Laamiin Yamaalirratti qorannoon akka gaggeeffamu gaafatame

Lamiin Yamaal

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Mirgoota Hawaasaa Ispeen Waajjirri abbaa alangaa biyyattii Lamiin Yamaalirratti qorannnoo akka gaggeessu gaafate.

Yamaal guyyaa dhalootasaa waggaa 18ffaa wayita kabaju namoota rakkoo guddina qaamaa qaban agarsiisa akka dhiyeessan godheera.

Paartiin Yamaal magaalaa Baarseloonaarraa fageenya 50km irratti bakka Oliveellaa jedhamutti gaggeefame.

Sirna kana irratti yutuubaroonni, namootni dhiibbaa uumaniifi hiriyyoonnisaa garee Baarseloonaa argamaniiru.

Sagantaa kana miidhagsuufi bashannansiisuuf Yamaal namoota gaggabaaboo jedhamuun beekaman qacareera.

Kana ammoo waldaan Ispeen keessatti mirga namoota rakkoo guddina qaamaa fi isaan walqabatu qabaniif dhaabatu (ADEE) ''jaarraa 21ffaa keessatti wanta fudhatama hin qabneedha'' jechuun komateera.

Ministeera Mirga Hawaasaa Ispeen keessatti daarektarri dhimmoota namoota hanqina qaamaa qaban irratti hojjetuu waldaan ADEE jedhamu Yamaal irratti himannaa dhiyeessuu ibseera.

''Kanaafuu daayireektarootiin kun waajirri abbaa alangaa seerriifi mirgi namoota hanqina qaamaa qabanii sarbamuufi dhiisuu akka qoratu gaafateera.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waldaan ADEE jedhamu kun ibsa baaseen namoota gaggabaaboo ta'an akka nama biraa bashannansiisan gochuun ''fudhatama hin qabu'' jedheera.

''Loogiin akka jiraatu kakaasa, mirgaafi fakkii namoota hanqina qaamaa qabanii cilee diba'' jedheera ibsichi.

''Gochaan kun seera tumamee jiru kan sarbu qofa osoo hin taane, duudhaa ganamaa hawaasichaa isa bu'uuraa kabajamaa ta'es kan sarbeedha.''

Waldichi gochaan qaama miidhamtootni haala qoosaaf, saalfiifi kabaja dhabuuf isaan saaxiluun agarsiisa ykn sagantaa bashannanaa akka dhiyeessan gochuun seeraan kan gaafachiisu ta'uu eereera.

Miidiyaan Ispeen tokko garii namoota sagantaa bashannanaa kana dhiyeessan keessaa tokko dubbiseera. Namni kun Yamaal balleessaa akka hin goone dubbate.

''Namni kabaja nu dhorkate hin jiru. Nagaan hojii keenya hojjenne'' jedhe namni enyummaansaa akka ifa hin taane gaafate tokko.

''Haasaan hammi kun maaliif akka ka'e naaf hin galle. Nuti akkuma namoota kaaniitti, wanta gochuu barbaannu ni raawwana, karaa guutummaan seerawaa ta'een'' jechuunis ibse.

''Hojiin keenya nama bashannansiisuudha. Maaliif kana hin hojjennuree? Sababa haala qaamaa keenyaan moo?

''Hanga maaliitti hojjechuu akka qabnu beekna. Sana bira hin dabarru.''

Sagantaan namoonni gaggabaaboo dhiyeessan kun sa'aa tokkoof kan ture akka ta'eefi achii boodas paarticharratti gammaduu ibseera.

''Ni shubbisne, dhugaatii namaaf hirre, maajikii hojjenne... agarsiisa hedduu mul'ifne. Namni hunduu itti tolee yeroosaa dabarse.''

Dubbii himaan kilaba Baarseloonaa kilabichi ammatti dhimma kana ilaalchisee yaada akka hin kennine BBCtti himeera.