Sinotiraakii: Konkolaataa dhaabbiitti namni dura qaxxaamuruu sodaatu

Madda suuraa, SM
Itoophiyaatti guyyaa guyyaadhaan balaa konkolaataatiin lubbuun namoota hedduun darbuu dhagahuun baratamaa ta'aa dhufeera.
Balaa konkolaataa qaqqabu kan duubas yeroo baayyee maqaan konkolaataa fe’iisaa Siinotiraakii jedhamuu yoo ka'u dhagahama.
Kanaan walqabatees, bakka garaa garaatti konkolaataa siinootiraakii kanaaf maqaa masoo ''Shibbiruu,' 'qayyi -shibbir' fi kkf jedhun akka waaman konkolaachistoonnii fi to'attoonni tiraafikaa ni dubbatu.
Dhiyeenyuma kana illeen balaa konkolaataa naannoo Duukamitti qaqaabuun lubbuu namoota torbaa galaafate waliin walqabatee konkolataan kun keessatti hirmaachu himameera.
Ofii siinotiraakiin Itoophiyaatti konkolaataan kaan caala balaa qaqqabsiisaa? Rakkoon kun konkolaaticharraati moo konkolaachisoota irraa kan maddeedhe? Dhimma kanarratti konkolaachistoota, tiraafikaa fi qondaala biiroo nageenya tiraafika daandii Itoophiyaa dubbisneerra. Dhiyaadhaa.
Konkolaataa dura qaxxaamuruu sodaatamu
Tajaajilli Nageenyaa Tiraafikaa Daandii Federaalaa dhimma kanarratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu BBCtti hime.
Sababiiwwan mudannoo akkasiitiin wal qabates, konkolaataa kana konkolaattoota kaan biraa caalaa akka sodaatamu himu konkolaachiiftoonniifi tiraafikoonni.
Sinotirakiin konkolaata ba'aa guddaa geejjibuuf Itoophiyaatti tajaajila kennaa jiru ta'ullee, konkolaataa osoo dhaabatuu namoonni dura darbuu sodaatan ta'uu konkolaachistoonni Sinotiraakii BBCtti himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Nagaasaa Bulchaa konkolaachisaa Sinotiraakii yoo ta'u, ''imaltoonni karaa akka qaxxaamuranii yeroo dhaabnuuf illeen waan sodaataniif jecha imaltoonni dursa konkolaatichi akka darbee deemu gaafatu'' jedha.
''Asfaaltiirraatti namni akka karaa qaxxaamuruuf yoo dhaabne namni fuuldura hin qaxxaamuru. Akka waan ofiif deemutti ilaalu, dursa ati darbi jedhu’’ jedha.
Konkolachiisaan Sinotiraakii biraa Alamayyoo Kabbadaa ammoo, sinoon saffisaan imalarra osoo jiruu luugamasaa to'achuun rakkisaa ta'uu himan.
Konkolaataan sinoo kunis kan ba’aa guddaa ykn hanga midhaan kuntaala 250 baachuu danda'uu ta'u kaasuun ciminasaa ibsan Obbo Alamayyoon.
Amala konkolaataa kanaa yeroo ibsu ammoo, saffisaan fiigaa wayita jiru akka konkolaataa biraatti bakka barbaadametti salphaatti to'achuun ''rakkisaadha'' jedhan.
Haata'u malee konkolaachistoonni lachuu; Obbo Alamayyoo fi Obbo Nagaasaan, konkolaataan sinoo rakkoo teekinikaa addaa qabaachu hin ibsine.
Konkolaataan Sinotiraakiin kun yeroo jalqaba Itoophiyaa seenu irra dhiheenya keessa balaan qaqqabsiisu hir'ateera jedhee amana Obbo Nagaasaan.
Akka Obbo Nagaasaatti, konkolachistoonni amala konkolaatichaa baraa waan dhufaniif balaan qaqqabsiisan hir'ataa dhufe.
Balaa konkolaataa kanaan iddoo adda addaatti qaqqabe yeroo tarreessu naannoo Hoolotaatti balaan miseensota maatii tokkoorra gahe sukanneessaa akka ture eere.
Obbo Nagaasaan akka konkolaachisaatti hojiif bakkeedhaa gara bakkatti wayita imalaniitti miidhaa lubbuu namaaf qabeenyarra gahaa jiru akka argu ibse.
To'ataan tiraafikaa waa'ee sinoo maal hima?
Saajiin olaanaa Kumalaa Yaadasaa to’ataa tiraafikaa magaalaa Maqiiti. Waggoota 11 darban to’ataa tirafikaa ta’uun hojjataa turan.
