Arsenaal jifataa adamsuu xumurameera- Garuu Gookeresh maal fideefii dhufe?

Viktar Gookeresh meedaaliyaa ciniinee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Viktar Gookeresh bara darbe liigiiwwan Awurooppaa gameeyyii 10 keessatti taphataa hunda caalaa goolii lakkoofsise ture

"Arsenaal jifataa mallatteessisuu qaba.'' Kun yeroo dheeraaf gaalee Mikeel Arteettaan dhagahuullee hifate ykn nuffe ture.

Amma gaaleen kun hima guutuu ta'eera, leenjisichi hafuura fudhate.

Arsenaal waggoota shanan darban dorgomaa cimaa ture, garuu guutummaatti sababa jifataa waancaa dhaban jechuu baannus hanqinni taphataa sarara fuulduraa kufaatii isaaniif ga'ee mataasaa gumaacheera.

Egaa amma nama bakka kana cufu argataniiru.

Viktar Gookeresh maqaa gaarii fi kabaja isaa guutuu qabatee Emireetis qubateera.

Kilaba Ispoortiing keessatti taphoota 102 irratti goolii 97 fi kubbaa gooliif ta'u 26 ammoo mijeessee kennuun ga'umsi olaanaarra wayita ga'etti gara Arsenaal qajeele.

Arteettaan bara kana taphattoota gameeyyii gara Arsenaal fiduurratti xiyyeeffateera.

Hanga yoonaa sarara gidduu (utubaa) irratti Martin Zubimendi fi Kiristiyaan Norgaard, sarara cinaarratti Noonii Maaduweekee Chelsii irraa, akkasumas gooli eegaa Keppa Arizabalaga fi ittisa irratti ammoo Kiristiyaan Maskuweeraa mallatteessisaniiru.

Xumura irratti haasaa yeroo dheeraa booda bakka ijoo isaaniitti Viktar Gookeresh mallatteessisan.

Kanaanis Arsenaal jijjiirraa taphattootaa alanaarratti hanga ammaa paawundii miiliyoona 210 baaseera.

Kun erga Arteettaan kilabicha leenjisuu eegalee maallaqa guddaa jijjiirraa taphattootaaf ba'edha.

Arteettaan erga bara 2020 Arsenaal waliin waancaa nyaatee as waancaa injifatee hin beeku. Waggoota sadan darban dorgommii Piriimer Liigii sadarkaa lammaffaan xumuraa ba'e.

Kilabichi waancaa injifachuuf akka taphatu barana cichoomina isaa agarsiisaa jira.

Bakka hanqina kilabichaa isa ijoo cufuuf Viktar Gookeresh dhufuun ammoo deeggartoota kilabichaa guddoo gammachiiseera.

Taphataan umrii waggaa 27 duraan Biraayitan fi Koventarii keessa ture amma kilaba Poorchugaal Ispoortiing irraa dhufe kun Arsenaaliin waancaa gonfachiisuu danda'aa?

Gookeresh Arsenaaliif deebii ta'aa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Goolii galchuun dandeettii Gookeresh ittiin jajamudha. Piriimer Liigii Poorchugaal keessatti maashina goolii akka ture shakkii hin qabu.

Bara darbe qofa goolii 39 galche, kilaboota Awurooppaa 1-10 jiran keessaa taphataan hanga isaa goolii galche hin jiru.

Warra goolii hedduu galchan jedhaman yoo xiqqaate goolii saddeet fi sanaa oliin caala.

Kun sadarkaasaa taphattoota gameeyyiitti ol guddisa. Waggoota 20 darban taphattoonni waggaa tokkotti yoo xiqqaate goolii 39 galchan Kiristiyaanoo Roonaaldoo, Liyoneel Mesii, Roobart Lewaandowiskii fi Luwiis Suwaareez qofa.

Gooliiwwan Gookeresh keessaa 12 peenaalitiidhaan kan argamaniidha, 27 peenaalitiin ala. Kunis kan taphattoota goolii hedduu galchan jedhamanii yoo xiqqaatee sadii fi isaa oliin caala.

