Itoophiyaan Sinotiraakiin biyya akka hin seenne dhorkite

Madda suuraa, EBC
Itoophiyaan konkolaataa Chaayinaa Sinootiraakii jedhamuun beekamuu akka biyya hin seenne dhorkuu beeksiste.
Dhimmi kunis dhimma qulqullina waliin akka walqabatu aangawaan miidiyaa biyyaalessaatti himaniiru.
Komishiniin Gumurukaa Itoophiyaa ''rakkoon qulqullinaafi teeknikaa'' konkolaataa kanaa hanga fooyya''utti gara biyyaa akka hin seenne akka taasifamedha kan gabaafame.
Itoophiyaan biyya konkolaataa xiqqoo qabdu taatus, wagga waggaatti balaan konkolaataa lammiilee kumaatama galaafata.
''Hanqinni qulqullinaa yeroo yerootti lubbuu namaas qabeenyas balleessaa waan jiruuf, dhaabbati oomishu fooyya'insa hanga taasisutti konkolaatichi gara biyyaa akka hin seenne dhorkamuu,'' Daarektarri Kominikeeshinii Komishinii Gumurukaa Obbo Zarihuun Asaffaa EBC'tti kan himan.
Dhimma kanarratti dhaabbatichi waan jedhe yoo jiraate hin beekamu.
Akka qondaala kanaatti, Ministeerri Geejjibaafi Lojistikii konkolaattonni kunneen rakkoo qulqullinaafi teknikaa akka qaban eere.
Kanaanis, konkolaattonni kuni gara biyyaa akka hin seenne dhorkuu xalayaa ergeen beeksisuu qondaalli kuni dubbatani.
BBC'n kanaan dura waa'ee konkolaataa kanaa konkolaachistootaafi to'attoota tiraafikaa dubbisee ture.
''Kubbaaniyyaan konkolaaticha oomishu oomisha isaarratti sirreeffama hanga taasisutti ALI Caamsaa 27, 2017 eegalee dhorkaan kuni hojiirra ooluu,'' ibsaniiru.
Guyyaa kanaa eegalee gara biyyaa akka seenu eeyyami kenname akka hin jirre dubbatani.
Murteen kuni garuu reefu ummataaf ifa ta'e.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaatti guyyaa guyyaadhaan balaa konkolaataatiin lubbuun namoota hedduun darbuu dhagahuun baratamaa ta'aa dhufeera.
Balaa konkolaataa qaqqabu kan duubas yeroo baayyee maqaan konkolaataa fe'iisaa Siinotiraakii jedhamuu yoo ka'u dhagahama.
Kanaan walqabatees, bakka garaa garaatti konkolaataa siinootiraakii kanaaf maqaa masoo ''Shibbiruu,' 'qayyi -shibbir' fi kkf jedhun akka waaman konkolaachistoonnii fi to'attoonni tiraafikaa ni dubbatu.
Ofii siinotiraakiin Itoophiyaatti konkolaataan kaan caala balaa qaqqabsiisaa?
BBC'n waggaa dura yeroo iyyaafatetti Tajaajilli Nageenyaa Tiraafikaa Daandii Federaalaa dhimma kanarratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu ibsee ture.
Sababiiwwan mudannoo akkasiitiin wal qabatees, konkolaataa kana konkolaattoota kaan biraa caalaa akka sodaatamu himu konkolaachiiftoonniifi tiraafikoonni.
Balaa garagaraa waliin maqaan isaa eerama jechuun namoonni konkolaataa kana akka sodaatan kan ibsan jiru.
Obbo Nagaasaa Bulchaa konkolaachisaa Sinotiraakii dha.
''Imaltoonni karaa akka qaxxaamuranii yeroo dhaabnuuf illeen waan sodaataniif jecha imaltoonni dursa konkolaatichi akka darbee deemu gaafatu'' jedha.
Konkolachiisaan Sinotiraakii biraa Alamayyoo Kabbadaa ammoo, sinoon saffisaan imalarra osoo jiruu luugamasaa to'achuun rakkisaa ta'uu himan.
Konkolaataan sinoo kunis kan ba'aa guddaa ykn hanga midhaan kuntaala 250 baachuu danda'uu ta'u kaasuun ciminasaa ibsan Obbo Alamayyoon.
Amala konkolaataa kanaa yeroo ibsu ammoo, saffisaan fiigaa wayita jiru akka konkolaataa biraatti bakka barbaadametti salphaatti to'achuun ''rakkisaadha'' jedhan.
Haata'u malee konkolaachistoonni lachuu; Obbo Alamayyoo fi Obbo Nagaasaan, konkolaataan sinoo rakkoo teekinikaa addaa qabaachu hin ibsine.
Konkolaataan Sinotiraakiin kun yeroo jalqaba Itoophiyaa seenu irra dhiheenya keessa balaan qaqqabsiisu hir'ateera jedhee amana Obbo Nagaasaan.
Akka Obbo Nagaasaatti, konkolachistoonni amala konkolaatichaa baraa waan dhufaniif balaan qaqqabsiisan hir'ataa dhufe.
Saajiin olaanaa Kumalaa Yaadasaa to'ataa tiraafikaa magaalaa Maqiiti. Waggoota 11 darban to'ataa tirafikaa ta'uun hojjataa turan.
To'ataa tiraafikaa Saajiin Kumalaan haala konkolaattoota kaanirra adda ta'een Sinotiraakiin balaa qaqqabsiisa jiraachuu amanu.
''Sinootiraakiin farda luugama kutee deemu, akka waan ofiin qofa deemutti hawaasni ilaala'' jedhan.
Yeroo konkolaataan kun halalarra dhufu, kaan konkolaataa dhaabee hanga darbutti bir'ataa of bira dabarsa jedhan.
Tajaajila Nageenyaa Tiraafikaa Daandiifi Fandii Inshuraansii Federaalaatti irraa Obbo Yohaannis Lammaa, kana dura balaan sababa konkolaataa kanaan babal'atu isaa baruuf qorannoon akka barbaachisu himu
Yeroos qorannoon qaamolee garaa garaa hirmaachise garuu eegalamuu ibsaniiru.
Akka biyyaatti balaa konkolaataa danuu kan qaqqabsiisan konkolaatoota daldalaati jechuun qondaalli kuni BBC'tti himanii turan.












