Yunaayitid moo Arsenaal? - Piriimer Liigii 2025/26 jalqabaan enyutu milkaa'a?

Seeskoo fi Viktar Giyookeresh

Turtii ji'oota sadii olii booda Piriimer Liigiin Ingilaand kana bara 2025-26 deebi'eera. Bara kana dorgommiin kilaboota gidduu taasifamu kan yeroo kamuu caalaa kan cimu fakkaata.

Hunduu bakka rakkoo isaaniirratti hojjechaa ba'an, qaawwa jiru guuttachuun kan falmiif qophaa'an hedduu.

Dorgommii baranaa chaampiyoonaan bara darbee Liiverpuul dirreesaarratti Boornimaaz keessummeessuun eegala.

Taphoota itti fufuun Sambataa fi Dilbata gaggeeffaman keessaa kan Maanchester Yunaayitid fi Arsenaal taphatan akaan eegama.

Masaanuuwwan kunneen keessaa eenyutu irra aana? Xiinxalaan kubbaa miillaa BBC Kiriis Suutan tilmaama taphootaa kaa'eera.

Akkasumas weellisaa Tom Gireenaan fi barana kan dabalame AI tilmaama taphootaa kaa'aniiru.

Jimaata, Hagayya 15

Liiverpuul fi Boornimaaz

Chaampiyoonaan bara darbee Liiverpuul bara kana taphatasaa sarara fuulduraa Diyeegoo Jootaa dhabuutti baayyee qorameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphattoota kaan kanneen akka Luwiis Diyaaz, Aleksaandar Arnool, Daarwin Nuuneez barana kilabicha keessatti hin arginu.

Garuu gareen taphattoota haaraa of keessatti hammate, taphattoota kaan du'aan kaan ammoo kilabicha gadhiisuun, dhabe kun dirree irratti maal akka fakkaatu tilmaamuun ammatti ulfaataadha.

Ittistoota isaa hedduu kan gurgure Boornimaaz ammoo leenjisaa Andoonii Iraawoolaa jalatti waan ga'umsa gaariirra jiran fakkaatu.

Taphattoota Boornimaaz keessaa tokko kan ta'e, Miiloos Kerekezh Liiverpuul galeera. Taphasaa jalqabaa faallaa kilabasaa duraa taphachuun eegala jechuudha.

Leenjisaan Liiverpuul Arnee Siloot ammallee sarara duubaarratti yaaddoo qabu. Kilabichi taphoota Pre-season irratti gooliiwwan keessummeesseera.

Kanarrattis gooliin hedduun akka galu nan eega jedhe Suutan. Keessattuu warri Boornimaaz sammuusaanii keessa kan jiru goolii galchuu waan ta'eef Liiverpuul irratti lakkoofsisuu danda'u jedhe.

Garuu Liiverpuul Anfiildi irratti Boornimaaz caalaa goolii galchuu danda'a jedhe Suutan. Tapha kana Liiverpuul goolii 3 fi 1n akka injifatu tilmaame.

Tilaamam Tom: 2-0

Tilmaama AI: 3-0

Sambata, Hagayya 16

Rakkoo guddaan Niwukasil dhimma Aleksaandar Isaak. Taphataan kun garee kanatti makamee akka hin taphanne beekameera garuu egereensaa akkam akka ta'u hanga yoonaa hin baramne.

Kana jechuun kilabichi jifatasaa goolii galchuun baayyee gumaachuuf malee tapha eegala jechuun. Tarii Antonii Goordan bakkasaa bu'ee taphachuu mala, kanas murteessuun ni cima.

Aston Viilaan illee rakkoo mataasaa qaba. Seera maallaqaa Piriimer Liigii- PSR jedhamu kabajuu ilaalchisee qormaata keessa galeera. Ammoo Waatkins tursiifachuun isaaniif baayyee murteessaadha.

Tapha kana meeqaan akka xumuramu ykn eenyu akka mo'atu tilmaamuun ulfaatus, garuu Niwukasil hanqinuma isaanii waliin ammallee ga'umsa cimaa fi hamilee guddaa qabu.

Garuu Aston Viillaan ammoo qe'eesaatti keessummeessa, kilabichi Unaayi Emirii jalatti maal akka ta'e beekna. Kanaafuu ga'umsa Viillaa fi daddaaqama Niwukasil yoo ilaallu injifannoon kan garee Unaay Emirii ta'a.

Tilmaama Suutan: 2-1

Tilmaama Tom: 1-2

Tilmaama AI: 2-2

Kilaba tilmaamuun nama rakkisu keessaa tokko Fulhaam. Ga'umsi isaanii dhaabbataa miti, garuu osooma hin eegamin qabxii argatu.

