Taphataan Arsenaal barbaadaa jiru, Giyokereesh, gaaffiin irratti ka'e

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan kilaba Ispoortiing Arsenaal mallatteessifachuu barbaadu, Viktoor Giyokereesh, osoo Arsenaal seenuufi jedhamuu gaaffiin irratti ka'e.
Gaaffiin irratti ka'e kunis dhimma naamusaati.
Pirezidantiin kilabichaa Ferederikoo Varaandaas akka beeksisanitti, taphataan kuni leenjii bara dorgommii duraaf qaamaan argamee hin beeksisiin hafeera.
Pirezidantiin Ispoortiing dabaluunis sababa kanaan dhimmi jijjiirraa taphataa kanaa kamuu ''wal xaxaa'' ta'eera jedhan.
Giyokeeresh maaliif leenjii bara dorgommii duraaf qaamaan argamee akka hin beeksisne hin beekamu, innis si'achi dubbata.
'BBC Sport' torban dura akka gabaasetti, daarektarri ispoortii Arsenaal Andiriyaa Bertaa taphataa Garee Biyyaalessaa Siwiidiin kana waliin fuulaa fuulatti mariatanii turan.
Maddeen BBC Sport'tti akka himanitti, Arsenaal waliin mariin itti fufeera.
Arsenaal ammallee taphataa kana ofitti fidee waliigaltee waliin raawwachuuf abdii qaba.
Arsenaal dhihootti taphataa ganna 27 kanaaf maallaqi dhiheesse yuuroo miiliyoona 70 dha.
Baatii darbe pirezidantiin kilabii Porchugaal. Varaandaas, taphataan kuni yuuroo miiliyoona 70'n kilabicha hin gadhiisu jedhaniiru.
Dabaluunis, kilabiin isaanii Ispoortiing gatiii akka inni gadhiisuuf kaffalamu dolaara miiliyoona 100 hin barbaadu jedhanii beeksisaniiru.
Giyokereesh bara dorgommii darbe taphoota 52 irratti galchiiwwan 54 galcheera.
'Nami kamuu kilabii gadi'
Pirezidantiin Isportiing Ferederikoo Varaandaas eejansii oduu Porchugaal, Lusaatti, akka himanitti ''eenyuyyuu fedhii kilabichaa hin caalu.''
''Nuyi tasgabbii qabna. Hunduu gatii gabaa, adabbiifi gareef dhiifama gochuun furmaata argata,'' jechuun dubbatani.
''Viktoriif gatii gabaan baasuun yoo kaffaluu dhaban,'' taphaticha gurguruu akka hin barbaanne himan.
Kanneen kana godhan jedhan tooftaa kana baasuun ''anarratti dhiibbaa uumanii akka ani isa gadhiisu karaa salphisuuf yoo yaadan, isaan baay'ee dogongoran qofa osoo hin taane, taphatichi akka hin baane adeemsa jalaa walxaxaa gochaa jiru,'' jechuun dubbatan.
Giyokereesh bara dorgommii lama keessatti taphoota 102 taphatee galchii 97 galcheera.
Kanaanis, kilabiin Porchugaal waancaa liigiichaa lama akka injifatu taasiseera.












