Diyaaz, Tiroosaard, Roodiriigoo, Giyookeresh... jijjiirraa taphattootaa har'a odeeffamu

Luwiiz Diyaaz

Madda suuraa, Getty Images

Baayer Muniik taphataa sarara cinaa Liiverpuul fi Kolombiyaa umuriin isaa waggaa 28 ta'e fudhachuuf Paawondii miliyoona 44.7 dhiyyeesse.

Yaalii Notingihaam Forest taphataa sarara fuula duraa Bireentifoord Yohaanee Wisaa fudhachuuf taasisu ammas kufeera. Bireentifoord taphataasaa lammii Koongoo umuriin isaa waggaa 28 ta'e kanaaf maallaqa dhiyaate xiqqaadha jechuun amma Paawondiin miliyoona 50 akka barbaadu ibseera.

Liiverpuul taphataa sarara fuula duraa Eyintiraakt Firaankifart fi Faransaay Huugoo Ekitikee mallatteessifachuuf marii jalqabuuf qophii ta'uu ibseera.

Taphataa umuriin isaa waggaa 23 kana fudhachuuf marii jalqabuu dura garuu Liiverpuul jifataan isaa lammii Yuraaguwaay umuriin isaa waggaa 26 ta'e dura gurguramuu isaa mirkaneeffachuu barbaada.

Liiverpuul Ekitiikee fudhachuuf fedhii guddaa qaba garuu gatiin isaaf barbaachisuufi haala jifataan Niwukasil Yunaayitid lammii Siwiidin umuriin isaa waggaa 25 ta'e Aleksaandar Isaak marii jijjiirraa taasifamuuf jedhuuf dhimmoota murteessoodha.

Huugoo Ekitikee

Madda suuraa, Getty Images

Fiigichi Arsenaal jifataa Siwiidin taphataa umurin isaa waggaa 27 mallatteessuuf taasisu danqameera. Kun ammoo sababa akkaataa kaffaltaan itti raawwatamurratti waliigalteerra gahamuu hin dandeenyeef Arsenaal guyyoota sadan darban keessa kilabicha hin dubbisiin tureera.

Riyaal Maadiriid taphataa sarara cinaa lammii Biraazil Roodiriigoon ganna kana akka gadhiisu hayyamuuf qophiidha jedhe. Haata'u malee, kilbichi taphataa umurii 24 Awurooppaa keessa turuu barbaadu kana ilaalchisuun murtee dhumaa kennuuf ta'a.

Riyaal Maadiriid Waancaa Kilaboota Addunyaa kilaba Faransaay PSG'tiin mo'amuu hordofee leenjisaan kilabichaa Zhaabii Alloonsoo Roodiriigoo dabalatee, taphataa sarara gidduu lammii Ispeen umuriin isaa waggaa 28 Daanii Sebaalos fi taphataa Morooo sarara gidduurra taphatu umuriin isaa waggaa 25 Birhaam Diyaaz gurguruu barbaada.

Kilabiin guddichi Ispeen, Riyaal maadiriid taphataa sarara ittisaa Tootenhaam umuriin isaa waggaa 27 Kiristiyaan Romeroo mallatteessifachuuf karoora qabaachuu hmeera. Kilabiin masaanuu Riyaal Maadiriid, Atileetikoo Maadiriidis taphataa kana fudhachuuf abbalaa jira.

Kiristiyaan Romeeroo

Madda suuraa, Getty Images

Chelsii fi kilboota Jarmaniin baayyee barbaadamaa jiraatullee Arsenaal taphataasaa sarara gidduu Etaan Niwaaneerii waliin kontiraata haaraa akka mallatteessifatu abdatamaa jira.

Taphataan umuriin isaa waggaa 18 fi garee Ingilaand waggaa 21 gadiif taphatu kun umurii xiqqummaan gahumsa hawwataa agarsiisaa taphattoota jiran keessaa tokkodha.

Naappoolii fi Galaatasaraay kaffaltaa taphataa sarara duraa umuriin isaa waggaa 26 ta'e Viktor Osimheen ilaalchisuun waliigalteerra gahaniiru. Taphataan lammii Naajeeriyaa kun bara darbe ergisaan kilaba Tarkii keessatti dabarse.

Sanderlaand taphataa sarara cinaa lammii Ingilaand umuriin isaa waggaa 22 ta'e Romeen Maandil PSV Eyindihoveniin barbaadamaa waan jiruuf kontiraata haaraa mallatteessifachuu barbaada.

Liyaandiroo Tiroosaard

Madda suuraa, Getty Images

Leejisaan Fenerbaachee Joozee Moriinhoo taphataa sarara duraa Beeljiyeem Liyaandiroo Tiroosaard fudhachuu barbaada.

Arsenaalis taphataa umuriin isaa waggaa 30 kana dabarsee gurguruuf qophiidha.

Riyaal Beetis taphataa sarara cinaa maanchester Yunaayitid umuurin isaa waggaa 25 ta'e Antoonii ergisaan isaan bira jiru dhaabbataadhaan fudhachuuf shakkii tokko malee abdachaa jira.

Taphataan lammii Biraazil kun kilaba Ispeen kana keessa uruudhaaf kaffaltaa isaaf kaffalamu hir'isuudhaaf fedhii qaba.

Taphataan sarara fuula duraa Ingilaand Jaamii Vaardii kan umuriin isaa waggaa 38 ta'e bara kana Leester Siitii gadhiise, leenjisaa duraanii West Biroom kan amma kilaba La Ligaa, Vaaleensiyaa leenjisaa jiru Kaarloos Koorberaan akkaan barbaadmaa jira.