Taphataa akkaan barbaadamu Arsenaal tibbana mallatteeffate, Zuubimeendiin eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal sarara gidduurratti utubaa amantaa irra godhatu waan argate fakkaata.
Yeroo ammaa kana addunyaarratti taphataa ittisa sarara gidduu jira jedhamu, Maartiin Zubimendii, Riyaal Soosidaan irraa Paawondii milyoona 60n fudhateera.
Waliigalteen kun Amajji darberraa kaasee eegamaa kan turedha.
"[Taphataa] sammuun guddaan kennameefidha," jechuun BBC Sport]'tti dubbate gaazexeessaan Ispeen Roobertoo Ramaajoo.
"Dirree keessatti wantota namoonni kaan arguu hin dandeenye arga.
"Zubimendiin karaa hundaan10 (keessaa 10) miti, haata'u malee, waan hundatti saddetidha. Piriimer Liigii keessatti waan hundatti gara 10 keessaa 10niitti guddachuu ni danda'a."
Ramaajoon taphataa kanaan 'el cerebro del futuro' ittiin jedha. Kana jechuunis 'sammuu egeree' jechuudha.
Taphataa idil-addunyaa Ispeen kan ta'e Zubimendiin, yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 26 guuteera. Taphataan kun bara darbe Liiverpuul fudhachuuf isa gaafatee jennaan didee, amma morkii shaampiyoonummaa Piriimer Liigiin masaanuu isaa kan ta'e Arsenaalitti makameera.
Arsenaal keessatti Zubimendiin Dekilaan Raayisiifi Maartiin Odegaard waliin ta'uun, sarara gidduurratti jara sadan eegaman jedhamuuf jiru.
Arsenaal taphataa attamiidha argate, gaheen isaa Imireetis Istaadiyeem keessatti maal ta'a?
Zubimendiin eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Zubimendiin Riyaal Soosodaadiif tapha 236 kan taphateef yoo ta'u, hanga har'aatti kilaba inni taphateefidha. Turtii siaa kanaa goolii 10 lakkoofsiseeraaf.
Taphataan kun irra caalaa goolii lakkofosisuu osoo hin taane taphataa sarara gidduu ittisarratti xiyyeeffatudha.
Riyaal Soosidaa bara darbe Zuubimedii akka hiirootti gargaaramuun yeroo baayyee bifa 4-1-4-1 ijaaramuun taphataa turus, ijaarama gara garaatiin taphataa tureera.
La Liga keessatti bara 2024-25 kubbaa milka'aa dabarsee kennuun, kubbaa fagootti sirriitti kennuun, kubbaa qajeeltoon dabarsuun, kubbaa argachuun, kubbaa buusisuun, dhaabsisuun, morkatee mo'achuufi dirree keessa bakka ballaa guutee (8.5km) taphachuun taphattoota sarara gidduu ciccimoo shanan keessaa tokko ta'eera.
Taphataan kun taaktikaan ykn ammoo kubbaa kennuun hojiima taphattoonni sarara gidduu hojjetan hojjeta. Garuu waan adda isa godhu qaba jedha Ramaajoon.
"Tapha sarara gidduu keessatti kallattii kamiiniyyu qixeesseefi karoorsee ni kenna, akkasumas yeroo hunda ni gumaacha. Kun waan adda isa godhudha. Kun erga gara Riyaal Soosidaa dhufee waan adda isa godhuufii ittiin beekamudha."
"Maariin dandeettii taktikaa baayyee gaarii ta'e qaba. Dirree keessatti akkamitti akka sirriitti bakka qabatu ni beeka. Yeroo gargaaruun barbaachisuttis fedhii garee isaas sirriitti dubbisee hubata.
"Taphni maal akka fakkaatu nama sirriitti dubbisee hubatudha, sababiin isaas kubbaa malees taphataa baayyee qaroo ta'edha. Yeroo kubbaa qabatu akkamitti akka inni jajamu nan beeka, anaaf garuu yeroo kubbaa malee jiru naaf caala."