Bara kana garee bara darbee irratti taphataa dabalan hin qaban. Leenjisaa Maarkoo Siilvaa jalatti gareen kun taphataa nama hawwatu taphachuun beekamu.

Addanatti tilaami kiyya gara Biraayitan jira jedha Suutan. Garuu kilabichi Jaawoo Peedroo dhabuun dhiibbaa akka qabu ni hubatama.

Bara darbe kilabichaaf goolii galchaa kan ba'e taphataa kana.

Biraayitan jifataa lammii Giriik umriinsaa ganna 18 ta'e Charalampos Kostuulas jedhamu mallatteessiseera.

Taphataan kun maqaa guddaa qabaatus umriinsaa xiqqaadha, kanaaf hanga inni itti barutti Daanii Welbeek fi Kaawuruu Mitoomaa irratti hundaa'u jechuudha.

Tilmaama Suutan: 1-0

Tilmaama Tom: Brighton to edge this. 1-0

Tilmaama AI: 2-1

Bara darbe bakka hin yaadamnee ka'uun Piriimer Liigiitti kan guddate Sandarlaand jijjiirama guddaa fideera.

Fedhiin isaanii namatti tola, garuu akka garee kana keessa isaan tursu hin beeku jedha Suutan.

Gareen ol guddate ga'umsa gaarii fi milkaa'inaan jalqabuun murteessaadha.

West Haamis gaaffii keessa jira, wayita Giraam Pooter bara darbe walakkaatti dhufu gareen kun raafama keessa ture.

Leenjisaan kun gareen kun kan ofii ijaare akka hin taane himaa ba'e. Barana garuu sababa akkanaa kaasuu hin danda'u.

Barri kun Giraam Pooteriif bara dorgommii isa murteessaadha, akkasumatti jalqabas jedheen yaada jedha Suutan.

Tilmaama Suutan: 0-1

Tilmaama Tom: It is going to be hard for Sunderland this season. 0-2

Tilmaama AI: 0-3

Tootenhaam bara jalqabaa isaatti Toomaas Firaank irraa waancaa hin eegu, kun leenjisaa kanaaf gaariidha.

Yoom waancaaf eegamaree?

Taphattoonni kilabiin kun mallatteessise hunduu colleedha. Tarii sadarkaa shanaffaatti xumuruuf falmachuu danda'u. Garuu warri Burnley ammas deebi'anii liigicha keessa bu'uu laata sodaa jedhun qaba jedha.

Leenjisaa Iskoot Paarker kilaba kana guddisuu keessatti ga'ee olaanaa gumaacheera. Taphoota 46 keessaa 30 osoo gooliin itti galin xumuran.

Roobii galgala carraa Waancaa Suppar Kaap dabarsee PSG'f kan kenne Tootenhaamiif kun amma carraa guddaadha.

Toomaas Firaank salphaatti qabxii sadi argatee ba'uu danda'a.

Tilmaama Suuta: 3-0

Tilmaama Tom: I'm going with Tottenham here. 1-0

Tilmaama AI: 2-0

Wolvis bara darbe leenjisaa Vitor Pereeyiraa jalatti qindoomina cimaa qabu turan.

Ga'umsa gaariirras turan. Garuu bakki Maatewus Kunihaa gatii isaan kaffalchiisuun waan hin oolle. Nama akkasaatti goolii galchuu fi kubbaa gooliif ta'u kennu eessaa fidu kan jedhu gaaffii ijoodha.

Maanchistar Siitiin taphattoota haaraa ofitti dabale waliin haala kamiin hiriiree dhihaata kan jedhu dhugumatti tilmaamuun ni ulfaata.

Garuu akka bara darbee hin daddaaqaman. Bara darbe utubaasaa Roodirii dhabuun baayyee isa miidhe.

Tarii Siitiin irra aanee Wolvis irraa qabxii saammachuu danda'a.

Tilmaama Suutan: 1-2

Tilmaama Tom: City always seem to start the season strong. 0-3

Tilmaama AI: 1-3

Dilbata, Hagayya 17

Chelsiin yeroo ammaa kilaba ga'umsa ajaayibaarra jiru. Dhihooma kana waancaa Kilab Woorlid Kaap injifataniiru, garuu isaan hunda caalaa Piriimer Liigii mo'achuu barbaadu.

Bara kana Chelsiin ni milkaa'a kan jedhan yaadonni hedduun jiru.

Egaa taphi kun milkaa'inni jedhamu sun hangam ulfaataa akka ta'e kan nu yaadachiisu ta'a.

Sababni isaa Kiristaal Paalaas leenjisaa Oliivar Gilaasner jalatti kilaba ga'umsa cimaa qabu ta'ee jira.

Yeroo kanatti kilaba kamiinuu qoruu danda'u. Ammoo Chelsiin inuma mo'atan jedha jedhe Suutan.

