Ameerikaan walitti bu'iinsa keessoo Itoophiyaa furuu deeggaruuf qophiidha- Amb. Masiingaa

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Ervin Massinga

Madda suuraa, U.S. Embassy in Ethiopia

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Ervin Massinga haala yeroo Itoophiyaa fi tumsa Ameerikaan bara haaraa 2025 kanatti taasiftu ilaalchisuun tibba kana ibsa kennaniiru.

Ibsichaan Ameerikaa fi Itoophiyaan hariroo waggoota 120 lakkoofsise kan qaban ta'uu eerun,ammas, walitti bu'iinsa keessoo lubbuu fi jireenya lammilee gaaga'aa jiru furuu keessatti tumsi Ameerikaa daran kan cimu ta'uu himan.

"Itoophiyaa walitti bu'iinsa balaafamaa lubbuu fi jireenya ummata ishee gaaga'u keessaa akka baatuuf deeggarsa itti fufti" jedhan Ambaasadarichi.

Gareewwan hidhatanii naannoowwan Amaaraa fi Oromiyaa keessa socho'an mootummaa waliin mari'achuuf qophii ta'an deeggaruufis qophiidha jedhan.

Kana duras karaa adda addan sagantaa adeemsa Komishinii hidhannoo hiikkachiisuufi haaromsuu (DDR) akkasumas naannolee walitti bu'iinsaan miidhaman deebisanii ijaaruuf oolu maallaqa doolaara miiliyoona 16.4 deeggarsa taasisu yaadachiisan.

Bu'aa kanaa keessa tokko fi boqonnaa nagaa ummata Itoophiyaa kan ta'e waraana kaaba Itoophiyaa waliigalteen Piritooriyaa Sadaasa 2, 2022'n taasifame guutummaatti akka hojiirra oolu jajjabeessuu itti fufnas jedhaniiru.

"Qooda fudhattootni biyyaa keessaas ta'e alaa dubbii qodinsaa fi jibbiinsa babal'isan irraa of qusatanii nageenyaa fi dinagdee biyyatti ijaaruu keessatti ga'ee isaanii akka ba'anii fi kanneen sababa kanaan miidhaman deeggaruu fi gara qe'eerraa buqqifamaniitti deebi'an haa deeggarru."

Naannoolee Amaaraa fi Oromiyaa dabalatee bakkeewwan biroo wal dhabdeen jirutti kan hirmaatan hundi lammiilee nagaa akka tiksan, mirga namoomaa akka kabajanii fi karaa nagaa akka mari'atan waamicha taasisuus ibsan.

Sababa walitti bu'iinsaa kanaan lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii dabaleera, daa'imman hedduun manneen barnootan ala ta'aniiru, wal'aansa fayyaa argachuun rokkoo guddaa ta'eera akkasumaas qonnaan bulaan hojii isaa hojjatee oomishachuu hin dandeenye jedha ibsi Ambasadarichaa kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hojiin seermaleessumaa babala'achuu fi kanneen keessa akka albuuda seeraan alaa baasuu fi bosona ciruu dabalatee qabeenyi biyyattii fi dhaloota egeree fayyadu walitti bu'iinsa waliin miidhaa geessisaa jira. Kun kan furamuu danda'u nagaa waaraa fiduu qofaani jedhan.

Rakkoo waldhabdeen kun fide biraa, yakkii fi butamuun dabaluu isaa yoo ta'u, kunis nageenyi dhabamuu qofaa utuu hin taane guddina dinagdee fi kenniinsa gargaarsaallee kan gufachiisu akka ta'e ibsameera.

Bara 2024 keessa yoo xiqqaate hojjettoonni gargaarsaa saddeet kan ajjeefaman yoo ta'u, kana keessa 6 naannoo Amaaraa keessatti ajjeefaman. Ameerikaan akka michuu Itoophiyaatti, tasgabbii fi nageenyi waaraa lammiilee akka mirkaanaa'uuf tumsa taasistu daran kan cimsitu ta'uun eerammera.

