'Erga waancaan nu harkaa bahee' barana Arsenaal keessatti 'waan baay'een jijjiirama'- Gabri'eel Maagaalesh

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan sarara ittisaa Arsenaal Gabri'eel Maagaalesh, Arsenaaliif barri dorgommii kun ''adda taha'' jedhe.
''Waancaa baay'een erga harkaan qabannee nu harkaa bahe'' jechuun danda'ama kan jedhe Maagaalesh bara kana Arsenaal abdii akka qabu hime.
Miikeel Arteettaan erga leenjisaa Arsenaal tahee garicha hedduu jijjiireera. Garuu waggoota jaha yeroo leenjisummaa isaa keessatti waancaa FA Cup bara 2020 ala waancaa injifatan hin qaban.
Garuu Piriimer Liigii keessatti Arsenaal waggoota sadiif walitti aansee sadarakaa lammaffaan xumure.
Akkasumas waancaa Shaampiyoonsi Liigii walakkaa xumuraa irratti akkasumas Karabayoo Kaappii walakkaa xumuraa irratti mo'amuun keessaa bahan.
Lameenuu Arsenaaliin mo'anii kan darban PSG fi Niwkaastiltu waancaa fudhate.
Arsenaal yeroo qophii dorgommii Piriimer Liigiin duraa bara kanaaf Siingaapoorii fi Hoongi Koongitti qajeelaniiru.
Waggoota shan booda yeroo jalqabaaf waancaa kaasuuf Arsenaal keessatti maaltu akka jijjiiramaa jiru BBC Sport ilaaleera.
Miidhama yeroo dheeraa akka hin mudanne
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kaayi Haaverti, Bukaayoo Saakaa, Odeegaardi fi Gabri'eel Maartineelii bara dorgommii darbe miidhamaan yeroo dheeraaf osoo hin taphatiin turan.
Kun yeroo murteessaatti Arsenaal qabxii isaa cimsee akka itti hin fufsiifne godheera.
Gabri'eel Yesus ammoo irra caalaa dorgommichaa irrattiyyuu hin argamne. Arteettaan taphataa sarara duraa jabaa tokko dhabuun sarara gidduu irra taphataa kan ture Miikeel Meeriinoo sarara duraa irra taphachiisaa ture.
Taphoota 28 irratti galchii torba lakkoofsiseeraafi.
Bara kana garuu Arteettaan waan akaksii akka isa hin mudanne gochuuf hojjechaa jira.
Lewis Iskeelii fi Nawaneeriin garuu hanqina kana guutuuf jecha akkaadaamii kilebichaa keessaa argaman.
Lameenuu garee biyyaalessaa Ingilaandiif haga waamamuutti gahaniiru. Lewis Iskeeliin carraa taphaa yoo argatu Nawaneerii ammoo taphoota 37 Arsenaaliif taphate irratti galchiiwwan sagala lakkoofsiseera.
''Kufaatii keenyaaf sababa waan dhiyeessinu natti hin fakkaatu,'' kan jedhe gabri'eel ''waggoota sadan darbe keessa waan dandeenyu hiundaa gooneerra'' jedhe.
''Xiqqoo waanuma carraa dhabne natti fakkaata. Garuu hundi keenya amantaa waancaa gurguddaa injifachuu dandeenya jedhu qabna,'' jedhe.
''Waan leenjisaan keenya nuun jedhu irratti baay'ee xiyyeeffannee hojjenna. Maal gochuu akak qabnuu fi maal fooyyessuu akka qabnu. Akkan yaadutti barri kun nuuf adda taha,'' jechuun abdii waancaa injifachuuf qaban hime.
Taphattoota ciccimoo akka Giyookeres mallatteessisuu

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal bara kana jijjiirraa taphattootaa irratti adda durummaan hirmaataa jira.
Gaafa Hagayya 17 yeroo maanchister Yuunaayitid waliin walitti dhufan Arsenaal taphattoota haaraa hedduu qabaata.
Hanga ammaatti Noonii Maduweekee, Maartin Zuubimandii, Kiristiyaan Noorgaardi, fi karra eegaa Keeppaa Arizabalaagaa mallatteessaniiru.
Akkasumas Viiktar Giyookeres mallatteessisuuf fiixee irra gahaniiru.
Zuubimandiin taphataa sarara gidduu cimaa Awurooppaa keessa jiran keessaa tokko.Maduweekeen bakka Bukaayoo saakaa eeggataa tahuun taphata. Bakka Maartineeliis waan taphachuu danda'uuf dorgomaa cimaa tahaafi.
Zuubimandii fi Noorgaardi ammoo bakka Joorjiniyoo fi Toomaas Paartee cufu. Lameenuu taphattoota bilchaatoo fi gahumsa olaanaa qabanaidha.
'''Taphattoonni as jiran cimanii taphachaa jiru. Taphattoota haaraan nutti dabalaman waliin ammoo inumaayyuu kana caalaa garee cimaa taana'' jedhe Gbari'eel.
Gabri'eel waa'ee Giyookeres gaafatamee ''hundi keenyayyuu akak beeknu taphataa baay'ee cimaadha. Garuu ammatti taphataa Arsenaal osoo hin taane kan Ispoortiingi akak tahen beeka,'' jedhe.
''Bara darbe yeroo isa waliin wal morkanne qormaata guddaa nutti tahee ture. Bara dorgommii darbe gahumsa addaa agarsiiseera. Waa'ee galchii lakkoofsisuun akka Giyookeresitti yeroo sana gammachuu ibsatee Gabri'eel yoo gaafatamu isa waanan ammatti haasa'u miti'' jedhe.
Giyookeres taphoota 52 irratti galchii 54 bara darbe qofa lakkoofsise. Kun Arsenaaliif maashina goolii oomishu cimaa taha.












