Piriimer Liigiin waliigaltee dhaabbata jaalattoota saala wal fakkaataaf falmu waliin qabu dhaabe

Loogoo dursaa taphattootaa Piriimer Liigii halluu jaalattoota saala wal fakkaataa qabu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nineteen out of 20 Premier League captains wore the rainbow armband last season

Piriimer Liigiin waliigaltee dhabbata tola ooltummaa jaalattoota saala wal fakkaataaf falmu waliin qabu xumuruu ibse.

Kan jechuun taphattoonni Piriimer Liigii irree isaanii irratti mallattoo jaalattoota saal wal fakkaataa kan tahe halluu sabbata waaqaa [Rainbow] hidhachuu dhaabu jechuudha.

Dhaabbanni tola ooltummaa jaalattoota saal wal fakkaataaf falmu LGBTQ, Istoonwool jedhamu kana dura kileboota Piriimer Liigii wlaiin waliigaltee waggaa dheeraa qaba ture.

Piriimer Liigiin kileboonni hunduu mirga jaalattoota saala wal fakkaataa akka hin sarbineef akka hojjetu ibseera.

Garee isaanii keessatti hammachuu akka qabanis dhaameera. Kana booda mirga isaanii kabachiisuuf sagantaa mataa isaa akka diriirsu ibsuun ammaaf waliigalteen kun xumuramuu Daily Telegraph ibseera.

Sagantaan kun Piriimer Liigii waliin bara 2013 jalqabe. Kileboonni Piriimer Liigii Ingilizii hunduu deeggaraniiru.

Dursaan taphattootaa Ipsiich Taawon Saam Moorsii, bara darbe sababa amantaankoo Islaama taheef halluu waa'ee jaalattoota saala wal fakkaataa ibsu kana irreekoo irratti hin hidhadhu jechuun dideera.

Taphataan Kiristaal Paalaas Maark Geehi, irree isaa irratti ''Yesusiin nan jaaladha'' jechuun irratti barreessee hidhate.

Garee kana irraa mormii kaasus amantaa isaa kabajuuf jecha akka kana godhe hime.

Jaakkeettiin garee jaalattoota saala wal fakkaataa qophaa'e taphattoota Maanchister Yuunaayitidiif hiramee akka uffatanii bahan eegamaa ture.

Isaan keessaa taphataan tokko uffachuu dide. Kilebichi eenyu akka tahe maqaa dhahuu baatus sababa kanaan hundi isaanii akka dhiisan taasifame.

Amma taphattoonni Piriimer Liigii tapha jalqabuuf yeroo jedhan jilbeenfachuun deeggarsa isaanii agarsiisuu akka itti fufan himameera.

Ammas duula Piriimer Liigii keessatti Sanyummaaf bakka hin qabnu'' kan jedhu itti fufa.

Dhaabbilee bebbeekamoo hedduun hidhata dhaabbata tola ooltummaa Istoonwool waliin qaban dhaabaniiru.

Duula kana gareen dubartootaa dorgommii Waancaa Awurooppaa irrattis dhaabaniiru.

Sagantaan kun diriiruu isaa irratti falmii guddaan ka'eera. Gama kaaniin ammoo amma sagantichi dhaabbachuun falmii biraa kaasaa jira.

Piriimer Liigii keessa taphataan ifatti jaalattoota saala wal fakkaataa keessaa tokko tahuu ifatti hime hin jiru.