'Yoom dhaabata?' - Taphni Liivarpuul itti injifate maaliif gidduutti adda cite?

Mohaammad Saalah yaadannoo Diyaagoo Jootaan imimmaan buuse

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mohaammad Saalah yaadannoo Diyaagoo Jootaan imimmaan buuse

Tapha jalqabaa tapha Pirimeer Liigii Ingilizii bara dorgommii baranaan shaampiyoonaa kan ture Liivarpuul Borniwaamuziin 4 fi 2'n injifate.

Tapha kanarratti deeggartoonni Liivarpuul taphataa isaanii balaa konkolaataan lubbuu dhabe Diyaagoo Jootaa yaaadataniiru.

Maatiin Diyaagoo dirree keessa turan.

Taphataaan Liivarpuul galchii sadaffaa kilaba isaaf galche, Federikoo Chiyeezaa, galchii kana yaadannoo Diyaagoo Jootaa haa ta'u jedheera.

Galchii afraffaa kan galche Mohaammad Saalahis taphichi yeroo xumuramu jifataa isaanii duraanii waan yaadataniif deeggartoota galateeffateera.

Mohaammad Saalaah imimmaan yoo buusus mul'ateera.

Haa ta'u malee, wanti biraa qalbii daawwattootaa hawwateefii ijoo dubbii ta'e tokko jira.

Boqonnaa duraa taphni kuni kan adda cite jifataan Bornimaawuz Antuwaan Semeniyoo haleellaan sanyummaa akka isa mudate erga gabaase boodadha.

Taphataan ganna 25 boqonnaa booda daqiiqaa 12 keessa galchii lama Bornimaawuziif galche kuni mufii ibseera.

Taphataan idil - addunyaa Gaanaa kuni taphicha booda Inistaagiraama isaa irratti ''Yoom dhaabbata?'' jechuun barreesse.

Antuwaan Semeniyoo waan isa qunname daanyaaf dubbatee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Antuwaan Semeniyoo waan isa qunname daanyaaf dubbatee
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka gabaafametti taanaan deeggartoota Liivarpuul keessaati haleellaan sanyummaarratti xiyyeeffate kan isa qunname.

Erga Semeniyoon maqaa sanyii dhahuun isa akka arrabsan abbaa murtiitti hime booda Antoonii Teeyilar taphicha daqiiqaaa 29 irratti dhaabaniiru.

Achis leenjistoota kilaboota lamaan waliin mari'atan.

Yeroo kanatti gama lamaaniinuu galchiin lakkaa'ame hin turre.

Dursaan taphattootaa Liivarpuul fi Boornimaawuz Varjil van Daayik fi Adaam Ismiiz waa'ee taate kanaa itti himame.

Daqiiqaa afur boodas taphichi eegale.

Taateen taphataa Bornimaawuz mudate kana taphattoonni, kilaboonni balaaleeffataniiru.

Dursaan taphattoota Bornimaawuz Adaam Ismiiz taatee mudateen ''rifachuu'' fi ''wanti tokko dalagamuu'' akka qabu dhaame.

''Guutummaan guututti fudhatama hin qabu,'' jechuun aaruu isaa dubbate.

''Battalumaa dirree keessaa akka isa baasan akkan barbaadu daanyaattin hime garuu poolisiin dhaqee dhimmicha fureera,'' jechuun ittisaan kuni hime.

Taphattoonni Liivarpuulis isaan bira dhaabbachuu himuun waan akkanaa furmaata waaraa akka barbaadu hime.

Waldaan Kubbaa Miilaa ibsa baaseen ''taateen akkanaa tapha keenya keessa bakka hin qaban,'' jechuun tarkaanfii akka fudhatan ifa godhatan.

Kilabiin Liivarpuul ibsa baasen gama isaan ''sanyummaa fi loogii kamuu ni balaaleeffanna, hawaaasa yookiin kubbaa miilaa keessa bakka hin qabu,'' jedhee.

Dhimmichi poolisiin qoramataa waan jiruf kana caalaa jechuu akka hin dandeenye ibse.