Madda suuraa, Getty Images
Ispeen keessatti eessatu mijataaf?
Zubimendiin waancaa Ispeen 19 injifateera, erga Roodrii tapha xumuraa Yuuroo 2024 Ingilaand waliin taphateen miidhamee asitti tapha hunda keessatti jechuun jechuun ni danda'ama taphataa sarara gidduu qabatee taphateera.
Yeroo Roodriin - kan badhaasa Baaloon D'Or injifate - tapha sanarratti [kan Ingilaand waliin turerratti] boqonnaa irratti miidhamee bahe, taajjabdoonni hedduun sun Ingilaandiif carraa akka uumu itti dhaga'amee ture
Garuu Zubimendiin yeroo gara dirree seenu gahumsa ajaa'ibaa agarsiisaa ture, Ispeen 2 fi 1n injifachuuf wanti ishee dhorke hin turre.
Leenjisaan Ispeen Luwiis Dee Laa Fu'enteen taphataa sarara gidduu ittisaa cimaa addunyaa irratti isa lammaffaa jedheera.
Ispeen Roodirii Maanchester Siitiin ala sarara gidduurratti tapphachiisuuf dursa kan kennitu Zuubimendiifidha.
"Zuubimendiin akka Roodirii osoo hin taane, sammuu egereeti," jedha Ramaajoon. Akka ani yaadutti, taphataan sarara gidduu Maanchester Siitii, Roodiriin, amma dandeettii isaa isa dhumaarra waan ga'eef kana caalaa guddachuudhaaf isaaf rakkisaadha.
"Roodiriin amma waan gahuun irra jiruufi danda'uurra gahee dhabbateera. Zuubimendiin garuu sadarkaa amma irra gahe caalaa taphataa baayyee guddachuuf humna guddaa qabudha.
"Daandii Roogiriin kanaan dura keessa darbe keessa darbuuf jira Zuubimendiin. Gara Piriimer Liigii deemiin innis sarara gidduurratti tapha gurra horatu ta'uuf jira."
Zuubimendiin yeroo Roodiriin miidhamarra turetti garee Ispeen keessatti carraa hirmaannaa guddaa argateera, utubaa ta'ee tajaajiluun alattis gooliillee lakkoofsiseera.
Dorgommii Liigii Biyoolessaa bara 2024-25 gaggeeffamerratti si'a lama goolii lakkoofsiseera. Kunis tapha garee Deenmaark fi kan waancaa irratti Poorchugaaliin moa'an irratti kanneen lakkoofsise turan.
Taphawwan mo'anii darbuu Liigii Biyyoolessaa bara 2025 tureen, kubbaa dabarsuufi kubbaa mijeessee kennuun sadarkaa shanaffaa, akkasumas kubbaa dhaabsisuun lamaffaa, kubbaa dhaabsisuun torbaffaa ture.
Arsenaal keessatti eessati mijataaf?
Dandeettiin Zubimendiin qabu kan Riyaal Maadiriid barbaadu waan ta'eef manaajera kilabichaa haaraa ta'uun kan dhiyoo kana hojii jalqabe Zhaavii Aloonsoo Arsenaal harkaa butachuuf baayyee yaalee ture.
Alloonsoon itti dhiyeenya Zuubimedii waliin qabuun sossobachuuf hedduu yaalee ture. Alloonsoofi Zuubimendiin garee dargaggoota abiyyaalessaaf yeroo taphatanitti lakkoofsa wal fakkaatu [bakka wal fakkaatu] taphataniiru. Kana yaadachiisuunis 'nu siif wayya' jechuu yaaleera.
Zuubimendiin garuu Arsenaal filachuun bakka kanaan dura Tomaas paarteen qabatee ture fudhachuuf jedha.
Kontiraanni Tomaas Paarteen Arsenaal waliin qabu torban darbe Wixata ture kan xumurame.
