansa hinqabnu jechuun deebisan.
Haaluma kanaan abbaan seeraa (magistrate) S. K. Arome jedhaman guyyaa dabalataa gaafatame simachuun himatamtoonni Caamsaa 24, 2020 akka gad dacha'anii dhiyaatan ajaja dabarsan. Hanga sanatti mana hidhaa magaalattii keessa akka turanis ajajni darbeera.

Gama kaaniin labsii uggura sochii dhorku dira Marsabiititti kaa'ame kanneen daddarbanii argamanis qaamolee nageenyaan to'annoo jala ooluun mana murtiitti dhiyaataniiru.
Mootummaan Keeniyaa rakkoo nageenyaa bulchiinsa Marsabiit keessa adeemuufi lubbuufi qabeenya hedduu galaafatu to'achuuf jecha jalqaba ji'a Caamsaa eegalee oppireeshinii addaa labsuun, daangaa sochiillee kaa'eera.
Mootummaan biyyattii bulchiinsa kana keessa gosota qubatan keessaa wal jibbiinsaa fi wal hadhiisi Booranaa fi Gabraa gidduu jiru hammaachuu isaatiin duula kana gaggeessuuf murteessuu hime.













