Raayilaa Odiingaa bu'aa filannoo dura taa'aa Komishinichaan ibsame hin fudhannu jedhan

Madda suuraa, Various
Kaadhimamaan pirezidaantii Keeniyaa Raayilaa Odiingaa, erga paartiin isaanii Azimio La Umoja filannichi burjaaja'eera jedhee yeroo jalqabaaf ibsa kennuun bu'aa filannichaa akka hin fudhanne ibsan.
Lammiileen Keeniyaa miliyoonotaan bahuun gaggeessaa isaanii filatan. Kaleessa garuu ijaarsi dimokiraasii keenyaa balaaf saaxilame ejdhan.
Hojii dura taa'aa komishinii filannoo Keeniyaa Wafuulaa Chebukaatii irraa kan ka'e Keeniyaan rakkoo siyaasaa fi seeraa keessa galte jedhan Odiingaan.
''Waan kaleessa argine sobaa fi heeraa biyyattii kan faallessudha'' jedhan.
Raayilaan dura taa'aa komishinii filanno Keeniyaa Wafuulaa Chebukaatii, miseensota komishinichaa bu'aa filannichaa fudhachuu didan doorsisuun himatanii bu'aa filannoo ibsame guutummaatti hin fudhhannu jedhan.
''Lakkoofsi Obbo Chebukaatiin ibsaman seera qabeessaa fi kan fudhatama qabu miti. Mana Murtii Heeraa biyyattii kuffiisuu qaba,'' jedhan.
"Dhimma kam irrattiyyuu yoo sagalee guutuun irratti walii hin galamne, komishinicha sagalee caalmaa jiruun darbuu qaba,'' jedhan.
Miseensota komishinii filannoo [IEBC] torba keessaa namootni afur bu'aan sagalichaa akka ibsamu irratti walii hin galle.
Dura taa'aan komishinichaa Wafula Chebukaatii Wiiliyaam Saamoyi Ruutoon sagalee caalmaan pirezidaantii Keeniyaa filataman tahuu ibsan.
Raayilaa Odiingaa galma bu'aan filannoo itti ibsame Bomas keessatti hin argamne.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti aantuun dura taa'aa Komishinii Filannoo Keeniyaa [IEBC] Juuliyaanaa Chereeraa miseensota komishinichaa afur bu'aa filannoo ibsame hin fudhanne keessaa tokko.
Chereeraan maaliif akka bu'aa sagalee ibsamee hin fudhanne ibsaniiru.
Bu'aa filannichaa dura taa'aa komishinichaan ibsame yoo walitti idaate, waliigalli isaa %100.01 taha jechuun sababa ishee ibsite.
Itti dabaluun bu'aan ibsame yaada komishineroota filannii hin ibsu, sababni isaa osoo hin ibsamiin dura ilaaluu qabna ture, garuu hunda isaa akka hin argine taheera jedhan. Bu'aan filannichaa ibsame haala kanaan yoo tahu, yoo walitti ida'amu %100.01 dhufa jechuun fudhachuu didan.
Raayilaa Odiingaa %48.85
Wiiliyaam Ruutoo $ 50.49
Wahigiyaa Mawuree %0.23
Wajakoyaa Joorji %0.44
Pirezidaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataan morkataa isaa kan ture Raayilaa Odiingaa akka bakka isaan bu'uuf akka deeggaran duula filannoo irratti ibsanii ture.
Erga filannoon kun gaggeeffamee bu'aa filannichaa ilaalchisee haga ammaa homaa hin dubbanne.
Wiiliyaam Ruutoon Wafulaa Chebukaatii galateeffachuun lammiilee Keeniyaa hunfaad akka hojjetan ibsaniiru.
Manni Murtii Ol aanaa Keeniyaa bu'aa filannichaa kan jijjiiru yoo tahe Keeniyaan ammas filannoo biraa gaggeessuf dirqamti.












