Qormaatawwan ijoo Pirezidantii haaraa Wiiliyaam Ruutoo eeggatan

Pirezidantii haaraa Keeniyaa ta'un kan filataman Wiiliyaam Ruutoo

Madda suuraa, William Ruto/Twitter

Pirezidantii Itti-aanaan Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo filannoo seenaa biyyattii keessa morkii cimaan itti taasifame jedhame irra-aanuu isaanii komishiniin filannoo biyyattii ibseera.

Morkataan isaanii cimaa ministirri muummee duraanii Raayilaa Odingaa garuu murtee komishinichaa mormuun akka hin fudhanne ibsaniiru.

Jireenya gad-aanaa keessaa dhufuun imala dheeraa booda mataa biyyaa kan ta’an Ruutoon, ammallee wantoonni mataa dhukkubbii ta’an isaan eeggatu.

Kanneen ijoo ta’an maali?

Liqaa Keeniyaarra jiru

Keeniyaarratti liqaan hin deebifne dolaara biiliyoona 72 ta’utu irra jira. Kuni waggaa sagal dura yeroo Uhuruun aangoo koran isa turerraa haalaan dabaleera.

Ogeeyyiin rakkoon kuni biyyattiin deeggarsa Dhaabbata Maallaqa Addunyaarraa [IMF] akka hin arganne taasisuu danda’a jechuun yaaddoo ibsu.

Akka Ministeer Maallaqaa Keeniyaatti, bara bajata darbe biyyattiin galii taaksiirraa argatte keessaa 57% idaa yookiin liqaa irra jiru kanfaluuf olchite.

Qaala’iinsa jireenyaa

Akkuma biyyoota addunyaa baay'ee Keeniyaa keessa jireenyi qaala'eera

Madda suuraa, AFP

Gatiin meeshaalee bu’uuraa hawaasi fayyadamu waggoota shan darbaniif Keeniyaa keessatti dabaluutti jira.

Kunis, mootummaan nyaataafi boba’aa gatii baasuun akka tasgabbeessu dirqeera.

Qaala’insi jireenyaa jireenya guyyuu lammiilee Keeniyaaf qorumsa kanneen ta’an keessaati.

Fakkeenyaaf gatiin daakuu boqqolloo nyaata guyyuu nyaatamuufi ugaalii jedhamu tolchuuf oolu 67%'n dabaleera.

Boodarra mootummaan deeggarsa gatii gochuun gatiin isaa akka xiqqaatu dhiheessitoota waliin waliigaleera.

Waraanni Raashiyaafi Yukireeniis gatiin nyaataa addunyaa akka guddatu taasiseera.

Daakuun qamadii Keeniyaa 30% - 50% ta’u Raashiyaafi Yukireen irraa dhufa.

Hojii dhabdummaa

Yeroo walfakkaataa waggaa dura jiru wajjiin yeroo walbira qabamu baatiiwwan afran yookiin kurmaana tokkoffaa bara 2021 keessa hammi lammiilee hojii dhabanii dabalaleera. 

Baatiiwwan duraa bara 2020’tti hammii namoota umrii 20 -24 jiran keessaa kan hojii dhaban 15% ture. Waggaa itti aanu 16.3%'tti ol guddate.

Akka gabaasa Baankii Addunyaatti, hammi namoota hojii barbaadan wagga waggaatti miiliyoona tokkoon dabaluus, namoonni miiliyoona 5.2 hojii argachuu dhabaniiru.

Rakkoo dinagdee

Guddinni dinagdee Keeniyaa bara 2022 dhibbantaa 5.5 guddatee ture. Bara 2023- 2024 immoo 5.2%’n guddata jedhamee eegama.

Hammi guddina dinagdee Keeniyaa cimaa ta’us bara 2021 7.5% isa guddaterraa garuu gadidha.

Malaammaltummaa

Malaammaltummaan rakkoolee ijoo Keeniyaa keessaa tokkodha.

Akka hoogganaa tajaajila ummataa Keeniyaa Joosef Kinyuwaatti, bajata biyyattii keessaa 1/3ffaan malaammaltummaan bada.

Akka dhaabbata akkaawuntii KPMG LLP jedhamutti immoo yakka, gubboo, akkasumas caalbaasii waliin dhahuun galii biyyattii keessaa 10% dhabamsiisa.

Pirezidantiin biyyattii Uhuruu Keeniyaataa kana dura mootummaa Keeniyaa jalaa guyyuu shilingiin biiliyoona lama ni saamama jedhanii turan.