Viinishiyees Juuner miindaa biiliyoona tokkoon Riyaal Maadiridii bahuufii?

Madda suuraa, Getty Images
Maanchister Yuunaayitid taphataa Bireentifoordi Biriyaan Embuumoo mallatteessisuuf paawondii miliyoona 70 dhiyeesseera. Garuu Bireentifoordi gatii kana fudhachuufi dhiisuu ammayyuu hin himne.
Waayila isaa Yowaanee Wiisaa ammoo Niwkaastil Yuunaayitid akka barbaadu ibseera. Taphatichi garuu leenjisaa isaa duraanii Toomaas Firaanki hordofuun gara Tootenhaam deemuu barbaada.
Arsenaal taphataa haalaan barbaadaa ture Viiktar Giyookeres mallatteesssisuuf guyyoonni qabamuu gabaasonni adda addaa agarsiisu.
Akkuma taphatichi qorannoo fayyaa ykn medikaalaa gaggeessee xumureen kontiraata isaa waggaa shanii mallatteessuuf qophiidha jedhame.
Leenjisaan Riyaal Maadirid Zhaavii Aloonsoo taphattoota maqaa guddaa qabanii fi akkaataa falaasama leenjisichaatti hin taphanne akka kilebichaa bahan gochuu danda'a jedhu gabaasonni Ispeenii bahan.
Kilebichi Aloonsoon abbaa barbaade taphachiisee abbaa barbaade taa'umsa jijjiirraa irra kaa'uu akak danda'us itti himameera.
Kana dura leenjisaan turan Kaarloo Anchelootii taphattoota maqaa guddaa qaban akka Viinishiyes, Roodiriigoo fi Imbaappee fa'aa taphachiisuun akak dirqamaatti ilaalama ture.
Isaan keessaa Viinishiyes Juuner kontiraata haaraa mallatteessuuf miindaa guddaa akka gaafate himamaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphatichi kilebicha waliin waliigalteerra gahuuf ammayyuu walirraa fagoo jiru. Kanaaf Riyaal Maadirid taphataa kana gurguruu barbaada jedhe jijjiirraa taphattootaa gabaasuun kan amanamu Faabrisiyoo Roomaanoo.
Hoggantoonni Sawud Arabiyaa Viinishiyees akka gara liigii isaaniitti makamuuf miindaa guddaa dhiyeessuuf akka jedhan himame.
Addatti ibsamuu baatus kilebni Sawudii Al Ahilii jedhamu Viinii mallatteessisuu akka barbaadu himameera.
Give Me Sport barruun jedhamu kontiraata waggaa shaniin miindaa qulqulluu harka isaarra gahu Yuuroo biliyoona tokko tahu kaffaluuf fedha akka qaban gabaase.
Dabalataan taphataan biyya isaa Roodiriigoon Riyaal maadirid keessaa akka bahuuf kilebichi eeyyameeraafii.
Liiverpuulii fi Arsenaal kileboota taphataa kana barbaadanidha. gatii isaa garuu akka malee qaalii tahuu mala.
Faabirisiyoon akka gabaasetti Roodiriigoon Riyaal Maadirid keessaa bahuuf kan gufuu guddaa itti tahe jaalala kilebichaaf qabudha jedhe.
Liiverpuul taphataa Entiraakti Firaankifart Huugoo Ekitiikee mallatteessisuuf paawondii miliyoona 70 kenne.
Kilebichi fudhachuu isaa hin ibsine. Ekitiikeen kontiraataa fi miindaa ilaalchisee Liiverpuul waliin wlaiigalteerra gahuu gabaafameera.
Liiverpuul taphataa kana kan mallatteessisu yoo Aleeksaander Isaakiin Niwkaastil irraa hin argatu qofa akka tahes ibsameera.
Ekitiikee Niwkaastilis mallatteessisuun Isaak waliin taphachiisuu barbaadu.
Aantoonii Eelaangaa Nootiingihaam irraa kan mallatteessise Niwkaastil Shaampiyoonsi Liigii keessattis waan hirmaatuuf taphattoota jajjaboo barbaada.
Maanchister Yuunaayitid bakka Andiree Onaanaa Emi Maartinez mallatteesisuuf fedha akka qabu gaazexaaleen biyya Arjentiinaa gabaasaa jiru.
Maartinez Arjeentiinaa waliin waancaa Addunyaa fi Kooppaa Ameerikaa mo'ateera. Bara kana Aston Viilaa keessaa baha jedhamee eegama.
Viilaan karra eegaa kanaaf paawondii miliyoona 49 barbaada. Taphataa ganna 33 kana fudhachuuf Maan Yuunaayitid paawondii miliyoona 33 kennuuf akka fedha qabu ibsamaa jira.
Onaanaan dogogoroota hedduu hojjeteen Maanchisteriin gatii guddaa kaffalsiiseera. Amoorim Onaanaan akka bara kana kilebicha keessa turu ibsanis miidhamni waan isa mudateef Maartinez fiduuf dirqamu jedha gabaasonni bahan.
Gama biraan Astoon Viilaan Alehaandiroo Gaanaachoo barbaada. Gaanacahoon kileboota Piriimer Liigii gurguddoo keessaa tokko galuu akak barbaadu gabaafameera.