To’ataa tiraafikaa Saajiin Kumalaan haala konkolaattoota kaanirra adda ta’een Sinotiraakiin balaa qaqqabsiisa jiraachuu amanu.
''Sinootiraakiin farda luugama kutee deemu, akka waan ofiin qofa deemutti hawaasni ilaala'’ jedhan.
Yeroo konkolaataan kun halalarra dhufu, kaan konkolaataa dhaabee hanga darbutti bir'ataa of bira dabarsa jedhan.
Hawaasni sodaarraa kan ka’e maqaa ''Qayyi shibbir'' jedhuun akka waamu beeku. Namarraa hin goru jedhame sodaatama jedhan.
Bakka to'annoo itti gaggeessan, naannoo Maqiitti sochiin konkolaataa kanaa ni heddumata, baayyinaan cirracha ijaarsaa fe'uuf oola.
Darbee darbee konkolaataa biraatti bu'ee, yeroo kaanis walitti bu'ee balaa qaqqabsiise akka beeku eeran.
Balaa sukaneessaa sinotiraakiin qaqqabsiise keessaa, daandii Buttaajiraa geessurratti konkolaataa hawaasa deddebisutti bu’uun lubbuu namoota 11 battaluma sana dabarsuufi namoota afur biroo miidhama qaamaf saaxiluuf arguu yaadatanii dubbatan.
Saajiin Olaanaa Kumalaa haqina konkolaachistoonni to'achurratti mu'lisaniin miidhaan qaqqaba jedhanii amanu.
Konkolaachistoonni imalarra otoo jranii rafuu, saffisaan konkolaachisuufi daandiin caccabuurraa kan ka’ee balaan qaqqabu akka jiru himan.
Sinotiraakiin lafoo deemaa caala wayita konkolaattota birootti bu’uu gaaga’ama lubbuu hamaa qaqqabsiisa jedhan.
Konkolaataa Sinotiraakiin jalqaba yeroo biyya seenerraa kaasee balaa geessisaa ture jedha.
Umuriin otoo hin ga’iin eeyyama konkolaachisummaa kennuun gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa hordofsiisuu keessatti qooda akka qabu eeran.
Balaa tiraafikaa qaqqabu hir’isuuf warreen qooda qaban; konkolaachistoonni, to’attonni tiraafikaa fi hawaasni waltumsu qabu jedhan Saajiin Olaanaa Kumalaati.
Qondaalli Tajaajila Nageenyaa Tiraafikaa Daandii maal himu?
Hoji-gaggeessaa Tajaajila Nageenyaa Tiraafikaa Daandiifi Fandii Inshuraansii Federaalaa Obbo Yohaannis Lammaa, konkolaataan Sinotiraakii balaawwan qaqqaban jiraachuu kan Dukaamitti dhiyeenya lubbuu namootaa dabarse akka fakkeenyaatti kaasan.
Konkolaattoota kaan caala Sinotiraakiin balaa qaqqabsiisuufi dhiisu garuu adda baasuuf qorannoon akka barbaachisu ibsuun, qorannoo addatti gaggeeffame hanga yoonatti jiraachuu quba akka hin qabne eeran
Ammatti qorannoon qaamolee garaa garaa hirmaachise garuu eegalamuu ibsaniiru.
Akka biyyaatti balaa konkolaataa danuu kan qaqqabsiisan konkolaatoota daldalaati jedhan.
Kunis konkolaattoota fe’iisaafi hawaasa deddeebisan dabalata jedhan. Balaa akka biyyaatti qaqqabuuf haqinni konkolaaachisaafi rakkoo konkolaataa % 82 gumaachaa qaba jedhan.
Balaa addattii konkolaataa kanaan gahu hangam akka ta’e garuu addatti qorannoo gaggeeffame akk hin jirree eeran.
Balaan irra deddeebiin qaqqabuuf ka’umsi rakkoo teekinkaa konkolaaticha ykn haqina konkolaachistootaan umamu addaa baasuuf qorannootu barbaachisa jedhan.
Konkolaattoonni mini-baasii haaraa wayita biyya keessa galan balaa hedduu qaqqabsiisurra kan ka’e moggaasa maqaa garaa garaa argatanii turan jedhan. Sinotiraakiinillee haaluma kanaan moggaasa maqaa akka argate dubbatan.
Itoophiyaatti ji’oota jahan darban keessatti namoonni 1,358 balaa tiraafikaatiin du’uufi 2,600 ol ammoo miidhama qaamaaf saaxilamuu FBC’n gabaaseera.