Daqiiqaa 90 keessatti kubbaa inni gara manii faallaatti dhiite yoo herregamu giddugaleessaan 4.5, Gaabreel Jesuus 3.0 dha. Kaayi Havartiz ammoo 2.6.

Daangaa garee faallaa keessatti kubbaa tuquu fi irraa fudhachuudhaanis ga'umsa olaanaa qaba.

Sarara garee faallaa keessatti yeroo 327 kubbaa tuqe, kana keessaa 139 kallattiisaa eegee gara manii faallaatti rukuteera.

Dogoggorri inni uumu baayyee xiqqoodha. Ga'umsi isaa kunis baayyee nama ajaayiba.

Taphataan Suwiidiin kun kubbaan inni dhiitee gara gooliitti geeddarame wayita herregamu dhibbeentaa 27.9, kunis kan Mohaammad Saalaa (dhibbeentaa 21.1), kan Erliing Haalaand (dhibbeentaa 21.6) fi kan Aleksaandar Isaak (dhibbeentaa 26.4) ni caala.

Piriimer Liigii keessatti kubbaa dhiitamee gara gooliitti geeddarameen jifataa Nootiingihaam Foorast Kiriis Wuud kan ga'u hin jiru.

Gookeresh biyyasaaf tapha ja'a irratti goolii sagal galcheera. Dorgommii Neeshinsi Liigii 2024-25 irratti tapha Azarbaajaan waliin taphatan irratti goolii afur galche.

Dorgommicha irratti taphataa hunda caalaa goolii galche ta'eera.

Amma kan gaaffii ta'u Gookeresh liigii gareen hunduu dorgomaa cimaa ta'e keessatti akka duraatti cimee mul'achuu isaati.

Amma umriinsaa waggaa 27 guuteera, kilaba Awurooppaa keessaa dadarkaa 1-5 keessa jiruuf taphachuuf deema.

Xiinxalli Opta akka agarsiisutti Piriimer Ligiin Poorchugaal addunyaarraa kilaba cimaa saddeettaffaarratti argamuucha.

Warra 1-5 jiran- Ingilaand, Xaaliyaanii, Ispeen, Jarmanii fi Faransaay duuba jira.

Liigiin Beeljiyeemii fi Chaampiyoonshiippiin Ingilish- bakki Gookeresh gara Lisban deemuu dura itti haajamaa ture liigii Poorchugaal dursu.

Kanneen dhimma kana xiyyeeffannaan ilaalanii fi shakkii qaban waan Daarwiin Nuunez Liiverpuul keessatti ta'e kaasuun waa'ee Gookeresh xiinxaluuf yaalu.

Daarwiin Nuuneez yeroo Benfikaa turetti bara taphaa 2021-22 taphoota 28 irratti goolii 26 galche, Liiverpuul keessatti hin milkoofne.

Garuu taphataan Maanchistar Yunaayitid Buruunoo Farnaandeez, taphataan Maanchistar Siitii Ruuban Diyaaz fi taphataan Boormiaz Evanilsan Poorchugaal irraa Piriimer Liigii Ingilaand seenuun milkaa'an.

Gookeresh ammoo Arsenaaliif goolii galchuun ol gumaachuu danda'a.

Taphataan kun sammuudhaanis qaroodha, saayikooloojii taphaa sirriitti itti beeka, sochii qaamaanis ga'umsi isaa ajaayiba.

Dandeettiin teeknikaa fi taaknikaa inni qabus ulaagaalee inni jajamu keessaati.

Carraa uuma, goolii galcha, tapha mijeessa, kubbaa faana suksukuu jaallata, ni danda'as- kana hunda fideef Arsenaaliif.

Gookeresh jalqaba Biraayitan keessatti ga'umsa barbaachisu argisiisuu waan dadhabeef maallaqa xiqqaadhaan bara 2021 Koventarii seene.

Waggaa lama Ispoortiing paawondii miiliyoona 20.5 baasuunfudhate.

Gara Porchugaal imaluusaa dura Koventarii keessatti bara taphaa 2021-22 fi 2022-23 taphoota 91 irratti goolii 38 galche.

Poorchugaal keessatti maashina goolii ta'e. Gara Ingilaanditti deebi'ee ga'umsa kana itti fufuusaa kan ilaallu ta'a.