Shawaa Lixaa Calliyaatti saamichiifi ajjeechaan namoota nagaa hammaachuu jiraattonni himan

Madda suuraa, Maatii
Shawaa Lixaa aanaa Calliyaa naannoo Ganda Sokorruu jedhamutti saamichiifi ajjeechaan hidhattoota saamichatti bobba'aniin namoota nagaarratti gaggeeffamu daran hammaachuu jiraattonni BBCtti himan.
Aanaa Calliyaa ganda Sokorruu jedhamutti konkolaachiftoota afur waliin duraa duubaan imalaa turan keessaa lama ''shiftootaan'' ajjeefamuu maatiin BBCtti himan.
Maatiin namoota aanaa Calliyaa ganda Sokorruutti ''shiftootaan'' jalaa ajjeeffamanii haalli bakka sanaa rakkisaa ta'uu himuun, xiyyeeffannaan kennameef falli akka barbaadamus gaafataniiru.
"Konkolaachiftoonni afur waliin tahuun konkolaataa fe'umsaa qabatanii Horroo Guduruu naannoo Fincaa'aa fi Kombolchaa irraa ka'uun gara Finfinnee deemaa turan.
"Gaafa Waxabajji 23 bara 2017 ganama naannoo sa'a 3:00 yeroo tahu magaala xiqqoo aanaa Jimmaa Raaree kan taate Gooban gahuun walumaan ciree nyaatanii imala isaanii itti fufan.
"Kan waliin imalan ammoo daandiin gara Geedoo geessu caccabaa yeroo gannaa ammoo dhoqqeen kan rakkisu tahuu dabalataan sodaa nageenyaa guddaatu jira.
"Gooban darbinaan yaaddoo guddaatu jira jedhan namoonni BBC dubbise. Sodaan isaanii hin oolle Gooban irraa ka'anii gara daqiiqaa 30 erga imalanii booda dhukaasni irratti baname.
Toomaas gabbiinaama konkolaataa isaa keessatti ajjeefamuu maatiin himan."
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Toomaas Rattaa Fincaa'aa gabaa Dafinoo bakka jedhamuu boqolloo fe'ee gara Finfinnee deemaa osoo jiranii naannoo Gooban yeroo gahu konkolaataa isaa keessatti ajjeefame.
''Birriis hin fudhanne. Moobaayila isaas hin fudhanne. Isa garuu ajjeesaniima deeman'' jedhan abbaan isaa Obbo Rattaan.
Shiftoota nama saamantu jira. Galgala sa'a 12 taanaan namni achiin hin darbu jedhan namoonni BBC dubbise.
Obbo Rattaan humni waraanaa mootummaas erga ajjeechaan kun raawwatee bakkicha gahuu himuun reeffa konkolaataa keessaa deemanii akka fudhatan himan.
Konkolaachisaan biraa bakkichatti waliin ajjeefame ammoo Jaamboo Girmaa jedhama. Gargaartota isaa waliin akka ture kan himu obboleessi isaa tokko maatii bira bulee midhaan fe'ee gara Finfinnee imalaa akka ture hime.
Yeroo dhukaasni isaan irratti banamu Jaamboon maal isaan goone, bu'een itti dubbadha yoo jedhu homaas osoo isa hin gaafatiin itti dhukaasanii akka ajjeesan hime obboleessi isaa BBC'n dubbise..
Konkolaachiftoota arfan keessaa sadaffaarra akka ture kan himu obboleessi isaa Falmataan yeroo dhahamu gargaartonni isa waliin akka turan lama jiru ture jedhe.
Lamaan isaanii osoo hin miidhamiin akka hafanis himeera.
Konkolaachisaan karaa boodaa lammaffaa irra ture ammoo bu'ee akka baqate kan himu obboleessi Falmataa innis osoo baqatuu harka namoota hidhatanii bosonicha keessa turanii akka bu'e BBCtti hime.
Jaamboo erga konkolaataa nama biraa oofaa turee konkolaataa dhuunfaa mataa isaa erga bitatee reefu ji'a tokko akka hin caalle hime.
