Itoophiyaatti hidhaafi ajjeechaan itti fufuu Komishiniichi beeksiise

Dubartii gaddaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Walitti bu'iinsawwan humnootii mootummaafi qaamolee hidhatan gidduutti naannolee garagaraa keessatti itti fufaniin waggaa darbe keessa lammiileen nagaa ajjeefamuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) beeksise.

Komishinichi haala mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessaa ilaalchisee gabaasa waggaa Waxabajjii ALI 2016 hanga Waxabajjii 2017 kan baase yemmuu ta'u, gabaasicha keessattis mirgi lubbuun jiraachuu, mirgi bilisummaa, qabiinsi mirgoota namoomaa namoota hidhaarra jiranii dabalatee haalli mirgoonni siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa irratti argaman hammatamaniiru.

Gabaasicha miidiyaaleef kan dhiyeessan Daayrektarri Olaanaa Komishinichaa Birhaanuu Addeelloo, "walitti bu'iinsawwan naannolee garagaraa keessatti itti fufan fi rakkooleen nageenyaa irra deddeebiin hammaatan yeroo gabaasichaa keessatti mirga lubbuun jiraachuu, nageenya qaamaa fi mirgoota bu'uraa irratti miidhaa qaqqabsiisaniiru" jedhan.

Akka fakkeenyaattis naannoo Amaaraa keessatti walitti hu'iinsa humnootii mootummaafii hidhattoota Faannoo akkasumas naannoo Oromiyaa keessatti walitti bu'iinsa humnootii mootummaafii hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ABO Shanee jedhuun gidduutti taasifamaniin lubbuun lammiilee nagaa darbuu Komishinichi himeera.

Dabalataan "Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO Shanee jedhamuun kan beekaman) konkolaataawwan geejiba ummataa magaalota garagaraarraa gara Finfinnee imalan dhaabsisuun nama butuu itti fufaniiru" jedheera.

Hidhattoonni kun imaltoota butan gadhiisuuf maallaqa guddaa gaafachuun cinatti kunneen kaffaluu hindandeenyerratti ajjeechaa dabalatee sarbama mirgoota namoomaa heddu raawwataniirus jedha gabaasichi.

Naannolee Amaaraafi Oromiyaa dabalataan naannolee akka Giddugaleessa Itoophiyaa, Kibba Itoophiyaa, Benishaangul Gumuuz fi Gaambeellaa keessattis sababa walitti bu'iinsawwanfii rakkoolee nageenyaan qaamoleen mootummaa, hidhattoonni, gareewwan gurmaa'an akkasumas qaamolee eenyummaansaanii hinbeekamneen lubbuufii qaama namaarratti haleellaan raawwachuunsaanis gabaasicha keessatti eerameera.

Mirga bilisummaafi qabiinsa mirga hidhamtootaa

Gabaasni waggaa Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa baase, naannolee Amaaraafii Oromiyaa iddoowwan garagaraatti akkasumas naannolee Giddugaleessa fi Kibba Itoophiyaatti godinaalee muraasa keessatti sababoota "Koomaand Poostii" fi "Haala Waqtaawaa" jedhaniin hidhaafii sarbamni mirgoota namoomaa raawwatamuu itti fufuu himeera.

Labsiin yeroo muddamaa bara 2016 labsame ji'a Caamsaa 2016 xummuramus, Naannoo Amaaraa keessatti bifa haalli yeroo muddamaa jiru fakkaatuun iddoowwan hundatti hidhaan jumlaa yeroo dheeraa raawwatamaa jiraachuus himameera.

Naannoo Kibba Itoophiyaa godinaalee garagaraa keessattis "Koomand poostiin kan shakkamtanidha" jedhamuun namoonni hidhaa dheeraaf saaxilamuusaaniis gabaasa komishinichaa keessatti eerameera.

Gama biraatiin komishinichi hordoffii waajjiraalee Poolisii, manneen sirreessaa fi iddoowwan tursiisa hidhamtootaa garagaraa irratti taasiseen waajjiraalee poolisiifii manneen sirreessaa naanolee garagaraa keessatti qabiinsa mirgoota namoomaa shakkamtootaarratti foyya'iinsawwan muraasni mul'achuu beeksiseera.

"Ta'us naannolee garagaraa keessatti rakkooleen qabiinsa mirgoota namoomaa shakkamtootaafii sirreeffamtootaa hedduun haala turaniin itti fufaniiru yookiin immoo hammaataniiru" jedheera.

Rakkoolee mul'atan keessaayis waajjiraalee poolisii hordoffiin irratti taasifame heddu keessatti shakkamtootaaf sooratni kan hindhiyaanne ta'uufii manneen sirreessaa keessattimmoo sooratni madaalawaa ta'efii qulqullinasaa eeggate gama dhiyeessuutiin hanqinni jiraachuu akka ta'an himameera.

Yaadawwan Komishinichaa…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haala mirgoota namoomaa Itoophiyaa keeessarratti gabaasa fuulawwan 142 qaban qindeessuun kan ifoomse Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa, yaadawwan furmaataafii kallattii gara fulduraas kaa'ee jira.

Haaluma kanaan qaamoleen naannolee Amaaraafii Oromiyaa keessatti walitti bu'iinsa irratti hirmaachaa jiran walitti bu'iinsa kamiyyuu keessatti seerotafii labsiiwwan mirgoota namoomaa idil addunyaa fi namoomaa akka kabajan hubachiisera.

Qaamoleen kun "Lubbuu, qaama fi qabeenya lammiilee siiviilii irratti haleellaa raawwachuurraa akkasumas sarbamawwan biroo raawwachuurraa akka ofqusatan" jedheera.

Kana malees mootummaa dabalatee qaamoleen hidhatan waldhibdee siyaasaa mariidhaan furuuf kutannoon akka hojjetan hubachiisera.

Haala naannoo Tigraay ilaalchisees qaamoleen waliigaltee Piritoriyaa mallatteessan ibsawwan gaarii hintaane baasurraa akka ofqusatanfii akkaataa nageenyafii haala mirgoota namoomaa naannicha keessatti mirkaneessuun akka socho'an waamicha dhiyeesseera.