Aleksaander Isaak gara Liiverpuul? hireen Raashfoord, Aantoonii fi Saanchoo maal taha?

Madda suuraa, Getty Images
Shaampiyoonaan bara dorgommii darbee Liiverpuul taphataa sarara duraa keessumaa lakkoofsa 9 irra taphatu haalaan barbaadaa jira.
Aleeksaander Isaak, Niwkaastil irraa gara Liiverpuul deemuun isaa waan oolu miti. Taphataan lammii Iswiidin tahee fi hidda dhalootaa Eertiraa qabu Isaak bara dorgommii xumurametti galchii 23 Piriimer Liigii keessatti lakkoofsise.
Deegoo Jootaa balaa konkolaataan kan dhabe Liiverpuul, Daarwin Nuunez erga kilebichatti makamee dhiibbaa barbaachisu uumuu dadhabuu isaatiin Liiverpuul keessaa bahuun isaa waan hafu miti.
Naappooliin taphaticha fudhata jedhamee eegamus kaleessa kana booda akka fedha hin qabne Liiverpuul beeksisuun isaanii gabaafameera.
Garuu kileboonni Sawud Arabiyaa Nuunez mallatteessisuu danda'u gabaasni jedhus baay'ateera. Liiverpuul Isaakiif paawondii miliyoona 120 dhiyeesseera.
Kun gatii rikardii Niwkaastil taphataa itti gurgurate tahuufii danda'a.
Akkasumas Liiverpuul rikardii jijjiirraa taphataa mataa isaa baranuma Filooriyaan Wiirziif galmeesse cabsuun taphataa kana harka galfachuu barbaada.
Liiverpuul dabalataan taphataa Entiraakti Firaankifarti Huugoo Ekitiikee mallattessisuuf gaaffii dhiyeesseera.
Kun garuu kan tahu yoo Isaakiin dhaban akka tahe gabaafameera. Odeeffannoo kaleessa bahe garuu Niwkaastil Huugoo Ekitiikeef paawondii miliyoona 70 dhiyeessanis kilebni Jarman kun gatii kana hin fudhanne.
Liiverpuul Isaakiif hanga paawondii miliyoona 130 kaffaluu akka danda'an himameera. Yoo kana tahe Niwkaastil Ekitiikee kana bara darbe galchii 15 lakkoofsise harka galfachuuf ariifachuu malu.
Isaak bara 2022 paawondii miliyoona 63'n Riyaal Soosedaad irraa Niwkaastil gale.
Ergasii miidhama yeroo adda addaa isa mudatuun dabalata galchii 54 Niwkaastiliif lakkoofsiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ruuben Amoorim taphattoonni isaanii yeroo boqonnaa irraa shaakalaaf deebi'an maal fakkaachuu akka qaban ''yaadaa fi karoora ifaan qaba. Isaanis beeku'' jedhan.
''Akkuma beektan hanqina qabnu irraa kan ka'e waan hundumaa yeroo ganna kanaatti hojjechuu hin dandeenyu. Garuu maal akak barbaannu ifaadha'' jedhe Amoorim.
Waan inni barbaadu keessaa tokko taphattoonni kilebicha keessatti miindaa guddaa argatanii tajaajila xiqqaa kennan kan akka raashfoordi, Saanchoo, Aantoonii fa'aa ariitiidhaan akka gadhiisanii bahanidha.
Gaarnaachoo dabalatee taphattoonni kunneen akak kilaba haaraa barbaaddatan isaanitti himameera.
Amoorim jalatti akak bakka hin qabnes beeku. Garuu kontiraata waan qabaniif gara kilebichaatti deebi'aniiru.
Garuu garee Amoorim adda baafatan waliin shaakala hin hojjetan. Addatti akka shaakala hojjetan garuu eeyyamameeraafi.
Gaarnaachoon Cheelsii gala jedhamee eegama. Cheelsiin garuu gatii Yuunaayitid barbaadu hin dhiyeessine. Saanchoo Yuuroo miliyoona 25 kaffaluun Juuvantas akka fudhatu Maan Yuunaayitid eeyyamamaa tahus gam tokkoon taphatichi miindaa isaa hir'isuuf eeyyamaa hin taane.
Gama biraan ammoo Juuvantas taphataa biraa mallatteessisuun isayyuu yoo barbaadan paawondii miliyoona saddet qofa kaffaluun fudhachuu akak barbaadan himan.
Kanaanis Saanchoon waan Maan Yunaayitid keessaa bahaa jiru hin fakkaatu. Raashfoordi Baarseloonaa ykn Baayern Muunik eeggataa jira. Miindaa isaa hir'isee galuufis eeyyamamaa tahuu himameera.
Maanchister Yuunaayitid Sanbata dhufu Istookhoolmitti Liidsi Yuunaayitid waliin tapha michummaa gaggeessa.
Garuu Amoorim waan waadaa galameefii kan argataa jiru hin fakkaatu.
Taphattoonni shanan hin barbaadamne gurguramuun akkasumas miindaa isaanii dhiisanii bahan fayyadamuun taphataa haaraa fiduuf eegaa jira Yuunaayitid.
Garuu ammatti kilebni dhimmee taphattoota kanneen barbaadu hin argamne.
Maatiyaan Kuunaa qofatu paawondii miliyona 62.3 tahuun Woolvis irraa Yuunaayitid gale. Biriyaan Embuumoon Bireentifoordi irraa kilebicha gala jedhamee eegamus ammatti Yuunaayitid gatii gaafatame guutuu hin dhiyeessine.
Arsenaal Giyookeres mallattesisuuf fiixeerra gaheera.
kilebichi ammayyuu akkaataa kaffaltii hafanii irratti Ispoortiingi Liisban waliin Landanitti mari'achaa jira.












