'Du'a qofaatu ispoortiin adda na baasa' - Atileetii gameessa Waamii Birraatuu

Madda suuraa, Jaagamaa Waamii Birraatu
- Barreessaa, Hirphaa Gammachuu
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Atileet Waamii Biirraatu goota atileetikisii Itoophiyaa waltajjii dorgommi idil- addunyaa irratti beeksisan keessaa angafa.
Maanguddoon ammatti umurii gannaa 108ffaa dhiyeenya kabajatan Waaamii Birraatuu, umurii kanattis dullumni ispoortirraa isaan hin ittisne.
Atileetii gammeessi Waamii Birraatuu jaalala ispoortiif qaban yoo ibsan, ''Ispoortiirra du'a qofatu adda na baasa'' jedhu.
Umurii waggaa 108 kan namni gara biraa tarii sireerraa ka'uuf itti ulfaachuu danda'u kanatti isaan garuu ''puush aappii'' akka hojjatan ilmisaanii BBC'tti hime.
Bara 1960 Olompikii Room irratti miila duwwaa fiigee; Itoophiyaa addunyaatti kan beeksise atileet Ababaa Biqilaa caala sa'aatii fooyyee kan qabu Atileeti Waamii Birraatuu sababii miidhamaatiin dorgommicharratti otoo hin hirmaatiin hafe ture.
Dorgommii sana booda Abbabaan ''miltoon kiyyaa isaa biyyatti hafetu dorgommicha injifata ture'' jedhee dubbachuusaatu kaafama. Atileetiin jabaa inni biyyatti hafe jedhes Waamii Biirraatu ture.
Waamiin hanga Ababaa Biqilaatti addunyaarratti maqaan isaa beekamu baatus, seenaa himamu danda'u akka qabu godambaan Atileetikstiin idil-addunyaa galmeesseera.
BBCn seenaa atileetikiitii kaase hanga iccitiin umurii kanaatti ispoortii hojjachuu ilaalchisee Waamii Birraatuus haasofneerraa, dhiyaadhaa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Umurii harraageessaa fi fayyaa gadamsaa siif haa laatuu'' jedhaanii nama eebbisuun ummata Oromoo biratti baratamaadha.
Atileet Waamiinis carroomanii akkawoo (29), akaakilee (28) fi abaabilee (7) arguuf danda'aniiru.
Ijoollee 11 Atileeti Waamiin godhatan keessaa ilmisaanii inni hangafaa maanguddoo ganna 85ti. Kaadhimamaa PHD kan ta'e Jaagama Waamii ammoo ilmaan Atileet Waamii Birraatu horatan keessaa 10ffaadha.
Jaagamaan akka jedhutti, abbaansaanii umuriin dheeraa ciminaan jiraachuusaaniif sochiin qaamaa hojjatan qooda ijoo qaba jedhee amana.
''Ammallee dorgommi irratti hirmaachuun barbaada'' jedhu Waamiin BBCtti wayita dubbataniitti.
Yeroo baayyees uffata dambii ispoortii fi meedaliyaalee dorgommiiwwan irratti badhaafaman keewwachuu jaalatu.
Waggaa 72 darban ispoortiirraa kan hin fagaanne Waamiin, ''nama akka kootii faana fiigeen biyya maqaa waamsisu barbaada'' akka jedhan hima ilmisaanii.
''Ammayyuu fiigichaan dirree ispoortii marsaanii deebi'u ni danda'u'' jedhan ilmisaanii waa abbaasaatii yeroo himu. Haata'u malee dullumarraa kan ka'e ijji fi gurrisaanii akka duriitti waa hubachuuf akka isaan rakkisu ibseera.
Fiigicha guddicha Itoophiyaarraatti dulluma kana keessa marsaa 10tti dhiyaatu hirmaataniiru.

