Shawaa Lixaatti 'finxaaleyyiin Amaaraa' mana cidhaa boombiin haleeluun namoota 20 ol ajjeesan-Aanga'aa

Madda suuraa, Miidiyaa Hawwaasaa
Shawaa Lixaa aanaa Noonnootti 'finxaaleyyiin Amaaraa' haleellaa mana cidhaarratti raawwataniin yoo xiqqaate namoota 24 ajjeesuusaanii Komand Postiin aanichaa Obbo Tashoomaa Sobboqaa BBCtti himan.
Obbo Tashoomaan haleellaan kun guyyaa Sanbatatti bari’u gara bariirra raawwatamuu himan.
Haleellaa kana 'finxaaleyyii Amaaraa' raawwachuu kan himan Obbo Tashoomaan, "namoonni kunneen osoo mana cidhaa jiranii duubaan mana itti cufuun boombiidhaan haleelan.
Warra birmannaa dhufan ammoo alatti rasaasaan haleelaa turan. Manicha keessaa namni bahe tokkoyyuu hin jiru. Achuma keessatti gubatan. Homtuu hin hafne," jechuun waan mudate ibsu.
Mushurraafi misirrittii dabalatee maatiin isaan waliin manicha keessa turan hunduu achumatti du’aniiru jedhan Obbo Tashoomaan.
‘’Reeffa adda baasuun hin danda’amne. Reeffa adda baasuuyyuu miti kun reeffa kun muka gubatedha jedhanii adda baasuun rakkisaadha.’’
Dabalataan manneen naannoo sana jiran 22 ol tahanitti abidda qabsiisuun gubaniiru jedhan Obbo Tashoomaan.
Haleellaan kun Shawaa Lixaa aanaa Noonnoo keessaa ganda Biiftuu Jaalalaa jedhamu keessatti raawwate. Gandi kun gara daangaa Uummattoota Kibbaa gara Guraageetti akka dhiyaattu himan Obbo Tashoomaan.
Namoonni haleellichaan du’an ammatti gara 24 tahuu dhageenye. Garuu manneen naannichaa gubatan keessas namoonni du’na jiraachuu waan danda’uuf ragaa jiru qulqulleeffachaa jirra jedhan.
'...isaan biratti namni Afaan Oromoo dubbatu kamiyyu akka ‘Shanee’ ta’etti ilaalama'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sababa nageenyaatiif jiraataan akka maqaan isaa hin eeramne gaafataniifi bakka finxaaleyyiin Amaaraa kun ummata cidharra ture halaleelan birmatanii deemuu dubbatan reeffallee adda baasuun rakkisaa akka ta’e BBCtti himan.
Namoota lubbuun hafan baraaruuf yeroo halkan keessaa sa’aatii shanirratti achi qaqqaban buufata fayyaa fidnetti manneen afur ta’an akka boba’an kan himan jiraataan kun, “namoota gocha hammeenyaa kana raawwatan ofirraa eegaadhuma ibidda sana dhaamsuuf yeroo jennu humnaa ol ta’eera,” jedhan.
“Iddoo sana cidhatu ture, balballi itti cufameetu boombiin itti darbatame. Yeroo boombiin darbatamutti warrammoo ulaa banee gadi darbe rasaasaan rukkutaa, kaan ammoo keessatti ol deebisaa [turan].
Baayyee nama suukanneessa wanti ta’e; achi keessatti namoota adda baasuuf nama dhiba… Tilmaamaan namoonnii hanga 37 ykn 39 ta’an bakkuma tokkotti dhuman,” jechuun waan rifaasisaa argan himu.
Namoota dhuman adda baasuun rakkisaadha kan jedhan jiraataan kun, mataa namaa qofa lakkaa’uun lafee guuranii akka awwaalanillee ibsan.
Sababa finxaaleyyiin Amaaraa kunneen gocha sukkaneessaa kana raawwataniif ifatti beekamuu baatus garuu, isaan biratti namni Afaan Oromoo dubbatu kamiyyu akka ‘Shanee’ ta’etti ilaalama jedhan jiraataan BBCn dubbise kun.
Erga haleellaan kun dhaqabee humni ittisaafi komaandoo naannicha galuu kan himan Obbo Tashoomaan, uummanni miira keessa waan galeef haalicha tasgabbeessaa jiraachuu himan.
Xiqqoo har’a tasgabbaa’eera. Garuu uummanni miira keessa waan jiruuf haalichi ulfaataadha jedhan.
Haalli haleellichi itti raawwates uummata dheekkamsiiseera jedhan.
Haleellaan akkanaa aanicha keessatti yoo raawwatu kan jalqabaa miti.
‘’Waggaa lama dura ganda Mattuu Sillaasee jedhamu keessatti finxaaleyyiin Amaaraa haleellaa raawwatanii namoota 16 boolla tokkotti awwaalleerra.’’
Finxaaleyyiin kunneen hidhatanii nama tokko tokkoonis al takkaatti namoota baay’ee irrattis haleellaa raawwachaa turuu himan.
‘’Shakkii qabnuun iddoo biraarraa qindaa’anii seenanii haleellaa raawwatu. Asii ammoo namootni isaan qindeessan jira.’’
Itti dabaluun ammayyuu naannoo laga Gibee qabatanii akka jiran odeeffannoo qana jedhan. Teessumni lafa isaa mijataa waan hin taaneef oppireshinii gaggeessuufis rakkisaadha jedhan.
Haleellaa A.L.I Ebla 02, 2014 [2022] gandoota Aanichaa Alii Aboo Saree fi Huleegeetaa Karrayyu jedhamanitti raawwatame kmanneen jireenyaa qonnaan bulaa 46, beeyladooti mana keessa turan gutummaatti barbadaa'uu Waajjiri kominikeshiinii aanichaa himee ture.
Finxaaleyyiin Amaaraa kunneen Godinaalee Shawaa Lixaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa keessatti irra dedeebiin haleellaa raawwachaa turaniiru.
Waggoota shanan darban godinaaleen Lixa Oromiyaa irra jireessi isaanii rakkoo nageenyaaf saaxilamaniiru.
Irra caalaa godinaalee kanneen keessa hidhattootni WBO socho’anis darbee darbee finxaaleyyiin Amaaraas haleellaa raawwataniin miidhaa guddaan lubbuu fi qabeenya namaarra gaheera.
Horroo Guduruu fi Wallagga Bahaa aanolee adda addaa keessatti haleellaa dhaqabsiisaniin kumaatamni qe’ee irraa buqqa’uun kaan lubbuu dhabaniiru.