Tilmaama Suutan: 2-1

Tilmaama Tom: I am not sure what to expect from Chelsea this season. 1-1

Tilmaama AI: 2-0

Gareen kunneen akka bara darbee akka hin taane namoonni hedduun yaadasaanii ni barreessu.

Bireentifoord Biriyaan Imbuumoo dhabeera, Yowaan Wiisaa ba'uuf waan deemu fakkaata. Leenjisaan isaanii Tootenhaam seeneera. Eenyu akka goolii galchu hin beeknu.

Haaluma walfakkaatuun Nootiingihaam Foorest akka bara darbee ga'umsa gaarii agarsiisa jedhanii tilmaamuun ni ulfaata.

Antonii Ilaangaa Niwukasilitti gurguran, Kiriis Wuud umriinsaa waggaa 34 ta'uuf deema. Garuummoo yoo xiqqaate Morgan Gibsi Waayit qabu.

Taphi kun garaagarummaa goolii xiqqaan waan xumuramu fakkaata. Garuu Foorest hanga mo'atanitti lakkoofsa gooliirraa waan dhimma qaban miti.

Tilmaama Suutan: 1-0

Tilmaama Tom: 2-1

Tilmaama AI: 1-1

Dorgommii Piriimer Liigii tapha akkanaan eegaluun dorgommicha bareecha. Taphattoota haaraa Maanchester Yunaayitid mallatteessise Biriyaan Imbuumoo fi Maatewus Kunihaa arguu kootti baayyeen gammade jedha Suutan.

Ga'umsa taphattoota kunneenii Piriimer Liigii keessatti argineerra.

Taphattoota Yunaayitid mallatteessifate keessaa akkaan kan eegamaa jiru Beenjaamin Seeskoo Piriimer Liigii keessatti maal fakkaachuu akka danda'u himuun ni ulfaata.

Garuu jifataa isaanii kan ta'e Raasmas Hooyiluund bakka bu'ee Ooldi Tiraafoordi irratti ni argina.

Arsenaal ammoo hanqina yeroo dheeraaf isa miidhaa ture furatee waancaaf falmachuuf dhufeera.

Waa'ee jifataa haaraa Viktar Giyookeresh leenjisaa Yunaayitid Ruuben Amoorim caalaa namni beeku hin jiru. Ispoortiingitti waliin turan.

Falmii yeroo dheeraa booda kan Arsenaal kan ta'e Giyookeresh akkamiin Bukaayoo Saakaa fi Martin Odegaard waliin socho'uu akka danda'u arguuf deemna. Kana namuu si'oominaan eega.

Injifannoon tapha kanarraa argamu kilaboota lameeniifuu murteessaadha. Garaagarummaa guddaan hin jiraatu. Lameenuu goolii ni galchu, garuu akkaataan Yunaayitid itti deemaa jiru jajjabeessaadha. Garuu tapha kana waan irra aanan hin fakkaatan. Giyookeresh Oldi Tiraafoorditti waa nutti agarsiisuuf deema.

Tilmaama Suutan: 1-2

Tilmaama Tom: 1-0

Tilmaama AI: 1-2

Wiixata, Hagayya 18

Leenjisaan Leeds Daani'eel Faark maqaansaa hamma hojjetu hin faarfamne.

Gareensaa yeroo hunda nama qoru, bara kana ittisa isaaniirratti hanqinni ni mudtaa sodaa jedhun qaba jedhe Suutan.

Evartan irratti hammaachuu danda'u, dirreesaanii- Elland Road irratti boojuudhaan galuu malu.

Kun Evartaniif jalqabbii salphaa hin ta'u.

Deeviid Mooyis bara darbe wayita Evartan leenjisuuf dhufu ga'umsa kilabichaa baayyee guddise.

Sun akka bara kana kilabicharraa wanti guddaan eegamu taasiseera. Garuu taphattoota akka Jaak Gireelish, Kiyeernan Dewisbarii-hool fi Teenoo Beerii fidhanis Mooyis garee kana akka fedhanitti waan ijaaran hin fakkaatan.

Taphataan Evartan gadhiise Doominik Kalvert-Lewiin torban kana keessa gara Leeds imaluuf jedha.

Taphataan kun ga'umsa olaanaa qaba, garuu miidhamatu itti heddummaata. Kalvert-Lewiin yoo Leeds seene, Wiixata dhufu goolii lakkoofsisuun isaa waan nama ajaayibu miti.

Garuu isaa duraa irratti goolii galchuun garee isaa haaraaf qabxii argamsiisuuf deema.

Tilmaama Suutan: 1-1

Tilmaama Tom: Leeds will get something. 1-1

Tilmaama AI: 1-2