Madda suuraa, Jaagamaa Waamii Birraatuu
Ijoollummaa fi guddina Waamii

Madda suuraa, Jaagamaa Waamii Birraatuu
Atileet Waamiin godina shawaa kaabaa bakka Sululta jedhamuutti dhalatanii guddatan. Ijoolummaatti baadiyyaatti akkuma ijoollee kaanii horii tiksaa maatiisaanii gargaaraa turan.
Gaafas gogorrii, bosonuu fi hilleettii ariyatanii qabu. Dur gugsii fardaa jaalatu. Farda faanallee fiigicha dorgomaa guddatanii jedha ilmisaanii.
''Gaaf tokko akkoon isaanii buna gaazexaan martee fidde. Gaazexaa sanarratti Waamiin suuraa atileetii tokko argan. Sana booda ani isa caala dheeraadha, otoon ittiin dorgomee nan injifadha jedhee yaade,'' jechuudhaan attamiin akka gara atileetiksiitti seenuuf fedhii akka horatan hima ilmisaanii.
Sunis suuran egereesaaniitiif ka'uumsa ta'edha jedhu. Gara boodaa ALI bara 1945 keessa waraana biyyattiitti dabalaman.
Baruma sanattis miseensonni waraanaa Itoophiyaa dorgomii fiigichaa irratti akka hirmaatan afferaman. Waamiinis hirmaachuudhaan fiigicha fageenya meetira 5,000 fi 10,000tiin tokkoffaa bahuun dorgommicha injifate.
Sana booda dorgommii meetira 1,500 hanga maaraatoonii irratti hirmaateera. Jaallalli ispoortiif qabanis bara sanarraa kaasee hanga yoonaatti osoo hin qorriin hafe.
Bara 1945 hanga 1953tti miila duwwaa dorgommii garaa garaarratti hirmaachuudhaan injifataa akka turan ilmisaanii Jaagama Waamii kan dubbatu.
Dirree dorgommii eessatti hirmaatan?
Atileetii Waamii Biirraatuu dorgommii oolompikii Room, Abbabaa Biqilaa seenaa irratti hojjate sababa miidhamaaniif otoo hin hirmaatiin irraa hafan.
Gara Room deemuuf guyyoonni saddeet wayita hafetti na dhukkube'' jedhanii turan Atileeti Waamii Birraatu taatee sana yoo yaadatan.
Olimpikii Room sanrratti Abbabaa waliin osoo hin hirmaatiin hafuusaatti yeroo hunda akka gaabbaan ilmisaanii Jaagamaan ni dubbata.
Ta'u infannoo Abbabaa Biqilaatiin baayyee akka gammadan, garuu osoo hirmaatanii jiru ta'e meedaliyaa lama wal hordofne fudhachuu akka danda'an akka yaadan hima Jaagamaan.
Abbabaab olompikii Room bara 1960 fi olompikii Tookiyoorratti injifachuudhaan galmeesuun isaa ni yaadatama.
Olompikii Tookiyoo booda Jaappaan Osaakaatti Abbabaa fi Waamiin akka dorgomaniif affeeramanii turan. Amma kiloometira 40tti lamaanu morkii jabaa waliin fiigaa turan.
Dorgommii kanarratti Abbabaan kophee keewwateera, Waamiin ammoo miila duwwaa fiiga ture. Gara booda Waamiin boodatti hafee Abbabaan dorgommicha injifate. Sana booda Waamiin dorgommii Olompikii Tookiyootiif otoo hin filatamiin hafe.
Hurufni Boombii (Jaan Meedaa)n dirree Atileeti Waamiin atileetoota itti leenjisuu fi itti shaakalchiisu ture.
Dorgommii meetira 1500 hanga maaratoon irratti walumaagalatti meedaliyaa warqii 51 fi naasii 30'tti dhiyaatu argachuu ilmiisaanii ni dubbata.
Haata'u malee, meediliyaa Atileeti Waamiin argatan kunneen baayyeesaanii kan dorgommii biyya keessaa irratti argatan ta'u dubbata ilmisaanii.
Meedaaliyaa kaan dorgommii fiigichaa Jaappaan Osakaa, Masrii fi Yugaandaatti dorgomamee irratti argachuu hime.
Maatiisaanii keessaa kan faana isaanii bu'anii fiigichaan milkaa'an jiraachuu baataniis, ijoolleesaanii keessa muraasni fiigicha shaakalaa akka turan eera Jaagamaan.
''Abbaan kiyya nama hojii fi biyyasaa baayyee jaalatudha'' jechuun ilmisaanii isaan ibseera. Gama nyaataatiin Atileeti Waamiin nyaata akka caccabsaa, dammaa fi aannaniin akka guddatan dubbatu.
Atileeti amalasaanii keessaa tokko waan darbeef gaabbanii baayyee akka of hin dhiphifne ibsa ilmisaanii Jaagamaan.
Atileetoonni waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti maqaa gaarii hratan kan akka Maammoo Waldee, Faaxumaa Roobaa, Daraartuu Tulluu fi kaan hedduunis faana Waamii Birraatuu fi Abbabaa Biqilaa hordofuun gara atileetiiksiitti akka seenan himama.












