Taphataan duraanii Arsenaal Toomaas Paartee yakka gudeeddiin himatame

Toomaas Paartee

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan sarara gidduu Arsenaal kan ture Toomaas Paartee yakka gudeeddii shanii fi yakka miidhaa saalaa tokkoon himatamuu poolisiin UK himera.

Taphataan kubbaa miilaa kun kontiraata isaa Arsenaal waliin qabu tibbana xumureera.

Yakkoonni kunneen bara 2021-2022 gidduutti akka raawwataman eeruun poolisii magaalaa qaqqabbuu kan Poolisiin beeksiseera.

Himannaan kunnenis dubartoota sadii kan ilaallatu yoo ta'u, yakka gudeeddii lama dubartii tokko irratti raawwachuu, himannaan sadii gudeeddii dubartii kan biraa waliin walqabatuu fi himannaa tokko ammoo miidhaa saalaa dubartii sadaffaa waliin walqabateedha.

Bara 2020 paawondii miiliyoona 45n Arsenaal kan seene Paarteen waggoota 5niif garee Arsenaal keessa taphata erga turee booda Kontiraatni isaa Wixata darbe xumurame.

BBC dhimma kana irratti yaada akka kennuuf garee Arsenaal qunnameera.Ammatti deebii hin arganne.

Toomaas Paartee, eenyu?

Taphataan umrii waggaa 32 kun turtii waggaa shanii booda Arsenaal waliin itti fufa jedhamee osoo eegamuu kilabichi bilisaan gadhiisuuf deema.

Taphataan kun lafee dugdaa kilabichaa ta'ee osoo jiruu garuu yeroo baayyee milkaa'ina kilabichaa keessatti hamma ifaaju hin faarfamu jedhama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Arsenaalis ta'e leenjisaan kilabichaa Mikeel Arteettaan bakka isaa dursaa taphattoota Notiingihaam Foorast, Kiristiyaan Norgaard, fiduu akka barbaadan ibsan.

Taphataan lammii Gaanaa Toomaas Paartee Lixa Gaanaa magaalaa Kkrooboo Odumaase jedhamtutti Waxabajjii 13 bara 1993 dhalate.

Kubbaa miillaa sadarkaa pirofeeshinaalaatti kan eegale bara 2013 kilaba biyya Ispeen Atileetikoo Maadiriid keessatti.

Isa booda Maayorkaa fi Almeeriyaaf ergisaan kenname, bara 2015 Atileetikootti deebi'e.

Bara 2018 Atileetikoo waliin waanxaa Yurooppaa Liigii fi Suppar Kaappii injifateera. Akkasumas bara 2016 kilabicha waliin tapha xumuraa waancaa Chaampiyoonsi Liigii irratti hirmaateera.

Bara 2020 ammoo paawondii miiliyoona 45n Arsenaal seene. Kanaanis taphataa lammii Gaanaa maallaqa guddaadhaan kilaba Awurooppaa seene ta'eera.

Taphataan gameessi Gaanaa kun yeroo sadi (bara 2017, 2019 fi 2021) biyyasaa bakka bu'uun tapha Waancaa Biyyoota Afrikaa irratti hirmaateera. Bara 2022 ammoo Waancaa Addunyaarratti hirmaate.

Bara 2018 wayita gareensaa tapha Waancaa Biyyoota Afrikaa keessatti garee cimaa barichaa jedhamuun filatamu maqaansaa guddoo leellifameera.

Bara 2018 fi 2019 ammoo taphataa cimaa Gaanaa jedhamuun badhaafameera.

Toomaas Paartee ijoollummaasaatti kilaba dargaggootaa- Odometah jedhamu keessatti guddate, achittis kubbaa miillaa eegale.

Yeroo muraasa kilaba Leganeez jedhamu keessa erga turee booda bara 2012 Atileetikoo Maadriidiif mallatteesse.

Erga gara Atileetikoo deemee waggaa booda taphataa eeggataa ta'uuf dirqameera

Bitootessa 10, 2013 tapha kilabni isaa Riyaal Sooseedaad waliin taphaterratti Paarteen gareen jalqaba hiriiranii taphatanitti makamee ture. Garuu dorgommii dirreesaaniitti goolii 0 fi 1n mo'aman sanarratti Atileetikoon osoo Paarteetti hin fayyadamin hafe.

Baruma kana Adoolessa keessa ergisaan Mayorkaaf kenname. Takkaadhumaan kilaba sadarkaa lammaffaatti gadi bu'e.

Adoolessa 14 taphasaa jalqabaa kilabnisaa dirreen ala Sabadell waliin taphachuun o fi 4n mo'aterratti yeroo jalqabaaf hiriire.

Paarteen goolii isaa pirofeeshinaalaa jalqabaa kan galche Fulbaana 15, 2013 tapha gareen isaa Hercules waliin taphachuun goolii lama walqixa ba'erratti boqonnaa booda jijjiiramee seenuudhan ture.

Toomaas Paartee Onkoloolessa 5, 2020 paawondii miiliyoona 45n Arsenaal seenuun lakkoofsa 18 kan bara taphaa sana dura Nacho Monereal dhiisee ba'e uffate.

Paarteen wayita Arsenaaliif mallatteessu miira jaalalaa fi kutannoo addaa agarsiise.

Arsenaal bakka isaaf malu, kabaja isaa duraaniitti deebisuf kutannoodhaan akka hojjetu dubbate.

Wayita Arsenaal seenuuf murteessus wal'aansoo haaraa fi milkaa'ina haaraa barbaadee akka ta'e dubbate.

Jijjiirraa kanaan Arsenaal seenuutti kan gammade Paarteen kanaafis leenjisaa Arsenaal Mikeel Arteettaa fi daarektaroota teeknikaa hunda galateeffateera.

Amma kontiraatni isaa Arsenaal keessatti haaromfamaa hin jiru. Kilabootni isa barbaadan hedduun jiru garuu garamitti akka qajeelu waanti ifa ta'e hin jiru.