Tiraamp dhaabbileen boba'aa US $100bn baasun boba'aa Venezuweelaa akka 'misoomsan' gaafachuufi mormii isa mudataa jiru
Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp boba'aa Venezuweelaa "misoomsuuf" dolaara biliyeena 100 akka barbaachisu kaampaaniwwan boba'aa US gaafatee jira. Haa ta'u garuu, dhaabbilee boba'aa kanneen irraa mormiifi shakkiin isa mudataa jira.
Dhaabbileen bobaaba'aa US yaaddoon isaan qaban boba'aa Venezuweelaa irratti maallaqa dhangalaasanii misoomsuuf haalli qabatamaan amma jiru mijataa miti kan jedhuudha.
Tiraamp gaggeessitoota dhaabbilee boba'aa US Waayit Haawusitti affeeruun karoora boba'aa Venezuweelaa misoomsuu qabateef abbootiin qabeenyaa kun dolaara biliyeena 100 tokko akka baasuu qaban gaafate.
Gaggeessitoonni dhaabbilee boba'aa gurguddoo US kunneen yaaddoo qaban Tiraampif ibsaniiru.
Venezuweelaan kuufama boba'aa qabaachuun addunyaarraa sadarkaa duraarra jiraachuunshee abbootii qabeenyaa US kan hawwatu ta'us, wabii qabatamaan yoo hin jiraanne maallaqasaanii baasuun kasaaraa kana dura Venezuweelatti isaan mudate irra deebi'uu akka hin barbaanne Tiraampif ibsan.
US gaafa Amajjii 3 haleellaa Venezuweelaa irratti banteen gaggeessaa biyyatti to'achuu booda, Tiraamp boba'aa biyyattii US akka 'misoomsitu' ibsee ture.
Tiraamp kaleessa, Jimaata, wal-gahii dhaabbilee boba'aa US waliin Waayit Haawusitti taasiseen, "Wantoota US kanarraa argattu keessaa tokko gatii boba'aa gadaanadha" jechuun dubbate.
Garuummoo gaggeesitoonni dhaabbilee boba'aa US ariitiin boba'aa Venezuweelatti seenuu dura wantoonni guutamuu qaban akka jiran Tiraampif ifatti ibsaniiru.
Gaggeessaa dhaabbata Exxon kan ta'e Daaran Wuuds kanaan dura qabeenyi dhaabbatichaa Venezuweelaa keessatti jalaa qabamee hafuu ibse.
"Kanaan dura qabeenyi keenya achitti si'a lama nu jalaa qabamee ture. Kanaaf si'a sadaffaa seenuu dura waanta seenaa keessatti ta'eefi haala amma biyyattiin keessa jirtu yoo ilaalamu jijjiiramni bu'uuraa jiraachuu qaba.
[Venezuweelaan] ammatti biyya keessatti misooma hojjachuuf mijattuu miti," jechuun karoora yaaddoo qabu ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Venezuweelaan erga waggaa 100 dura boba'aan achitti argamee as dhaabbilee boba'aa idiladdunyaa waliin walitti dhufeenya wal-xaxaa qabaataa turte.
Chevron dhaabbilee boba'aa gurguddoo Ameerikaan qabdu keessaa qophaa achiti hafuun ammayyuu hojjataa jira. Dhaabbileen Ispeenfi Xaaliyaanii muraasnis ammayyuu Venezuweelaa keessaa hin baane.
Tiraamp dhaabbilee boba'aa kamtu boba'aa Venezuweelaa keessatti akka hirmaatufi hin hirmaanne bulchiinsi isaa akka murteessu ifa godhe.
"Kallattiidhaan nu waliin wal-qunnamtu malee tasumaa Venezuweelaa waliin miti. Venezuweelaa waliin qunnamtii akka gootan hin barbaannu," jechuun dhaabbilee boba'aa Waayit Haawusitti affeeramanitti dubbate Tiraamp.
Akkaataa dhaabbileen boba'aa US gabaa boba'aa Venezuweelaa keessa galan irratti bulchiinsa yeroo Venezuweelaa kan Deelsii Rodirigeeziin hogganamu waliin hojjataa akka jiran qondaalonni US ibsan.
US torbanuma kana keessaa dooniwwan boba'aa Venezuweelaa qoqqobbiin irra kaa'ame fe'anii imalaa turan heddu to'atteetti. Boba'aa Venezuweelaa kana gabaatti dhiyeessun maallaqa isaa herreega baankii US to'attutti akka galu gochuuf US sochii eegaluus ibsan qondaalonni Waayit Haawus.













