Yoomif Qajeelchaa maaliif Olompikii Paaris irratti 5000m'n akka hin dorgomne 'dhorkame'?

Atileet Yoomiif Qajeelchaa Olompikii Paaris irratti meetira 5,000 akka hin dorgomne dhorkamuu hime

Madda suuraa, Getty images

Atileetiin Itoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa ''sababa hin beekamneen'' Koree Olompikii Itoophiyaadhaan dorgommii Olompikii Paaris 2024 fageenya meetira 5,000 keessaa haqamuu BBCtti hime.

Fiigicha meetira kuma 3, kuma 5 fi 10,000 Itoophiyaa bakka bu’uun akkasumas dhuunfaan dorgomuun kan beekamu atileet Yoomiif Qajeelchaa dorgommii Olompikii Paaris keessaa Koree Olompikii Itoophiyaan haqamuu BBCtti hime.

''Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa dandeettii kiyyatti amanee meetira kuma shaniin na filatee jira. Akka adunyaattillee saffisaan lammaffaarran jira. Atileetii Keeniyaatu na caalee tokoffaarra jira. Akka Itoophiyaatti saffisa fageenya kanaan tokkoffaan anadha,'' jedhe Yoomiif Qajeelchaa.

Haa tahu malee, Koreen Olompikii Itoophiyaa maqaa kiyya haquun atileetii sadarkaa 11ffaa irra jiru galchan.

''Erga tarreeffamni maqaa ergameen dhagahe. Waan nama dhukkubsu hojjetan. Dandeettii kiyya beeku. Sa’aatii koos beeku. Maaliif akka akkas godhan hin beeku. Bilbila kiyyallee hin kaasan,'' jechuun komii isaa BBCtti hime.

Yoomiif Qajeelchaa Olompikii Paaris 2024 irratti Itoophiyaa bakka bu’uun fageenya 10,000 kan dorgomu taha.

''Shaakalaa deebi’een gara sa’a 10:00 irratti dhagahe. Mana cufatanii murtee kana dabarsan jechuun danda’ama. Halkan murteessuu isaaniin dhagahe,'' jedhe.

Atileet Yoomiif Qajeelchaa dorgommii hedduu irratti yoon hirmaadhu dhiibbaa jala taa’eeni jedhe.

''Uummanni naaf hin beeku. Yoomiif maaliif fiigicha biyyaa hin fiigu jedhu. Akkan tasgabbaa’ee fiigu naaf eeyyamamee hin beeku.''

Atileet Yoomiif ''akka gareetti injifachuuf yeroo shaakala hojjennu namoota waliin hojjennu jijjiiruun dhiibbaa nurraan gahaa turan,'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Dabalataan bara 2021 Yoomiif dhukkubsateera jedhanii na jeeqaa turan,'' kan jedhu Atileet Yoomiif, ''bara 2019 manaajera kilebakoo Mahaammad Heebboo itti gaafatamummaa fudhachuun na galche,'' jedhe.

Atileet Yoomiif dhiibbaan isarra gahu kanaaf sababni maal akka tahe hanga ammaa akka hin barre hime.

Komii isaa ammaa irratti Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa irraa Daraartuu Tulluu gaafachuu kan hime Yoomiif ''ani si fileera. Amma kan murteesse koree Olompikiiti jettee naaf deebiste,'' jedhe.

Komii wal fakkaataa kan qabu atileet Yoomiif qofa osoo hin taane dubartootaanis atileet Fireewayinii komii wal fakkaataa akka qabdu BBCtti himteetti.

Itoophiyaan meetira 800 hanga Maraatooniitti dorgomti. Atileetota filachuun qormaata guddaa ture jedhan.

Olompikiin paaris ganna kana ALI Adoolessa 26 hanga Hagayya 11, 2016'tti gaggeeffama.

Atileetonni Itoophiyaa olompikii kanarratti hirmaatan ifa ta’aniiru.

Kana keessatti dhimmi atileet Firewayinii Hayilee ijoo dubbii ta’ee jira.

Ergaa viidiyoodhan miidiyaa hawaasaa irratti beeksifteen filannoo atileetota Olompikii Paaris irratti hirmaatanii ilaalchisee komii qabdu ibsateetti.

“Meetira 1,500fi meetira 5,000 irratti xiyyeeffadheen hojjataa ture. Bara kana gahuumsin 1,500 irratti agarsiise gaaridha, sababni isaa fiigicha mana keessaa irratti warqee injifadheera,'' jette.

''Sa’aatii gaaris galmesseera'' jechuun atileetonni isheedhaa gadi galmeessan olompikiidhaf filamuu BBCtti himte.

Dorgommii 5,000m irratti eeggattuu kan taate atileet Firewayiniin, “Keessumaa meetira 1500 irratti kanneen si’a shanii ol na waliin dorgomanii ani injifadhe keessaa olompikiif filamteetti,'' jette.

Federeeshiniin Atileetiksii fi Koreen Olompikii maal jedhu?

Oloompikiis ta’ee dorgomiiwwan sadarkaa biyyaafi idil-addunyaatti gaggeeffaman irratti atileetota hirmaatan filachuuf itti gaafatamummaa kan qabu Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaati.

Pirezidaantii Ittaanaa Federeeshinichaa kan ta’an Obbo Gazzaahany Abarraa atileetonni barana filataman itti gaafatamummaadhuma federeeshinichaaf kenameen akka ta’e BBC'tti himan.

Haa ta’u garuu, murteen darbe “sababa nuti hin beeknen jijjiirameera” jedhan.

“Olompikii Paarisiif atileetota filachuuf hanga yeroo dhiyootti gahuumsa isaanii hordofaa turre.''

''Bifuma kanaan Jimaata darbe maqaa namoota filamanii qopheessineerra. Sadarkaa hoji raawwachiistuu federeeshinichaatiinis irratti mariyanneerra,” jechuun waliigalteerra gahanii akka turan kaasu.

Koreen Olompikii Itoophiyaa hojii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa keessa galeera kan jedhan Obbo Gazzaahany, kuni ammoo akkaataan atileetonni itti filataman iftoomina akka hin qabaanneefi ogummaan kan deeggaramne akka hin taane akka taasise komatu.

Pirezidaantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Dr Ashabbir Woldegoorgis ''atileetonni keenya shaakala irra turan muraasni akka gaddan beekamaadha. Qabxii walitti dhiyoo kan qaban keessaa hafan akka gaddan ni beekna. Filannoon atileetotaa kun qormaata guddaadha. Kanaaf dhiifama gaafanna,'' jedhan.

Dr Ashabbir qaamni mootummaa filannoo atileetotaa keessa gales hin jiru jedhan.

''Atileetonni keenya inni tokko yoo galu kaan gammaduu qabu. Manichi hunda keenyaaf gahaadha. Haala ani barbaadu yoo naaf hin guunne Olompikii miila tokkoonan dhaaba jechuun barbaachisaa miti,'' jedhan Dr Ashabbir.

Bara kana Paaris irratti qabxii fooyya’aa kan Tookiyoo caalu galmeessuuf akka karoorfatanis himaniiru.