Taphataan 'Peelee Filisxeemotaa' jedhamu Gaazatti ajjeefamnaan Saalaan gaaffii guddaa kaase

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan Liiverpuul Mohaammad Saalaan ajjeefamuu taphataa Filisxeem beekamaa Suleemaan al-Obeed irratti komii qabu ibse.
Kamisa darbe ture taphataan dandeettii addaa qabuufi Filisxeem keessatti ''peelee Filisxeem'' jedhamuun waamamu kan ajjeefame.
Waldaan Kubba Miilaa Filisxeem Obeed haleellaa Israa'eliin ajjeefamuu ibse.
Taphataan kun Kibba Gaazaatti osoo dhaabatee deeggarsa namoomaa rabsamu eeggatuu ajjeefamuu ibse.
Suleemaan al-Obeed nama ganna 41 yoo tahu, Yeroo kubba taphataa turetti galchii 100 ol lakkoofsiseera. Filisxeemiif taphoota 24 irratti hiriiree taphachuun galchii lama lakkoofsiseera.
Ajjeefamuu isaa kana hordofee Federeeshiniin Waldaa Kubba Miilaa Awurooppaa ''nagaan boqadhu Suleemaan al obeed, Peelee Filisxeemotaa' jechuun maxxanse.
''Dandeettii addaa ijoollee baay'eetti abdii hore, inumaayyuu yeroo ulfaataa fi dukkana sana keessaatti,'' jechuun maxxanse federeeshinichi.
Federeeshinichi Jimaata erga waan kana maxxansee Sanbata irra ammoo taphataan lammii Masirii tahee fi Liiverpuul keessatti beeknu Mo Saalaan waan kanaan mufachuu isaa agarsiise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Akkamittiin akka ajjeefame, eessaa fi yoom akka ajjeefame nutti himuu dandeessuu?'' jechuun maxxanse.
Federeeshiniin kubba miilaa Awurooppaa kun Israa'eltu ajjeese jedhee hin ibsine. Kanatu Mo Saalaa mufachiise.
BBC Sport Federeeshinichi akka deebii kennuuf gaafatee hin milkoofne.
Onkoloolessa 7 bara 2023 Hamaas Israa'el irratti haleellaa raawwachuun namoota 1,200 ajjeese. 251 kan tahan ammoo ukkaamsee fudhatee deeme.
Erga sanaa Israa'el oppireeshinii Gaazaa keessatti gaggeessiteen namoonni 61,300 tahan ajjeefamaniiru.
Sa'a 24 darban keessatti qofayyuu oppireeshinii Israa'el gaggeessitu kanaan namoonni biroo 38 ajjeefamuun 491 ammoo madaa'aniiru.
Erga Caamsaa darbee as qofa lammiileen Filisxeem nyaata eeggachaa turan 1,373 ajjeefamuu UN ibseera.
Saalaan kana duras dhiyeessiin namoomaa Gaazaa keessatti eeyyamamuu akka qabu irra deddeebiin gaafataa ture.
''Lubbuu namoota nagaa hedduun kana caalaa akka hin baaneef gaggeessitoonni addunyaa walitti dhufuun hojjechuu qabu'' jedhe.
Kana dura Saalaan dabalata taphattoonni kaanis deeggarsa Gaazaaf qaban ibsaniiru.
Taphataan kunis ''waraanni dhaabbachuu qaba. Ijoolleen Gaazaa keessaa ajjeefamuu hin qabdu,'' jechuun maxxanseera.
Israa'el guutummaa lafa Gaazaa to'annookoo jalan galcha jechuun dhaadataa jirti.
Gaggeessitoonni biyyoota addunyaa gurguddoon garuu yaada kana mormaa jiru.















