Arsenaal taphataa kamiif miindaa olaanaa kaffala, maaliif?

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal waggoota dheeraaf miindaa guddaa hin kaffalu jedhamuun qeeqaamaa ture. Keessumaa leenjisaa duraanii Arsen Weenger jalatti. Garuu yeroo Mesut Ozil fa'aa gara Arsenaal dhufu waan kun cabeera.
Arsenaal amma akka kilebotaatti Piriimer Liigii keessaa miindaa kaffaluun Maanchister Siitii, Maanchister Yuunaayitid fi Cheelsiitti aanee sadarkaa arfaffaa irra jira.
Kaayi Haaverti Cheelsii irraa bara 2023 gara Arsenaal yeroo dhufu, miindaan torbanii isaa paawondii 280,000 ture.
Kun taphattoota Arsenaal keessaa isa miindaa olaanaa argatu isa taasisa.
Isaatti aanuun ammoo miindaa guddaa kan argatu Maanchister Siitii irraa kan mallatteessisan Gabri'el Yeesusidha.
Gabri'el Yesus sababa miidhamaan Arsenaaliif tajaajila guddaa hin kennine. Garuu taphataa lammaffaa miindaa olaanaa kilebicha keessatti argatudha.
Arsenaal Gabri'eel Yesusiif torbanitti paawondii 265,000 kaffala. Yesus bara 2022 ture Maan Siitii irraa Arsenaal kan gale.
West Haam irraa paawondii miliyoona 100 caaluun Arsenaal kan gale Deklaan Raayis ammoo taphataa biraa miindaa olaanaa argatudha. Raayis torbaniin paawondii 240,000 argata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raayis erga gara Arsenaalitti dhufee sarara gidduu irratti utubaa kilebichaa taheera.
Ittisa gargaaruutii hanga fuulduratti siquun kubba murteessoo tahan dabarsuutti Deklaan Raayis hojii guddaa mikeel Arteettaaf raawwachaa jira. Tphataan kun Maanchister Siitii diduuni kileba Landan biraa kan tahe Arsenaalitti kan makame.
Isa cina sarara gidduurra kan taphatuu fi qaawwaa ilaaluun taphattoota sarara gidduuf kubba hulluuqsee dabarsuun kan beekamu Maartin Odeegaardi ammoo taphataa arfaffaa miindaa olaanaa argatudha.
Odeegaardi torbanitti paawondii 240,000 akkuma Deklaan Raayis argata. Odeegaardi taphataa dandeettii guddaa qabu yoo tahu ijoolummaatti ture Riyaal Maadirid kan mallatteessise.
Garuu sarara gidduu Maadirid irra taphattoonni akka Luukaa Moodirichii fi Toonii Kiruus waan jiraniif bakka argachuu hin dandeenye ture.
Kana irraa kan ka'e gara Arsenaalitti kan dhufe Odeegaardi taphataa murteessaa Arteettaan irratti hirkatu qofa osoo hin taane dursaa taphattoota Arsenaalis taheera.
Odeegaardi dursaa taphattootaa callisaan beekamu yoo tahu, dhiibbaa inni dirree keessatti fidu garuu ofiin dubbata.
Taphataa cimaa Arsenaal deeggartoonni kilebichaa adda durummaan leellisan Bukaayoo Saakaa sadarkaa shanaffaa irra jira.
Bukaayoo Saakaa akkaadaamii Arsenaal keessatti kan guddate yoo tahu, gahumsi inni Arsenaal keessatti yoo xiqqaate waggoota sadiif walitti aansee agarsiise ajaa'iba.
Saakaan miindaa torbee paawondii 195,000 argata. Taphattoonni Arsenaal hedduun miindaa isaaniin alatti akkaataa gahumsa agarsiisaniin boonasiin argatan kontiraata isaanii irra jira.
Fakkeenyaaf Kaayi Haaverti gahumsa olaanaa yoo agarsiisee fi galchii barbaadamu lakkoofsise torbanitti dabalataan hanga paawondii 50,000 argachuu danda'a. Odeegaardi ammoo paawondii 60,000, Saakaan paawondii 100,000 argachuu danda'u.
Ziincheenkoon paawondii 50,000 akkasumas Juuliyaan Tiimber paawondii 30,000 akka argatan kontiraata isaanii irra jira jedhe marsariitiin odeeffannoo kana baase Team Talk.
Guddattoota Arsenaal bara dorgommii darbe addunyaatti of beeksisan keessaa tokko Lewis Iskeeliidha. taphataan sarara ittisa cinaa kun gahumsa ijoollummaan agarsiiseen garee biyyaalessaa Ingiliziifillee filamuun taphateera.
Lewis Iskeeliin duraan torbanitti paawondii 4,000 argata ture. Erga kontiraata haaraa mallatteesse garuu miindaan isaa akka malee guddachuun ol adeemtota Piriimer Liigii warra miindaa ol aanaa argatan keessaa tokkodha jedhame. Hammi isaa garuu hin ibsamne.
Karra eegaan Arsenaal Deevid Raayaa, torbaniin paawondii 100,000 argata.
Taphataan sarara ittisaa Been Waayit, taphataa gatii qaalii yeroo sanaa paawondii miliyoona 50 tahuun Biraayitan irraa Arsenaalitti makamedha.
Amma miindaan isaa torbanii paawondii 150,000 taha.
Wiliyaam Saaliibaa Torbanitti- £190,000
Gabri'eel Magalesh Torbanitti- £150,000
Rikkardo Kalafiyoorii Torbanitti – £120,000
Juuriyaan Tiimber Torbaniin – £90,000
Oleksander Ziinchenko Torbaniin – £150,000
Jakub Kiwor Torbaniin– £58,000
MartiIn Zubimendi – £75,000
Mikel Merinoo – £130,000
Ethan Nawaneri – £6,000
Fabiyoo Viyeeraa – £45,000
Gabri'el Martineili – £180,000
Liindroo Tirossard – £90,000
Arsenaal walumaagalatti miindaa taphattootaaf qofa waggaatti paawondii miliyoona 158 ol baasa. Bara kana Toomaas paartee gadhiisee taphattoonni haaraan akka Zubimandii, Kirsitiyaan Noorgaardi, Noonii Maduweekee, karra eegaa Arizabalagaa fa'aa gara kilebichaatti makamniiru.
Yeroo oduun kun qindaa'aa jirutti ammoo Viiktar Giyookeres kontiraata waggaa shaniin Arsenaalitti makamuu ibsameera.
Miindaa taphataa kanaa ammatti hin ibsamne.
Maanchister Siitiin bara dorgommii 2024-25 keessa miindaa taphattootaa paawondii miliyoona 224 ol kaffaleera.
Maanchister Yuunaayitid gara paawondii miliyoona 172 baasii godheera. Cheelsiinis gara paawondii miliyoona 169 akka kaffale ragaaleen agarsiisu. Kun baasii waliigalaa kilebootaa dabalachuu dhiisuu danda'a.
Liiverpuul shaampiyoonaa tahuun kan xumure gara paawondii miliyoona 145 kaffaleera. Bara dorgommii darbe kileboonni miindaa gadi aanaa kaffalan Ipsich Taawonii fi Saawuzhampitan kanneen liigicha keessaa kufan akkasumas Bireentifoordii fi Nootingihaam Foorestidha.