Wixata kontiraanni isaa xumuramee gaafa Kamisaa ammoo himanni si'a shan dirqamaan gudeeduufi miidhaa saalaa geessisuu marsaa tokko irratti dhiyaateen himatame. Paarteen garuu himannaa isarratti dhiyaate hunda waakkateera.
Taphataan lammii Gaanaa umuriin isaa waggaa 32 ta'e kun bara darbe kana Arsenaaliif gara caalu sarara gidduurratti taphoota 35 taphateera.
Paarteen yeroo Arsenaaliif taphatu gara caalu gaba mirgaatti harkifatee kan taphatu yoo ta'u, Zuubimendiin ammoogara lamaaniinuu ni taphata, garuu gara bitaatti caalaa harkifatee taphachuu caalaa jalalata.
Dekilaan Raayis Weest Haam keessa yeroo turetti gahee lakkoofsa ja'aa qabatee taphachaa ture. Haata'u malee, Arsenaaliif ammoo Odegaard dabalatee yeroo sadii ta'anitti caalaa gara fuula duraatti siqee taphata.
Garee warra Ze Gaanars kana keessatti Zuubimendiin gahee Paartee akka qabatu kan eegamu yoo ta'u, bakka kanarratti taphataan isa morkatu taphataa sara gidduu lammii Denmaark Kiristaan Noorgaard kan barana Bireentifoord irraa Arsenaalitti makamuuf jirudha.
Ramaajoon akkas jedha: "Zuubimkendiin akka deeggaraa Piriimer Liigii dhugaatti Yunaayitid Kingidam keessa taphachuun hawwiiwwan isaa keessaa tokkodha. Kilaba umurii isaa hanga ammaa keessa ture kan gadhiisu taanaan kan hawwiisaa dhugoomsuuf ta'uu qaba.
"[Arsenaal] keessattti dhiibbaan yeroo La Ligaa keessa ture rakkisaan kan waan hojjete hundaaf isa qoratan keessa hin galu."
Amma Zubimendi mallatteessisuun Raayisiin daran bilisa isa baasuu mala – Zuubimendiin Paartee caalaa sochii fooyya'aa qabaachuun isaa, dabalataan ittisa irratti xiyyeeffachuu isaati.
Lammiin Ispeen kun bara darbe Paartee caalaa dirree ofii keessa socho'uun ittisaafis xiyyeeffannoo kennuun taphataa ture. Lakkoofsaan yeroo ilaalamu Paarteen kubbaa %56 dirree morkattootaa keessa seenee tuqeera, Zuubimendiin garuu %48 tuqe.
Kana jechuunj, Zuubimendiin, caalaa ittisarratti yoo xoyyeeffatu, Paarteen ammoo ittisuu caalaa gara fuulduraarratti ceesisuun caala.
Akkasumas kubbaan Zuubimendiin ceesisu keessaa %27 qofatu dirree morkatootaattri kan ce'u yoo ta'u, kan Paartee ammoo %32 ta'a.
Garuu Ramaajoon akkas jedhe: "Inni [Zuubimendiin] taphataa dandeettii duubarraa deebiyuu danda'u, kubbaa keessaan walitti kennamu keessattis sarara dhiibbaa cabsuu danda'uufi cimina addaa qabudha, sababiin isaas Zubimendiin hunda caalaa taphataa fuulduratti socho'u waan ta'eef."
"Amasumas amala barbaachisaa qaba - hiriyyoota garee fooyya'oo naannoo isaa jiran waliin ni caala, isaanis fooyyessuuf dandeettii qaba."
''Akkaataan isaa fedhii Piriime Liigii Ingiliiz waliin dafee madaquu danda'a jedheen yaada, taphattoota ardii keenyaa keessaa warra barbaachisoo ta'an keessaa murteessaa ta'ee akka of baasu isa gargaaruu danda'a."












