Laamiin Yamaal: Taphataa collee biyyoonni sadii garee biyyaalessaaf irratti wal-qabaa jiran

Madda suuraa, Getty Images
Laamin Yamaal taphataa gahuumsi inni Waancaa Awurooppaa irratti agarsiisaa jiru Iquwaatooriyaal Giinii keessatti kubbaan miilaa akka dammaqu taasisuu ibse federeeshiniin kubbaa miilaa biyyattii.
Taphatan ganna 16 tahe kun areedayyuu hin baasne. Umurii kanatti gahuumsi inni Waancaa Awurooppaa Jarmanitti gaggeeffamerratti agarsiise heddu ajab nama jechiisise.
Laamin kan dhalate Ispeen, magaala Barseeloonaa keessatti. Haatisaa lammii Iquwatooriyaal Giinii yoo taatu, abbaansaa lammii Morookot.
Barselonaatti dhalatee achumatti akkadamii kubbaa miilaa kilaba Baarseloonaa kan ta'e La Maasiyaa keessatti kubbaa jalqabe.
Laamin Yamaal yeroo ammaa garee biyyaalessaa Ispeenif taphataa jira- biyya itti dhalateef. Biyyi haadhasaafi abbaasaa Iquwatooriyaal Giinifi Morookonis isa abbalaa jiru.
"Laamin Iquwaatooriyaal Giinidhaaf taphataa yoo hin jirre illee, yaada keenyan baay'ee ofitti isa dhiyeessuu barbaanna, kubbaa miilaa Iquwaatoriyaanifi sichi waan guddaa godha jennee abdanna," jechuun BBC Sportitti dubbatan pirezidaantin federeeshinii kubbaa miilaa biyyattii kan ta'an Venaansiyoo Tiimas Nidoong Miichaa.
Dabaluunis, "Gahuumsa kilaba Barseloonaa keessatti agarsiisen alatti gahuumsa addaa inni EURO keessatti agarsiisaa jirutti baay'ee gammadaa jirra.
Inni hidda keenya qaba, kuni kan agarsiisu nuti biyya kubbaa miilatti cimtuu taate ta'uu keenya," jedhan qondaalli Iquwaatoriyaal Giinii kun.
Laamin Yamaal Dilbata dhufu, Adoolessa 14, Ispeenif hiriirun waancaa Awurooppaf Ingilaand falmata. Laamin waggaa 17ffaasaa gaafa Sambataa, Adoolessa 13, kabjaata. Waggaa 17 guutee guyyaa tokko booda Waancaa Awurooppaf Ingilaand waliin walii bahuuf jira.
Kanaan dura umurii kanatti taphataan Waancaa Awurooppas ta'ee kan addunyaarratti taphate hin jiru.
Peelen waggaa 17tti bara 1958tti xumura Waancaa Addunyaaf taphatee ture. Gaafa sana inni dargaggoo ganna 17fi guyyaa 249 ture.
Laaamin Yamaal ammoo Dilbata dhufu xumura Waancaa Awurooppaf yoo taphatu ganna 17fi guyyaa tokko ta'a jechuudha. Kanaaf taphataa umurii xiqqaatti xumura Waancaa Awurooppaa gahe ta'uusaati.
Akkasumas taphataa umurii xiqqaa Waancaa Awuroopparratti galchii lakkoofsise jedhamuunis galmaa'ee jira.
Seenaa Laaligaa keessattis taphataa umurii xiqqaatti galchii lakkoofsise jedhamee jira.
'Laamin Yamaal hiddasaa Afrikaa hin dagatu'
Haati Laamin Yamaal Iquwaatooriyaal Giinii magaala Malaaboo keessatti dhalattee guddatte. Boodarra gara Ispeenitti imaluun keessummeessituu taatee qacaramuun hojjataa turte.
Ispeen osoo jiraattuu nama lammii Morookoo wajjin mana dhaabbachuun ilma godhatte- Laamin Yamaal. Boodarra abbaa Yamaal wajjin gargar bahan.
Haati Yamaalifi akkawoonsaa yeroo ammaa Barseloonaa keessa jiraatanis, maatin haadhasaa hunduu Iquwaatooriyaal Giinii keessa jiraatu.
Iquwaatooriyaal Giinin Waancaa Kuubbaa Miilaa Afrikaarra lamaan darban irratti Nuusa Xumuraa keessa galtee turte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Iquwaatooriyaal Giinin taphataa kana bara 2021 gara biyyaa fiduuf yaalin goote hin miokoofne.
"Bara 2021 maatii qunnamnee turre, garuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ispeen baay'ee fagaate.
"Nuti yaallerra, akka carraa ta'ee maatii waliin wal beekna- keessumaa akkayoo [isaa] wakiin. Maatin hundi waa'ee mucichaa dubbatu.
"Sana booda Morookonis adamsuu eegalan- garuu Ispeen nu mo'atte," jedhu pirezidaantin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Iqewaatooriyaal Giinii.
Morookonis garee Laamiin Yamaal akka garee biyyaalessaaf taphatuuf bara darbe yaalin isheen goote hin milkoofne.
Pirezidaanti Federeeshinii Kubbaa Miilaa Morookoo Fa'uwzii Leekjaa akka ibsanii turanitti bara darbe Laamiin garee biyyaalessaa Morookof akka taphatu yaalamus Ispeenif taphachuuf fedhii guddaa akka qabu ibsuu kaasan.
Ta'us garuu biyyi hidda dhaloota warrasaa Afrikaa lamaanuu: Iquwaatooriyaal Giiniifi Morookon qalbiisaa keessaa hin baane. Idduma citee dhiiga akka jedhamu, kophee ittiin taphaturratti alaabaa Iquwaatooriyaal Giiniifi Morookoo hojjachiisee taphata.
"Kuni kan agarsiisu, Ispeenif taphatullee hiddasaa Iquwaatooriyaal Giinii akka dagataa hin jirreedha," jedhu Venaansiyoo Tiimas Nidoong Miichaa.

Madda suuraa, AFP
Qondaalli Iquwaatooriyaal Giinii kun guyyaa tokko biyyisaanii taphattoota collee akka Laamiin Yamaal heddu akka omishtu kaasu.
Taphattoonni hidda dhaloota Iquwaatooriyaanii qabanii gahuumsan barana mata duree addunyaa ta'an Laamiin Yamaal qofa miti. Emilio Nsue Waancaa Afrikaarratti Equwaatooriyaal Giiniif taphatee galchii olaanaa galchuun badhaafameera.
Fifan garuu ji'a darbe taphataan kun Iquwaatooriyaal Giinidhaaf taphachuuf hin hayyamamne jedhee ibse.
Haa ta'u garuu galchiiwwan isaa Iquwaatooriyaal Giinin Waancaa Afrikaarratti garee mo'anii darbuu biyyoota 16 keessa akka galtu taasisee ture.
Pirezidaantin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Iquwaatooriyaal Giinii biyyisaanii Waancaa Addunyaarratti kan hirmaattu yoo ta'e, Laamiin Yamaal Ispeen bakka bu'ee biyya haadhasaa wajjin guyyaa tokko walitti bahuun akka hin oolle kaasu.

Madda suuraa, AFP












