Haannaa Hampitan shamarreen rakkoo ijaa hamaa irraa hanga taphattuu urjii ta'uu geesse eenyudha?

Hannah Hampton

Madda suuraa, Getty Images

Rakkoo ijaa hamaa tahe waliin dhalatte. Hakiimonni ammoo taphattuu kubba miilaa tahuu hin dandeessu ishee jedhaniiru. Karra eegduu Ingilaand, taphattuu urjii Waancaa Awurooppaa dubartootaa irratti argamte, Haannaa Haamptan.

Rakkoo ijaa qabdu sirreessuuf ijoollumma aisheetti tajaajilli baqaqsanii yaaluu adda addaa godhameeraafii.

Garuu hin milkoofne. Ammayyuu rakkoo sirriitti fageenyarraa ilaaluu qabdi.

Hireen isheef kenname, kubba miilaa taphachuu hin dandeessu kan jedhudha. Inumaayyuu karra eegduu tahuu hin qabdu jedhan.

Amma Waancaa Awurooppaa Dubartootaa Ingilaandi yeroo jalqabaaf dirree isheen ala injifatte kana irratti karra eegduu cimtuu tahuun achii as baate.

Meerii Irpis karra eegduu cimtuu Ingilaandi turte.

Isheen yeroo garee biyyaalessaa irraa soorama bahuu ibsitu, Haannaa Haamptan bakka buute.

''Jireenyakoo hundaa keessatti ilaalchi namooni anaaf qaban dogogora tahuu isaa mirkaneessuufiin barbaada,'' jette Haamptan.

''Ijoollummaakootti taphattuu kubba miilaa tahuu akka hin dandeenye natti himame. Yoo taphadhes kan pirofeshinaalaa tahuu hin danda'un jedhame. Har'a kunoo asan jira.''

Bara 2022 garee waancaa Awurooppaa injifate keessatti hammatamtus ji'a muraasaan booda garicha keessaa hir'ifamte.

Ammas gahums aishee irra deebiin akka mirkaneessituuf dirqamte. Ammas kuftee kaatee gahumsa guddaa akkamii akka qabdu addunyaatti agarsiifte.

'Tapahattuu Kubba Miilaa tahuuf dhalatte'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2020 leenjistuun Barmiingihaam yeroo qacaramtu waa'ee karra eegduu ol adeemtuu taate Haannaa Haampan dhageesseetti.

''Guyyuma jalqabaa waliin dubanne. Maalirra gahuu akka barbaaddun gaafadhe,'' jette Waardi.

''Akkuma karra eegdota kaanii amala baay'ee namatti tolu qabdi. Garuu haalota kan isheen hubattu karaa umurii isheen ol bilchaataa taheeni.''

''Waan namoonni kaan waa'ee ishee haasa'an hedduu kanana arge ammoo gaafa guyyaa lammaffaati. Taphattoota cicimoo adda durummaan wlaiin hojjedhe keessaa isheen tokko'' jette.

''Namni hunduu dandeettii adda addaa qaba. Isheen garuu taphattuu kubba miilaa tahuuf dhalatte.''

Jaalalli kubba miilaaf qabdu Ispeen keessatti guddate. Yeroo umuriin ishee waggaa shan ture maatii ishee waliin gara Ispeenitti deemte. Achi waggaa shan jiraatteetti. Afaan Ispeen haala gaariin dubbatti. Achitti dandeettii kubba miilaa gaarii horatte.

Kilaba Vilaariyaal jedhamutu jalqaba ishee argee gara kilabaa akka galtu taasise.

Yeroo gara Ingilaanditti deebitu ammoo Istook Siitii galte.

Umurii ishee waggaa 16 yeroo tahu Barmiingihaam Siitii keessatti karra eegduu jalqabaa taatee filamte.

Haannaa Hamptan yeroo kana taphattuu sarara duraa isa turte dhiisuun karra eegduu taate.

Garee guddattootaa Ingilaandi, Rihaanee Iskiiner itti dhiyeenyaan ishee hordofti ture.

