'Abbaan ajjeefamee ilmi hangafaa qe'eetti deebinaan isas ajjeesan'

Obbo Hirkiisaa Habtaamuu jedhamu. Maatii isaaniif hangafa. Namoota haleellaa Godina Horro Guduruu Wallaggatti raawwateen ajjeefaman keessaa tokko jedhu firri isaanii.
''Qaroo dhabeessadha, iji tokko hin argu. Baqachuuf iyyuu baay'ee isa rakkisa. Kaleessa [Dilbata] osoo inni loowwan gara dallaatti galchee deebi'utiiti kan isaan boombiidhaan,'' itti darbatanii ajjeesan jedhan.
Haleellaan hidhattooti Faannoo itti himataman kuni Aanaa Jaardagaa Jaartee Ganda Haroo Habuu naannoo Gabaa Sambataa jedhamutti Dilbata galgala mudate.
Miseensi maatii firri isaanii haleellaa kanaan ajjeefamuu himan akka jedhanitti, haleellaa tibbanaan namoonni 10 du'aniiru.
BBC'n waa'ee haleellaa tibbanaas ta'e hamma ajjeefaman waan addatti odeeffate hin qabu. Aangawootarraa odeeffatuuf yaaliin taasisees hin milkoofne.
Miseensi maatii humnoonni mootummaa ''Erga gochi kuni raawwatame dhaqaniis homaa gochuu hin dandeenye,'' jedhan hidhattooti baqachuu himuun.
Abbaan nama haleellaa tibbanaan ajjeefaman jedhaman, Obbo Habtaamuu Mararaa, waggaa lama dura haleellaa raawwateen ajjeefamuu firri isaanii kuni himu.
Kana booda jireenya isaanii naannawa magaalaa Finfinnee dhiisuun qe'eetti deebi'an jedhu sababa nageenyaaf maqaa dhoksuun.
''Maatii jiraachisuuf hangafa waan ta'ef itti gaafatamummaa fudhatee gara kanaa deebi'ee kunoo akkasittin galaafatani.''
''Habtaamuu turtii wagga lama dura kan isaan ajjeesan. Ammas dabalata Hirkisaadhaan balbalumatti akkuma abbaa isaa ajjeesan irra deebi'anii ajjeesan'' jedhan.
Ajjeechaan akkanaa raawwatuun yoo gabaafamu kuni yeroo duraaf miti.
Torban duras haleelaa hidhattooti kuni itti himataman godinichuma Aanaa Abee Dongorootti mudachuun deddeebiin raawwachuun gabaafameera.
'Owwaalchi bakka tokko raawwate'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ajjeechaan Godina Horro Guduruu Wallaggaatti ALI Dilbata Bitootessa 28, 2017 galgala keessa naannoo sa'aatii 12 raawwachuu nami BBC'n dubbisu kuni himu.
Namoota hidhattoonni ajjeessan irra caalan dargaggoota yoo ta'an sirni awwalcha isaaniis guyyaa Wiixataa raawwatameera.
''Firoota kiyya dabalatee namoonni lubbuun darban namoota kudhani hanga ammaatitti kanan qulqulleeffadheeru.
''Guyyaa har'aa [Wiixata] boolla tokkotti owwaalchi isaanii naannoo sa'aatii jaaharra raawwatamaa kan inni ture,'' jechuun BBC'ttii kan himan.
Namoonni ajjeefaman ganduma tokko garuu bakka garagaraa ta'uu dubbatan.
Maatii tokko keessaa obbolaan dhiiraa lamaafi daa'imni kan miidhaman jiru kan jedhan namni kuni, kaan garuu hanga nama shanii bakka tokkotti ajjeefamu dubbatu.
Ajjeechaan tibbanaas aangawoonni jiraattonni qe'eetti ''dirqiin'' akka deebi'an erga taasisan booda ajjeechaan raawwatuu himu.
Obbo Hirkiisaa biratti nami biraallee akka ajjeefame dubbatan.
Sababa haleellaan irra deddeebbiin raawwatuuf jiraattonni qe'eerraa fagaatanii magaalota buufatanii turan.
Ajjeechaa irra deddeebi'e
Waggoota muraasa darban sababoota siyaasaa, sochii hidhattootaafi kaaniin haleellaan saba bu'uureeffate irra deddeebiin raawwataa jira.
Ajjeechaa kanaaf immoo hidhattoota WBO kan mootummaan Shanee jedhuufi hidhattoota Faannootu himatama.
Caasaan nageenyaa mootummaas ummata tiksuu dhabuun komiin irra deddeebiin irratti ka'a.
Gama kaaniin, caasaadhumti mootummaa haleellaa hidhattoota kanaan lubbuu dhaban akka jiran kana dura irra deddeebiin gabaafamaa ture.
Sababa hidhattooti Faannoo jedhan kuni ummata nagaarratti haleellaa raawwatan jedhameef maali jechuun BBC'n miseensa maatii duraa ajjeefamu himan gaafateera.
''Duraan saamichi garagaraa ta'ee ture ammas saamichuma kanatti irra deebi'e,'' jedhan.
Hidhattooti Faannoo kana dura irra deddeebiin horii, midhaan akkasumas qabeenya hawaasichaa saamuun himatamu.
Jiraattoonni qaamoleen nageenyaa mootummaa fi hidhattoonni WBO hidhannoo hawaasarra funaanuun haleellaaf nu saaxilaniiru jedhanii himatu
''Ummata harka qullaa qe'eetti deebi'aa,'' jechuun haleellaan raawwate jechuun komatu.
Yaada kanarratti BBC'n deebii aangawootaa waan odeeffate hin qabu.












