Naayijeeriyaan Morookoo mo'achuun yeroo 10ffaaf chaampiyoonaa taate

Madda suuraa, Backpage Pix
Tapha xumuraa Waancaa Afrikaa Dubartootaa irratti Naayijeeriyaan durfamuurraa kaatee biyya waancaa kana qopheessite Morookoo injifachuun waancaa 10ffaa harkaan ga'atteetti.
Leenconni Atlaas Raabaat keessatti injifannoo labsachuuf fiixeerra ga'anii turan. Goolii Gizleen Chebaak fi Sanaa Masuudii galchaniin boqonnaa dura, darbees hanga daqiiqaawwan 60 keessaatti dursaa turan.
Haata'u malee daqiiqaa 64ffaa irratti waan isaan hin eegnetu ta'e, waan Raabaat fi Morookoon hin eegnetu mudate.
Ittistuun warra Leencota Atlaas Nuuhaayilaa Beenziinaa saanduqa peenaalitii keessatti kubbaa Folamide Ijamilusi dabarsite harkaan tuqxe.
Warri Lixa Afrikaatti dhufan ammoo carraa kana hin qisaasessine. Jifattuun Naayijeeriyaa Ester Okoronkoo rukuttaa adabbii kana gara gooliitti geeddaruun taphicha akkaan geeddare.
Taphattuu cimtuun kun peenaalitii lakkoofsisuu qofa osoo hin taane daqiiqaa 71ffaarratti kubbaa gooliif ta'u bareechitee waahila ishee Ijamulisif kennite.
Taphichi dhumuuf daqiiqaan lama wayita hafu ammoo Jenifer Echegini goolii sadaffaa galchite, kanaan waancaasaanii fudhatanii galan.
Dhumarratti wayita abbaan seeraa Naayijeeriyaan taphicha injifachuu mirkaneessu istaadiyeemiin namoota kuma 21,000 qabatee ture ni golgolaa'e. Miirri warra Morookoo baayyee gadi bu'e.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kun kubbaa miillaa dubartootaa Naayijeeriyaaf milkaa'ina irratti milkaa'ina dabale.
Erga dorgommiin waancaa kan dubartootaa Afrikaa keessatti eegalee harkaa 100 milkaa'aniiru.
Morookoon dubartootaan waancaa Afrikaa injifachuuf baayyee ifaajje. Bara 2023 biyya dubartootaan waancaa addunyaa injifatte Ispeen irraa leenjisaan fiduun gareesaanii cimsaa turan.
Garuu waancaa injifachuu hin dandeenye.
Naayijeriyaan dorgommii kana injifachuusheetiin doolaara miiliyoona 1 argatteetti, maallaqi kun kan dorgommii darbeerra dachaadha.
Akkasumas waancaa Afrikaa bifa haaraan qophaa'es yeroo jalqabaaf fudhataniiru.
Haata'u malee xumurri dorgommii kanaa waan mufannaa fi gaddaan guutame fakkaata.
Dallansuun warra Morookoo sagantaan xumuraa akka hin bareenne taasise.
Taphi erga xumuramee booda wayita Pirezidantiin Fifa Jiyaanii Infantiinoo fi Pirezidantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miillaa Afrikaa Paatiriis Motsepe sirna badhaasaaf gulantaarratti ol ba'an istaadiyemiin qullaatti hafeera.
Dorgommiin kun kan bara 2024 sababa rakkoon sagantaa mudateef barfatee ture, biyyoonni Lixa Afrikaa fi Zaambiyaan Olompikii Paaris bara 2024 irratti hirmaachuunis dhimma sagantaa kana danqe keessaati.
Afrikaa keessaa Morookoon dhiirotaanis ta'e dubartootaan kubbaa miillaa irratti baayyee hojjechuun beekamti.
Deeggarsa mootii biyyattii Mohammad 6ffaan maallaqi hedduun damee kanaaf ni ramadama.
Garuu irra deddeebiin mo'amuu jechuun egeree kubbaa miillaa biyyattii yaaddoo keessa galchuu hin hafne.
Bara 2022 Leenconni Atlaas Afrikaa Kibbaan injifataman. Isa booda taatee saalfachiisaa ijoo dubbii ta'e kan xumura Waancaa Dubartootaa Addunyaa irratti mudate hordofuun hojii kan gadhiisan Vilda Ispeen irraa fidan.
Yeroo sana Pirezidantii Federeeshinii Kubbaa Miillaa Ispeen kan turan Luwiis Rubiyaales taphattuu Jeenii Hermoosoo jedhamtu eeyyama ishee malee dhuungachuun ijoo dubbii ta'ee ture.
Leenjisaan umrii waggaa 44 kun kubbaa miillaa Morookoo keessatti sona dabale qaba. Garuu bara kana akkaataa gareen faallaa isaanii duubaa ka'anii irra aanan yoo ilaalamu humna jiru sirriitti mul'isa.