''Miilla lamaan akka feete taphatti. Miila ishee isa dadhabaa jedhamuun fageessitee bakka barbaadde buusuu dandeessi,'' jette.

Tapha garee guddattootaa Ingilaandi Iswiidin waliin taphatte irratti leenjistuun ishee Iskiiner waan tokko naaf godhi jedhan.

Kubba fageessii dhiiti jetteeni. Taphichi jalqabee daqiiqaa 10 keessatti Haannaa Hampatn kubba galchii tahuu dandeessu tokko kennite. Taphicha 4-0 mo'anne. Karra eegdonni baay'een gahumsa akkasii hin qaban,'' jette.

"Akkuma yeroon deemeen bilchinni ishees dabalaa deeme. Haala mijataa kennameef keessatti dhuunfa aisheen dhamaataa guddaa taasifte. Xiyyeeffannoo ishees cimina ishee kana gahumsa ishee dabaluuf waan itti fayyadamteef sadarkaa kana irra geesse,'' jette.

Barmiingihaam keessatti miiltoo ishee kan turte Elen Waayit guyyaa Haamptan waa'ee rakkoo fayyaa ijashee ibsitu ''namoota baay'eetu rifate'' jette.

"Dhibee kana ofirraa ittisuutti baruuf yaalaa turte. Yeroo dirree shaakalaatti ishee argitu, isheedhayyuu hin jettu. Waanuma argite hundatti darbamtee seenti,'' jette.

Kubba akkatti dabarsitu dorgomaa hin qbau. Akkaataatti bakka qabattu, kubba to'attu yoo ilaalte isheen adduma jette waayilli ishee duraanii kun.

''Tarii namoota kaan karra eegduu tahuu hin dandeessu jedhamaniif haamilee tahuu dandeessi.''

Hannah Hampton and Carla Ward

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Carla Ward (right) managed Hannah Hampton at Birmingham City and Aston Villa

'Namoonni waa'eekoo akka dogogoranin mirkaneesseefi'

Yeroo jalqaba wal arguun Barmiingihaamitti waliin taphatan akkuma ijoollee kaanii Haannaa Hamptan ''xiqqoo bilchina hin qabdu ture'' jette Elen waayit.

''Miirri ishee baay'ee ishee mo'a. Kun ol adeemtuu waggaa 16'f waan haaraa miti. Bu'a bahii nama mudatu waliin wal'aansoo qabuudha waan taheefi.''

''Yeroo hundumaa kubba galchii irraa oolchita miti. Miira ishee to'achuun yeroo gaafata. Muuxannoo fi hubannaa gaafata.''

Bobaakoo jalatti ishee hammadhee deemeen ishee gorsa ture. Yeroo sanayyuu akka karra eegduu cimtuu taatu nan hubadha ture. Garuu ammoo gargaars aishee barbaachisa ture.

Bara 2022 ture carraa garee biyyaalessaa Ingilaandiif taphachuu kana argatte. Innis tapha Ingilaandi Ispeen waliin taasifte irrattidha.

Ammas Ispeeniin mo'achuun waancaa Awurooppaa harka galfatte. Elen Waayit waliin tahuun gammachuu guddaa ibsatan.

Garuu injifannoo waancaa Awurooppaa bara 2022 ji'oota muraasa booda garee keessaa hir'ifamte.

Bara 2023 Saarinaa Weegmaan garee biyyaalessaa keessaa ishee hir'iste. Gabaasni bahe sababa amala isheen wal qabata jedha.

Wiigmaan ergasii ''Dhimmoota dhuunfaa ishee hir'ifamuuf sababa tahan furteetti'' jette.

Ergasii gara garee biyyaalessaattid deebi'uun seenaa hojjette.

''yeroo qormaanni kun hundi natti dhufu ani shammarree ijoollummaa keessa jirtun ture. Waan kun natti dhufa jedhee, ahagas natti duulama jedhee yaadee hin beeku,'' jette.

''Gareen Ingilaandi yerootti kufaniiru jedhamee abdiin kutatame jira ture. Tokko tokko harka qabuun haala ulfaataa keessaa wal baasuun injifannoof dhaqabaniiru.''

