MM Abiy fi Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon maal jedhan?

Maakroon waggoota jaha keessa yeroo lammataaf Itoophiyaa daawwatani

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maakroon waggoota jaha keessa yeroo lammataaf Itoophiyaa daawwatani

Pirezidantiin Faransaay Imaanu'el Maakroon Itoophiyaa karaa mariin ulaa galaanaa argachuuf carraaqqii taasistu akka deeggaran dubbatan.

Bulchaan Faransaay Odola Maayot fi Jibuutii erga daawwatan booda Sambata Itoophiyaa yeroo gahan Ministirri Muummee Abiy Ahimad simannaa ho'aa taasisaniif.

Dureewwan lamaan dhimma biyya keessaa, hariiroo biyyoota lamaanii, akkasumas dhimmoota naannawa Gaanfa Afrikaa mari'achuun ibsameera.

MM Abiy Ahimad mootummaan Faransaay Masaraa Biyyaalessaa haaromsuuf akkasumas Bataskaanota seena qabeessa Laalibalaa suphuuf deeggarsa taasiseef galateeffatan.

Maakroon gama isaaniin ergaa Afaan Amaaraan X [kan duraan Tiwiitara jedhamurra] dhaamaniin hariiroon biyyoota lamaanii ''seenaafi piroojektoota waloorratti bu'uureeffate'' jedhan.

Dabaluunis, pirojektiin eegumsa hambaa Laalibalaarratti hojjetamaa jiru ji'oota muraasa keessa akka xumuramu dubbatan.

Pirojektii haaromsa Masaraa Biyyaalessaa Itoophiyaa kan duraan Masaraa Mootii Hayilasillaasee turees dinqisiifatan.

Akkasumas lammiilee walitti bu'iinsa Itoophiyaa keessa jiruun miidhaman Faransaay deeggaruuf kutannoo akka qabdu Maakroon dubbatan.

Faransaay ''haaromsa dinagdee Itoophiyaa deeggaruufi hojiirra oolmaa waliigaltee Piritooriyaa Tigraayitti nagaafi tasgabbiif bu'uura ta'es'' akka tumsanis dubbatan.

Ulaa galaanaa

Maakroon carraaqqii Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf taasistu akka deeggaraniifi biyyi isaanii gumaacha ofii akka gootu beeksisan.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad gama isaaniin dureewwan lamaan dhimma karaa nagaan Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu dandeessurratti waliin mariyachuu himan.

Dureewwan lamaan guyyaa Sambataa ibsa kennanirratti Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin mariifi seera idil-addunyaa karaa kabajeen ulaa galaanaa argachuuf yaaltu akka deeggaran Maakroon dubbatan.

Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama waggaa tokko booda dhihoo jaarsummaa Turkiin waliigaltee mallatteessan. Waliigaltee kana Maakroon jajaniiru.

Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand, kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin waliigaltee ulaa galaanaa waggaa dura mallatteessuun Somaaliyaa waliin wal ishee dhabsiise.

Maakroon Siidaa Muuziyeemii Aduwaatti argamuun kabaja mul'isaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maakroon Siidaa Muuziyeemii Aduwaatti argamuun kabaja mul'isaniiru

Muddamni kunis Gaanfa Afrikaatti yaaddoo uumee ture.

Pirezidantiin Turkii jaarsummaan hirmaatan, Reseeph Xayyiib Erdoogaan, waliigaltee kana ''seenaa qabeessa'' jechuun jajaniiru.

Akkaataa waliigaltee kanaan, Itoophiyaan ''birmadummaa Somaaliyaa jalatti ulaa galaanaa amansiisaa, kan nageenya qabuufi waarawaa ta'e'' akka argattu waliigaltee taasisuun waliin akka hojjetan ibsameera.

Liqii achi butuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhimma ulaa galaanaan alatti Maakroon dhimma dinagdee Itoophiyaarrattis dubbataniiru.

Yaalii Itoophiyaan liqaa irra jiru achi butte kaffaluufi kaan walqabatee carraaqaaa jirtu akka deeggaran Maakroon dubbataniiru.

Kunis, ''torban dhufanitti'' akka hojiirra oolu dubbachuu isaanii Rooyitars gabaaseera.

Itoophiyaafi Dhaabbati Maallaqa Addunyaa deeggarsa dolaaraa biiliyoona 3.4 irratti waliigalaniiru.

''Sagantaa rifoormii hogganaa jirtuuf galanin haa gahu malee, liqaa yuuroo biiliyoona sadii achi butu torban muraasa itti aananitti xumuruuf yaadneerra,'' jechuun Maakroon dubbachuu Rooyitars gabaaseera.

Dureewwan lamaan Masaraa Biyyaalessaa Itoophiyaa dhihoo haaromsamee waliin daawwataniiru.

Deeggarsa Yuuroo miiliyoona 25 Ejensii Misooma Faransaayirraa argameen masaraan haaromsame dhihoo ummatni akka daawwatu ifa ta'a jedhamee eegama.

Haaromsa masaraa kanarratti ogeeyyiin arkiteekcharii Faransaay fi kaan irratti akka hirmaatan Maakroon dubbatan.

Waggoota jaha keessatti yeroo lammataaf Itoophiyaa kan daawwatan Maakroon Itoophiyaa guyyaa tokkoof erga daawwatan booda biyyatti deebi'an.