Poolisiin Ispeen sababa balaa konkolaataa lubbuu Jootaa fi obboleessa isaa galaafatee ibse

Dirree shaakalaa Liiverpuul alatti yaadannoo habaaboo Jootaaf kaa'uun darbaa turan

Madda suuraa, Getty Images

Poolisiin Ispeen sababa balaa konkolaataa lubbuu taphataa Liiverpuul Deegoo Jootaa fi obboleessa isaa quxisuu Andiree Silvaa qorataa ture.

Miiidyaaleen biyyattii har'a akka gabaasanitti sababni balaa kanaa saffisa humnaa olii ykn saffisa daandii sanaaf hin eeyyamamnee ol konkolaachisuu akka tahe poolisiin biyyattii ifoomsuu gabaasan.

Qorannichi kan itti fufe tahus, gommaa konkolaataa gubatee irraa kan hafee fi kaan irratti ammas qorannoon gaggeeffamaa jira.

''Qorannoon hanga ammaa tassifne hundi kan akeekan konkolaachisaa kan ture Deegoo Jootaa tahuu agarsiisa,'' jedhe Siivil Gaardi.

Konkolaataa biraa bira darbuuf jedhee saffisaan osoo deemuu gommaan fuulduraa tokko dhohuun daandii irraa maqee caccabuun abiddi itti qabatee gubachuu gabaafameera.

Kun kanaan osoo jiruu taphattoonni Liiverpuul erga waayilli isaanii Deegoo Jootaa balaa konkolaataan du'ee gara shaakalaatti deebi'aa jiru.

Taphattoonni Liiverpuul boqonnaa yeroo gannaa xumuruun gara kilebichaatti debei'uu kan qaban Jimaata darbe ture.

Garuu du'a Jootaa hordofee beellamni guyyaa sana deebuuf turan gara har'aatti darbeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jootaan shaakala kanaaf deebi'uuf jecha obboleessa isaa quxisuu Andiree waliin osoo konkolaataan imalaa jiraniiti balaa hamaan Ispeenitti kan isaan mudate.

Jootaan tajaajila baqaqsanii yaaluu salphaa tahe waan taasifatee tureef hakiimni isaa xiyyaaraan balali'uu osoo dhiise gaarii akka tahu gorsee ture.

Kana hordofee konkolaatumaan Poorchugaalii ka'anii, Ispeen galuun achii ammoo Ingilaandi galuuf imalarra turan.

Yeroo kana ture Ispeen naannoo Zamooraa jedhamtu yeroo gahan balaan konolaataa isaan mudachuun kan lamaan isaanii du'an.

Maatiin isaanii ijoolluma kana lameen Jootaa fi Andiree Silvaa qabu. Lamaan isaanii al takkaan dhaban.

Jootaan taphataa ganna 28 yoo tahu, abbaa ijoollee sadiiti. Liiverpuul waliin waancaa Piriimer Liigii injifatee Poorchugaal waliin ammoo waancaa Neeshinsi Liig jedhamu mo'achuun gammachuu irra ture.

Barri kun isaaf bara gammachuus bara xumura jireenya isaas tahe. Gammachuu kana lamaan booda ammoo gaafa Waxabajji 22 cidha isaa raawwachuun haadha manaa isaa kan taate Ruute waliin gammachuu guddaa irra turan.

Cidha isaa booda guyyaa kudha tokko qofa kan jiraate Jootaan ijoollee xixiqqoo sadii dhiisuun balaa hamaa kanaan irraa boqate.

Jimaata darbe taphattoonnii fi hojjettoonni Liiverpuul hedduun Poorchugaalitti imaluun gadda isaanii ibsaniiru. Gaafa Sanbataa darbe ammoo dursaan taphattoota Liiverpuul Virjil Vaan Daayikii fi Andii Roobertisan kabajaa fi yaadannoo Jootaaf habaaboo qabachuun garee isaan waliin deeme dursuun sirna awwaalchaa isaa irratti argamaniiru.

Leenjisaan Liiverpuul, Arnee Isloot garee sirna awwaalchaa kana irratti argaman keessaa tokko yoo tahan, gareen isaanii Liiverpuul tapha michummaa Dilbata dhufu Piristan Noorzi Endi jedhamu waliin taphatu.

Garee dubartootaa Liiverpuul bakka bu'uun Girees Fiiskii fi Geemaa Booner yaadannoo Jootaa fi Andireef habaaboo kaa'aniiru.

Jootaan bara 2020 Woolvis irraa Liiverpuul gale. kanaaf deeggartoonni Woolvis Istaadiyeemii Woolvis Moolineksi deemuun habaaboo kaa'uun gadda isanii ibsachaa jiru.

Akkaadaamii guddattootaa Jootaan tapha itti jalqabe Gondomar keessattis amoonni hedduu gadda isaanii ibsata jiru.

Istaadiyeemiin guddattootaa kun bakkatti Jootaan kubba taphachuu jalqabedha.

Istaadiyeemichi yaadannoo isaaf jecha maqaa Jootaan akka moggaafamu taheera.

Jootaan garee Liiverpuulii fi Poorchugaaliifis taphataa murteessaa ture.

Odeeffannoo tokko tokko akka agarsiisanitti Liiverpuul miindaa Jootaa waggaa alamaa guutummaatti maatii isaaf kaffaluuf murteesseera.

Jootaan Liiverpuul waliin kontiraata waggaa lamaa hafe qaba ture.

Yaadannoo habaaboo Jootaaf deeggarroonnii Liiverpuul kaa'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tributes have been placed outside Anfield for Diogo Jota