Liiverpuul lakkoofsa Jootaa '20' guutummaan soorama baase

Deegoo Jootaa achi garagaluun yeroo lakkoofsi hidhannoo isaa 20 mul'atu

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Jota joined Liverpool from Wolves in 2020
    • Barreessaa, Mandeep Sanghera
    • Gahee, BBC Sport journalist

Liiverppul balaa konkolaataan lubbuun isaa kan darbe Diyaagoo Jootaa yaadachuuf lakkoofsa hidhannoo isaa '20' guutummaan soorama baasuu ibse.

Liiverpuul murtoo kana irra kan gahe erga haadha warraa Jootaa Ruutee Kaardoosoo fi maatii isaa waliin mari'atee tahuu ibse.

Kana jechuun taphataan duraanii Poorchugaal kun bara baraan taphataa lakkoofsa 20 Liiverpuul tahee hafa jechuudha.

Kana jechuun bara kana ykn yeroo gabaabaaf osoo hin taane guutummaatti kana booda yaadannoo Jootaaf jecha taphataa kamiifuu hin kennamu jechuudha.

Ibsi Liiverpuul baase akkana jedha. ''Lakkoofsi 20 kabajaa fi yaadannoo Jootaaf jecha sadarkaa hunda kilebicha keessa jirutti soorama baafama. Kun garee dubartootaa fi garee guddattootaas dabalata'' jedhe.

''Murtoon kun ammoo milkaa'ina taphataan dargaggeessi Poorchugaal irraa tahe waggoota shanan darban dirree keessatti Liiverpuuliif galmeesse qofa osoo hin taane dhiibbaa gaarii inni waayillan isaa waliin taphatanii fi deeggartoota irratti fide guddaa tahuu agarsiisuufi'' jedhe kilebichi.

Jootaan bara 2020 Woolvis irraa Liiverpuul galuun taphoota 182 irratti galchiiwwan 65 lakkoofsiseera.

Waancaa FA Cup, Liig Kaappii bara 2022 akka mo'ataniif gumaacha guddaa bahateera. Barana ammoo Liiverpuul waliin shaampiyoonaa Piriimer Liigii Ingiliz taheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyya isaa Poorchugaal waliin ammoo waancaa neeshinsi Liig jedhamu mo'ateera.

Liiverpuul bara kana waancaa Piriimer Liigii 20ffaa mo'ate. Isaaniif gamachuu guddaa ture.

Taphataan isaanii lakkoofsa 20 uffatu Jootaan balaa konkolaataan du'uun isaa ammoo gadda guddaa isaanitti uume.

''Bara baraan lakkoofsa 20 keenya'' jechuun Jimaata kaleessaa Liiverpuul miidiyaa hawwaasaa isaarratti maxxanseera.

Akka kilaba keenyaatti miira deeggartoota keenya keessa jiru ni hubanna kan jedhe Hogganaan kaampaanii 'Fenway Sports Group' Mikaa'el Edwaardis murtoo kana irra gahuuf maatii Jootaa waliin mari'anneerra jedhan.

''Murtoo kana keessa haadha warraa Jootaa Ruutee Kardoosoo fi maatii isaa kaan hirmaachisuun barbaachisaa ture.

Jalqaba murtoo keenya kana isaanitti beeksifne. Kun seenee Liiverpuul keessattti beekamtii guddaa sadarkaa nama dhuunfaatti kennamedha. Kanaaf nama addaaaf beekkamtii adda tahe kennamedha'' jedhan Edwaardis.

Jootaan obboleessa isaa Andiree Silvaa waliin osoo konkolaataa ofumaaf oofanii deemanii Ispeen naannoo Zamooraa jedhamtu keessatti gommaan tokko irraa bahuun abiddi konkolaatichatti qabachuun lubbuun isaanii darbe.

Jootaan shaakala dorgommii duraaf gara Liiverpuulitti deebi'uuf ture. Hakiimni isaa tajaajila baqaqsanii yaaluu salphaa waan taasiseef xiyyaaraan akka hin imalle waan jedheef ture kan konkolaataan imalaa ture.

Abbaa ijoollee sadii kan tahe Jootaan sirni awwaalcha isaa bakka dhaloota isaanii Gondomor keessatti gaggeefame.

Gareen taphattootaa fi hojjettoota Liiverpuul sirna awwaalchaa isaa irratti argamaniiru.

Haadha warraa Jootaa

Haati warraa Jootaa, Ruutee Kaardoosoo, miseensonni maatii Jootaa fi gareen taphattootaa Liiverpuul Aanfiilditti argamuun Jimaata kaleessaa kabajaa fi jaalala Jootaaf qaban agarsiisaniiru.

Ruutee fi Jootaan erga jaalalaan waliin turanii ijoollee sadii godhatanii cidha siaanii gaggeessuun guyyoota 11 booda balaa kanaan lubbuun isaa darbe.

Ruuteen habaaboo qabattee kabajaa fi jaalala Jootaaf Aanfiilditti deeggartoonni habaaboo kaa'anii fi barreessan ilaalteetti.

Liiverpuul du'a Jootaa booda tapha michummaa jalqabaa isaa Piristan Endi waliin Dilbata dhufu gaggeessa.

Ruutee Kaardoosoo Aanfiilditti argamuun abbaa warraa ishee Jootaaf kabajaa fi jaalala qabdu deeggartoota waliin agarsiifte.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Rute Cardoso visits Anfield on Friday