Bara 2020 Xaaliyaaniin mo'amee waancaa kan dhabe Ingilaand barana akkamiin Ispeen mo'ata?

Bakaayoo Saakaa fi Yamiil Yamaal

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bakaayoo Saakaa fi Yamiil Yamaal

Gareen Ingilaand tapha xumuraa Waancaa Awurooppaa bara 2024- Euro 2024 Dilbata dhufu taphatamurratti Ispeen mo'atee waancaa fudhachuuf ''waan hundaan guutuu ta'ee argamuu qaba,'' jedha leenjisaa Gaareez Saawuzgeet.

Leenjisaan kun dorgommiiwwan Waancaa Awurooppaa yookiin kan addunyaa afur irratti garee Ingilaand qabatee hirmaateera, kana keessaa sadi xumuraaf ga'eera.

Ingilaand bara kana waancaa Euro 2024 nyaachuun akkaan isaan barbaachisa, kanaafis kutatanii ka'aniiru.

Gaareez Saawuzgeet Ingilaand waliin yeroo sadi xumuraaf ga'eera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gaareez Saawuzgeet Ingilaand waliin yeroo sadi xumuraaf ga'eera

Haata'u malee gareen waancaatti dhihoo jiru Ingilaand caalaa garee Ispeen akka ta'e Saawuzgeet amaneera.

''Raawii isaan hanga yoonaatti agarsiisan irraa ka'uun garee waancaatti dhihoo jiru jechuu dandeenya. Garee hunda caalaa taphaan olaantummaa qabaniidha,'' jedhe.

Dorgommii waancaaf guyyaa tokko guutuutu hafa. ''Yeroo sadi, sanaa olis ta'uu mala, xumuraaf geenye. Kun akkaan murteessaadha. Yeroo itti waan hawwaa turre argannu ta'uu qaba,'' jedhe Saawuzgeet.

''Gama mala-maltee (tactical) kubbaa miillaan baayyee qophaa'uu nu gaafata. Isaan gama kanaan baayyee cimoodha. Garuu nutis kunoo as geenyeerra.''

Ingilaand 'hoji manee hin xumurre' qaba

Taphataan sarara giddu Arsenaal Deklaan Raayis bara 2020 xumura irrati Xaaliyaaniidhaan injifatamuu wayita yaadannu, taphata Dilbata dhufu Ispeen wayita taphannu irratti akka onnannu nu taasisa jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tapha xumuraa waancaa Awurooppaa 2020 Landan, Dirree Weembiliitti taphatamerratti Xaaliyaaniin rukuttaa adabbiitiin 3 fi 2n Ingilaand injifattee waancaa fudhatte.

Taphichi hanga daqiiqaa 90, darbees daqiiqaan 30 dabalamee hanga daqiiqaa 120 goolii tokko walqixa ture. Dhumurratti rukuttaa adabbiin Xaaliyaaniin mo'atte.

''Wayita Xaaliyaaniin waancaa sana kaaste miirri na keessatti uumame ammallee na adamsa, na biraa hafee hin beeku,'' jedhe Raayis.

''Amma carraa biraan nuu mudateera. Carraa kanaan seenaan keenya haaressuu dandeenya. Garuu ammoo garee akkaan cimaa fi kabaja guddaa qabnuuftu nu dura dhababata.''

''Amma akka milkoofnu nan amana. Ofii keenyaaf [gareef] qofa osoo hin taane leenjisaa keenyaaf jennee. Waancaan isaaf ni mala,'' jedhe Deklaan Raayis.

Taphataan Chelsii Kool Palmar gareensaa ''hoji manee kana milkaa'inaan xumuruun'' Barliin irratti waancaa injifachuun seenaasaa haaressuu danda'a jedhe.

Tapha walakkaa xumuraa Ingilaand 2 fi 1n Nezarlaandis mo'achuun xumuraaf darbe irratti jijjiiramee kan gale Palmar, kubbaa Ole Watkins galche kan dabarseef isa ture.

''Akka yaada kootti hanga deemnee xumuraaf erga geenyee hoji manee keenyas xumuruu irraa wanti of duuba nu deebisu hin jiru. Xumuraaf ga'uunuu waan guddaadha. Carraa kana kan argate hunda miti. Ammoo namuu xumura irratti mo'achuu fedha,'' jedhe Palmar.

Gareen Saawuzgeet salphaatti as hin geenye. Dorgommii waancaa Awurooppaa bara kanaa ga'umsa gaariin miti kan eegalan. Akkaataa hin eegamneen xumuraaf ga'an.

''Taphoota jalqabaa muraasa akka gaariitti hin taphanne. Hanga dandeenyus hin taphanne. Kana hunduu ni beeka,'' jedhe Palmar.

Dorgommii taphattoota umrii 21 gadiin garee Ingilaand waliin Waancaa Chaamppiyoonshippii Awurooppaa bara 2023 kan mo'ate Palmar waancaa alanarraa kanarraa abdii guddaa qaba.

Umurii 21 gadiin wayita waancaa nyaatanis Ispeen waliin taphataniiti.

''Tapha guddaadha. Bara darbe umrii 21 gadiin xumura irratti waliin taphanneerra. Taphi sunillee tapha guddaa ture. Kunillee akkasuma ta'uu danda'a,'' jedhe Palmar.