"Kanneen walitti bu'iinsa keessatti hirmaatan huduu afaan qawween utuu hin taane marii fi araaran rakkoo isaani akka hiikkatan, waldaaleen siivikii fi miidiyaaleen bilisaan socho'uu akka danda'an akka mirkaneessan dhaamna". Kana galmaan gahuuf hundi keenya waliin hojjechuu qabnas jedhan.

Tarkaanfii nagaa Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa Muddee 11,2024 Ankaaraatti taasisan Ameerikaan kan deeggartu nageenya biyyota ollaa akka cimu, keessumattuu al-Shabaab ittisuu irratti ni jajjabeessinas jedhan Ambasaddar Misingaan

Ameerikaan Itoophiyaan Galaana Diimaa daldala isheef barbaachisaa ta'e danqaa tokko malee akka argattuuf kutannoo qabdis jedhan

Hariiroo Itoophiyaafi Ameerikaa gama dinagdee

Gama dinagdeetiin hariiroon biyyota lamaanii daran cimuu ibsichi eerara. Keessumaa daldalli damee dhuunfaa Ameerikaa waliin taasifame gahee olaanaa taphateera.

Kanaafiiis fakkeenyi guddaan walta'iinsa seena qabeessa bara kana Booyiingii fi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa gidduutti taasifame yoo ta'u, daandiin qilleensichaa xiyyaarota Booyiing hanga 87 doolaara biiliyoona 27'n bituun xiyyaarota ammayyaa, Ameerikaan hojjetame qabachuun daandii xiyyaraa Guddaa Afrikaa ta'uu isaa mul'iseera

Kana malees daeeggarsi dhabbbilee akka USAID fi Ministeera Qonnaa giddutti taasifamu bara 2024 qonnaan bultootni buna qulqullina olaanaa qabuu fi gatii gaarii argamsiisuun jireenya lammiilee Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa'amanii akka foyya'uu taasisuu danda'eera.

Bara 2025 kanattis oomishti bunaa fi al-ergii caalatti dabalee guddinni dabalataa akka argamu walii hojjanna jedhan.

IMF fi Baankii Addunyaa dabalatee mootummaa Itoophiyaa fi michoota idil-addunyaa waliin ta'uun fooyya'iinsa diinagdee biyyattiin barbaaddu jalqabuun damee dinagdee ishee kessatti humna dabalataa horachuuf tattaaffii taasifamu kan mul'isuudha.

Kanaanis, Investimentiifi alergii jajjabeessuu,damee baankii cimsuu fi waltajjii daldalaa sadarkaa ol'aanaa taasifamu irratti waloon kan hojjatan akka ta'e Ambasaddar Misingaan kan eeran.

Kana malees deeggarsa adda addaa gama barnootaf leenjiin, kunuunsa aadaafi eegumsa fayyaan hojjatan boonsaa ta'uufi ammas naannolee walitti bu'iinsaan miidhamaniif tajaajila eegumsa fayyaa deebisuuf tumsa guddaa gochuuuf qophii ta'uun himameera.

Itoophiyaan dawoo baqattootaa fi koolu galtoota naannoo keessummeessuuf bara 2024tti Ameerikaan deeggarsa doolaara miiliyoona 150 ol kennuufi kan fuuldurattis itti fuftu ta'uun ibsichaan eerameera.

Ameerikaa hawaasa Itoophiyaa gargaarsa namoomaa hatattamaa barbaadaniif deeggarsa kan taasise yoo ta'u, gargaarsichi namoota lola, hongee fi wabii nyaataa dhabuun miidhamaniif deeggarsa lubbuu baraaruu doolaara miiliyoona 676 ol deeggareera.

Dabalataanis, Sagantaa deeggarsa adda addaan doolaarri biiliyoona 2.6 tumsa Itoophiyaaf taasifamuu ibsi Ambaasadarri Ameerikaa tibbana baasan kun kan eeru.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook gubbaa hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.