Cheelsiin bakka Tiraampi argamanitti shaampiyoonaa kileboota addunyaa tahe, PSG maaltu tuqe?

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoonni Cheelsii tapha PSG waliin waancaa 'Club World Cup' taphatan dura 'PSG kilaba cimaa addunyaa kanaati. Haa tahu malee, nuyi Inter Miilaan ykn Riyaal maadirid miti' jedhan.
Shaampiyoonaa Awurooppaa tahuu qofa osoo hin taane xumura waancaa 'Club World Cup' kanaaf Baayern Muunik, Riyaal maadirid, Atileetiikoo Maadirid injifachuun kan dhaqabe PSG'n harka Cheelsiitti kufe.
Cheelsiin waancaa kanaaf dhaqaba tilmaama jedhu hin arganne ture. PSG garuu kileboota waancaa 'Club World Cup' injifatu jedhamuun eegaman keessaa tokko ture. Sababni isaas taphoota gurguddaa sadii gaggeesse irratti galchii 15 lakkoofsisuun osoo tokkollee irratti hin lakkaa'amiin xumuraaf gahe.
Ameerikaa Istaadiyeemii 'Met Life' jedhamu irratti kan gaggeeffame taphni xumura waancaa kanaa sagantaa akkaan faayame ture.
Artistoonni bebbakamoon kan irratti shuubbisan, pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi kan irratti argaman waancaa bifa addaan qophaa'edha.
Hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuun Piriimer Liigii 2024-25 kan xumure Cheelsiin 3-0'n PSG mo'achuun shaampiyoonaa kileboota addunyaa tahe.
Kool Paalmer galchiiwan lama lakkoofsise. Erga Cheelsiif mallatteessee torban lama kan hin caalle Jaayoo Peedroo galchii sadaffaa lakkoofsise. Cheelsiif tapha lama irratti galchii sadaffaa isaati.
Cheelsiin PSG irratti olaantummaa fudhateera. Badhaasa Ballon d'Or'f kan eegamu Osmaan Dembeelee osoo kubba kallattii isaa eegate tokko karra Cheelsii irratti hin yaaliin boqannaa bahe.
Eenzoo Maareshkaa pirojeektii haaraa, dargaggootaa fi guddattootaan abbaan qabeenyaa Cheelsii Tood Boohiliin ijaaraa jiran Shaampiyoonaa addunyaa taasisaniiru.
Cheelsiin waggoota lama keessatti paawondii biliyoona lamatti siquun taphattoota haaraa mallattesise dorgommii kana irraa qofa badhaasa paawondii miliyoona 100 argatee xumure.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dorgommii Kilab Woorlid Kaappi jedhamuu fi bifa haaraan babal'ate kana Cheelsiin yeroo jalqabaaf injifachuun seenaa hojjeteera.
Kool Paalmer ammoo taphataa Cheelsiif galchii lama lakkoofsisee tokko ammoo mijeessee kenne tahuun taphataa cimaa dorgommichaa jedhamee badhaasa isaa harka pirezidaantii Ameerikaa Doonaaldi Tiraamii fudhateera.
PSG guutummaan caalameera. Karra eegaan Cheelsii Rooberti Saanches Kivaraskeeliyaa fi Dembelee jalaa kubba galchii tahuutti dhiyaatan oolcheera.
Liyaam Deelaap jijjiiramee galee kubba ajaa'ibaa yaale Doonaaruumaa jalaa deebise.
Bara dorgommii xumurametti taphattoota jajjaboo addunyaa akka Mohaammad Saalaa, Bukaayoo saakaa fa'a akka hin sochoone gochuun milkaa'e Nuunoo Mendes tapha kana irratti sochii dadhabaa jedhamu agarsiise.
Hakiimii, Vitiniyaa, Dembeelee fi kaanis Cheelsiif osoo qormaatuma jabaa hin tahin dorgommiin Niw Jersiitti gageeffame kun xumurame.