''Duula miidiyaan sirratti banamu mo'achuuf dhama'uu hin qabdu. Yoo akaks yaadda tahe abiddarratti boba'aa akka naquuti. Ani waan sana hin godhu.''

Eenyu akkan tahe itti agarsiiseen waan jedhame hundi dhugaa akka hin taane mirkaneessuufiin barbaada. Jabaadhee hojjechuudha. Akkan yaadutti waa'eekoo warra waan dhugaa hin taane odeessaniif eenyummaakoo isa sirrii agarsiiseera jedheen amana.''

Leenjistuun ishee Barmiingihaam yeroo Aston Viilaa leenjisuuf qacaramtu ofuma wlaiin fudhattee kilebicha galte.

Leenjistuu garee biyyaalessaa Ingilaandi Saarinaa waliin mari'anneeti waan isheef tahu irratti hojjechaa kan turre jette.

Tapha Cheelsii fi Aston Viilaan yeroo sana taphatan irratti osoo hin hiriiriin hafte. Yeroon sun Haannaa Hamptaniif yeroo ulfaataa ture.

Isaan garuu akkaataa kamiin akka ishee gargaaran irratti hojjechaa turan. Haannaan yeroo sanadha deeggarsa akkamii akka qabdus hubachuun jabaattee hojjechuun boodarra filannoo jalqabaa tahuu kan dandeesse.

Bara 2023 Haannaa Hamptan Cheelsii galte. Leenjistuun Cheelsii yeroo sanaa Eemaa Haayis ture.

Hiriyyoonni Haannaa akka jedhanitti kan isheen haala gaariin bilchina xiin-sammuu gaarii irra geesse Eemaa Haayis jalattidha.

Elen Waayit hiriiyyaan Haannaa yeroo hundaa ishee deeggartu mataa ishee gadi qabattee jabaattee hojjechaa waan turteef Ingilaandiif filatamuu dhabuun sirrii hin turre jette.

Maqaa garee biyyaalessaa Ingilaandi keessatti qabdu deebistee ijaaruun ofirratti hojjette. Haala kanaan amanannaa garee ishee argachuun carraa kanaaf dhaqabde.

Waayit ''garee biyyaalessaa Ingilaandi waliin waancaa Awurooppaa irratti arguukoo baay'een ittiin boone. Kubbi miilaa ishee ofuma isaan akka dubbatu gooteetti,'' jette.

Hannah Hampton

Madda suuraa, Getty Images

Ofitti amanamummaan Haannaa Hamptan akka malee kan guddate bara kana yeroo Cheelsiin osoo hin mo'amiin waancaa sadii mo'atu ture.

Karra eegduu jalqabaa Cheelsii kan taate Haannaa Haptan kileba ishee injifannoo kanaaf erga geessee gahumsi ishees walumaan guddataa dhufeera.

Meerii Iirpis osoo hin eegamiin soorama bahuu ishee yeroo ibsitu Haannaan bakka ishee bu'uuf of qopheessaa turte.

Garuu qaawwaa karra eegduu cimtuu yeroo lama badhaasa FIFA mo'attee fi Waancaa Addunyaa irratti Ingilaandiin xumuraaf geessee guutuun baay'ee ulafaata. Haannaan qaawwaa kana cufuu qofa osoo hin taane garee Ingilaandi waliin injifannoon galuun seenaa hojjette.

Ingilaandi iswiidin waliin yeroo taphattee mo'amuu jala geesse, rukuttaa peenaaliitii irraa kubba lama oolchiteetti.

Ispeen waliin rukuttaa peenaaliitiif yeroo gahan kubba tokko oolchuun seenaa hojjette.

Kana booda osoo dogogora tokko hojjetteyyuu rakkoo hin qabu. Irraa barattee fuulduratti deemti jedheen amana. Namni kamuu dogogora ni hojjeta, irraa barata, ni ka'a, ni mo'ata. Seenaan Haannaa Hamptan dubartoota addunyaaf fakkeenya tahus kanuma ibsa.