Waa'ee daa'ima ganna lamaa gadii Iluu Abbaa Booritti 'qaama mootummaan' ajjeefame' jedhamee kan beeknu

Madda suuraa, Kominikeeshinii Aanaa Biloo Nophaa
Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Billoo Noophaatti daa'imni waggaa tokkoo fi baatii saddeetii godoo miidhaan eeganitti ajjeeffamuun dhiyeenya kana ijoo dubbii miidiyaa hawaasa ture. Dheekkamsas kaasee ture.
Ajjeechaa torban lama dura raawwate hordofee Waajirri kominikeeshinii aanichaa ajjeechicha kan raawwate hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)ti jechuun miidiyaa hawaasaarratti ibsa baasee ture.
Bulchaan Aanaa Billoo Noophaa Obbo Dajanee Kabbadaa daa'mni kun walitti dhukaasa hidhattoota WBO fi qaamolee mootummaa gidduutti ajjeefamuu BBC'tti himanii turan.
Haati daa'ima ajjeefamee Adde Zaaraa Hasan garuu qaamolee nageenyaa mootummaan ajjeefamuu ijaan arguu BBC'tti himan.
WBO tu daa'ima ajjeese isa jedhameef deebii yoo kennan ''soba, soba. Waan ijjikoon argen haasa'a ani'' jechuun deebisan.
''Mucaan koo ajjeefame waggaa tokkoof ji'a saddeeti. Iddoo godoo midhaaniitti ajjeefame. Abbaansaammoo lubbuu oolfateera'' jedhan.
Daa'ima ajjeefamee bakka rukutamee kufee kan kaase qaama mootummaati kan jedhan Aadde Zaaraan, ''kan ajjeefames qaama mootummaa, makkalaakayaanii'' jechuun himan.
Qondaalli mootummaa aanichaa daa'imni kan ajjeefame walitti dhukaasa gidduutti ta'uu yoo himan, haati daa'ima ajjeefamee garuu sababa ''WBO qallabdu jedhuun mucaa keenya ajjeesan'' jedhu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBC himannaa haadha kanaa qaama biraarraa ammatti mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Haata'u malee, kutaalee adda addaa WBO keessa sosso'utti sababa WBO ''qallabdu,'' ilmi keessan miseensa WBO, WBO dahachiiftuufi sababoota biroo kana fakkaataniin hawaasni qaamolee nageenyaa mootummaan dararaa hanga du'aatti argaa akka jiru irra deddeebiin himata.
Gama kaaniin hidhattoonni WBOs mootummaa deeggartu sababa jedhuun uummata nagaarratti tarkaanfii hanga du'a fudhata jechuun himatama.
Aadde Zaaraan ajjeechaa daa'imasaanii kana booda qe'eesaaniirraa baqatanii akka jiraniifi, abbaan warraasaaniis magaalaa Noophaatti hidhamee akka jiru himaniiru. Mana murtii dhiyaatee akka hin jirres dubbatan.
''Waan hidhameef hin beknu'' kan jedhan Aadde Zaaraan, erga hidhamee torban lama ta'uu dubbataniiru.
Mucaan isaanii rasaasaan rukutamee kan du'e torban lamaan Roobii darbee yoo ta'u, Adoolessa 17/2025 awwaalchisaa raawwatame.
Aadde Zaaraan daa'imni isaanii qaama mootummaan ajjeefamuu akka itti adda baasan gaafatamanii, milishaa gandaatu keessa jiraa jedhan.
Milishaa gandaa moo qaama mootummaa kamtu mucaa ajjeese jedhamanii yoo gaafataman ammoo ''makkalaakayaadha'' jedhan. Uffata Raayyaa Ittisa biyyaa uffatu jedhan.
Haala ajjeechaan kun itti raawwateefi taatee sana boodaa yoo himan, ''guyyaa keessaa sa'aa 11:30tti godoo boqolloo biratti ajjeesan'' jedhan. ''Achumaan abbaanis reeffa mucaa lafa kaa'ee baqate'' jedhan.
Naannoosaanii hidhattootni WBO akka socho'aniifi wayita isaan naannicha keessa sosso'an hawaasni naannichaa marti walitti qabee nyaata akka dhiyeessuuf haati kun mirkaneessaniiru.
Ammoo waan hawaasni godhuun addatti isaan waan godhan akka hin qabne dubbatan.
Gama kaaniin namoonni ajjeechaa daa'ima kanaa kan raawwate qaamolee nageenya mootummaati kanneen jedhanis turaniiru.
Aadde Zaaraan daa'ima jalaa ajjeefameen alatti mucaa dubaraa ganna jahaa tokko qabu.
Mucaansaanii dubaraa kunis taatee ajjeechaan kun itti raawwateen rifachuun dhibamtee waldhaansatti marmaaraa jirtii jedhaniiru. Ofiin ammoo qe'eesaaniirraa baqatanii akka jiran himan.
''Gaafasuma naate, ergasii nagaa hin taane hanga har'aatti.''
Aadde Zaaraan amma yaaddoo keessan jira, wanti na gammachiisu homtuu hin jiru. manakoorraas, qabeenya koorraas baheen mana namaa jiraachaa jira.''
Wanti ammaa achi barbaadan abbaan warraasaanii gadhiifameefi mucaasaanii waggaa jahaa nagaan guddisuu akka ta'e dubbataniiru.