Mo'amuu isaa kan hubate kan fakkaatu PSG daqiiqaa 85ffaa irratti Jaayoo Neves rifeensa Kukurellaa duubaan qabee harkisuun kaardii diimaan dirree keessaa bahe.
Leenjisaan PSG Luwis Eneriikeen erga taphni xumuramee taphataa Cheelsii Jaayoo Peedroo fuula keessa kabaluun gaaffiin irratti ka'eera. Taphataa PSG Pirisnel Kimpeembeetu Eneriikee qabee harkisuun addaan baase.
Peedroon tapha keessatti sarara rukuttaa peenaaliitii keessatti fakkeessee kufuun rukuttaa peenaaliitii gaafataa ture.
Eneriikeen waa'ee taatee mudatee yoo gaafataman ''haalichi hammaachaa akka hin deemneef taphattoota wal lolan addaan qabuufan gidduu gale'' jechuun deebisan.
''Xumura taphichaa irratti bu'aa dhiibbaa nurra tureeti'' jechuun deebii kennaniiru.
Istaadiyeemiitti Tiraampi argamuun daawwataniiru. Deeggartoonni 81,118 istaadiyeemii Met Life jedhamutti argamuun daawwataniiru. Kun dorgommii kana irratti lakkoofsa deeggartootaa olaanaa galmaa'edha
Tiraampi prezidaantii FIFA kan torban darbe waajjira isaanii biraa Niw Yoorki gamoo Tiraampi irratti banan waliin taa'uun taphicha daawwatan.
Kool Paalmer ''akka pirezidaanti Tiraampi istaadiyeemiitti argamuun tapha kana daawwatan nan beeka. Garuu yeroo nuyi waancaa mo'anne ol kaasnu nu waliin wal tajjii irra dhaabbatu jedhee garuu hin eegne. Kanaaf yeroon isaan argu bitaa natti gale'' jedhe.
Dursaan taphattoota Cheelsii Riis Jeemsii fi Rooberti Saancheez waancaa ol kaasuuf yeroo jedhanitti pirezidaanti Tiraampiin deemi jedhan. Tiraampi ''lakki isinuma waliinan gammachuukoo ibsadha'' jechuunw al tajjicha irra turan.
Tarii pirezidaantii Ameerikaa jalqabaa wal tajjii irratti taphattoota waancaa kaasan waliin dhaabbatan tahuu malu.
Eenzoo Maareshkaa bara jalqabaa isaanii Cheelsii leenjisuu jalqabanitti waancaa Konfireensii Awurooppaa fi Kilab Woorlid Kaappii kana mo'ataniiru.
Dabalataan kilebicha hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii bara dhufuuf dhaqabsiisaniiru. Leenjisaan gargaaraa Gaardiyoolaa tahan kun kilaba Landan Cheelsii akak bara Moorinihoo kilaba cimaa ture sanaatti deebisuu hin hafan.

Madda suuraa, Getty Images
Cheelsiin baajii ''Shaampiyoonaa Addunyaa'' jedhu waggoota afur dhufaniif hidhannoo ykn T-Shartii isaa irratti maxxanfachuun taphata.
Leenjisaan Cheelsii Maareshkaan taphattoonni isaanii boqoannaa torban sadii fudhachuun akka deebi'an himan. Piriimer Liigiin jalqabuuf torban tokko dura istaanfoordi Biriij irratti AC Miilaanii fi baayern Liiverkusen waliin dorgommii qophiif isaan gargaaru taphatu. Sana booda tapha Piriimer Liigii jalqabaa kan bara 2025-26 Kiristaal Paalaas waliin taphatu.
PSG ammoo gaafa Hagayya 13 bara 2025 Tootenhaam kan waancaa Awurooppaa Liigii mo'ate waliin waancaa Suupper Kaappii Awurooppaa taphata.
Dorgommiin kun mo'ataa Shaampiyoonsi Liigii fi Awurooppaa Liigii gidduutti kan gaggeeffamudha.