''Waggaa baay'ee hojjete. Konkolaataa xiqqaa irraa kaasee hanga konkolaattota fe'umsaatti namaaf qacaramee oofaa erga turee konkolaataa fe'umsaa Siinoo Tiraakii jedhamu bitatee akka ture hime.
Qaamni hidhatee fi saamichaan himatamu kun konkolaataama haaraa bitate kana qabatee osoo jiruu akka ajjeefame kan himu obboleessi isaa ammati maatii akka hin godhanne hime.
Konkolaachisaan baqatee harka ''saamtota hidhatanii'' bu'e guyyaa lama booda Birrii 300,000 kaffalee akka harkaa bahe BBCtti hime.
Reeffi Jaamboo fi Toomaas erga humni waraana mootummaa achi gahee akka kaasan himan namoonni BBC dubbise.
Gargaaraan konkolaachisaa jalqaba ajjeefamee nahee gabbiinaama keessa taa'ee nagaan hafe. Gargaaraan konkolaachisaa Jaamboo jedhamuus achuma keessa turan jedhan maatiin.
Dubartii karaa deemtu tokko gabbiinaatti qabatanii akka ture kan hime Obboleessi Jaamboo, isheenis naatee achuma keessa taa'aa akka turteefi nagaan akka hafte himan.
Konkolaataa akka hin bannee fi homaas akka hin fudhanne hime. Sodaa to'atamna jedhuu waan qabaniif yeroo nama tokko lama qofaatti argatan akka saaman hime.
Qaamni yakkaa kana raawwatu ifatti beekamuu baatus ''qaama hidhatee bosonaa turee booda kana mootummaatti harka kennachuun leenjii fudhatanii uumatatti makamanidha odeeffannoon jedhu jira. Isaanitu hidhateema bosona dahoo godhachuun saamicha irratti bobba'eera'' jedhe maddi odeeffannoo keenyaa kun.
BBC'n qaama walaba tahe irraa odeeffanno kana qulqulleeffachuu hin dandeenye.
Qaama mootummaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa irraa odeeffannoo argachuuf yaallee hin milkoofne.
Nama ukkaamsanii Birrii guddaa harkaa fudhatanii gadhiisuun naannichatti waanuma baratame tahuu himuun hawwaasuma naannicha jiraataniifiyyuu yaaddoo guddaa tahuu hime.
Konkolaachisaan arfaffaa irra imalaa ture guyyaa lamaan duras isatti dhukaasnaan saffisaan jalaa oofee bahee ture kan jedhu maddi odeeffannoo keenyaa kun konkolaachiftoota kaan waliin tahuun ni darbina jedheeti guyyaa sanas kan deeme jedhe.
Yaalii saamichaa fi ajjeechaa yeroo afur jalaa akka bahe kan hime. Daandiin filannoo biraa tahu gara Finfinnee geessu karaa magaala Shaambuu yoo tahe malee hin jiru.
Saamtota bosona naannichaa keessa daheeffachuun konkolaachiftootaa fi jiraattota naannoo sanaa saamanii fi ajjeesantu jira jedhan.
Konkolaachisaan jalqabarra ajjeefame Toomaas konkolaataa maatii isaa oofa. Gara waggaa 11 konkolaachisummaa hojjechaa kan ture Toomaas Ijoollee lamas godhateera.
Garuu nama nagaa hojjetatee jiraatu karaa irratti gaaffii tokko malee ajjeesanii deeman.
''Nuyi erga naannoo Guduruutti nagaa dhabnee bubbulleerra. Qaamni nu tiksus hin jiru. Sodaannee erga achii baanee Finfinnee gallee waggaa torba taheera. Oromoo taaneeti qe'ee keenyarraa baqachaa jirra'' jedhan abbaan isaa.
Ajjeechaan uummata nagaa irratti Shawaa Lixaa fi godinaalee Wallaggaa keessatti gaggeeffamu ammas hammaatee itti fufeera.
Shawaa Lixaa aanaa Noonnootti ajjeechaa ''finxaaleyyii'' raawwataniin namoonni 16 ajjeefamaniiru.
Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti hidhattoonni Faannoo namoota nagaa konkolaataa uummataa keessaa ajjeesuun dhiyeenya gabaafameera.












