Taphattoota hiddi dhalootasaanii Afrikaa biyyoota Awurooppaaf taphatan ciccimoo ta’aniin walbaraa

Waancaa Awurooppaa 2022 irratti garee biyyaalessaa UK fi Xaaliyaan

Madda suuraa, JOHN SIBLEY/POOL/AFP KUPITIA GETTY IMAGES

Garee kubbaa miilaa biyyoota Awurooppaa 24 dorgommii waaancaa (EURO 2024) irratti hirmaachuuf qopha’aa jiran keessaa taphattoota ciccimoo hiddi dhalootasaanii Afrikaa ta’e dorgommii Waxabajji 14-Adoolessa 14tti gaggeeffamurratti arguuf jirtu.

Leenjisaan garee biyyaalessaa Ingilaand, Gaarez Saawozgeet taphattoota 33 Kibxata fo’ate keessa taphattoonni ja’a hiddi dhalootasaanii Afirikaarraati.

Gareen biyyaalessaa Faraansaay tapha Waancaa Addunyaaf taphatan ammoo addatti hunda isaanii jechuu sadarkaa danda'amuun taphattoota hiddi dhiigasaanii Afrikaarraa ta'edha.

Komeediyaaniin beekamaa US kan hiddi dhalootasaa Afrikaa Kibbaarraa ta'e Tireevor Nooh bara 2018 yeroo Faransaay waancaa addunyaa mo'attetti qoosaa tokko dubbatee ture.

Taphattoonni garee biyyaalessaa Faransaay waancaa addunyaa sana mo'atan parsantaa 80 hiddi dhalootasaanii afrikaarraa waan tureef, "Afrikaan Waancaa Addunyaa mo'atte!" jedhe Tireevar Nooh.

Biyyoonni Awurooppaa kaanis akkuma kana taphattoota hiddi isaanii biyyoota Afrikaa keessaa ta’an ni qabu.

Taphataa kam, hiddi isaa biyya Afrikaa kamirraa dhufee biyya Awurooppaa kamiif akka taphatu akka itti aanutti qopheessineerra.

Naataan Akee (Ayivorii Kost – Neezerlaandis)

Naataan Akee

Madda suuraa, Getty Images

Naataan Akeen Guraandhala 18, 1995 abbaa isaa Ayivorii Kostirraa ta’eefi haadhasaa Neezerlaandisirraa taate dhalachuun garee Neezerlaandis (Dachiif) taphata.

Sarara ittisaa gara gidduurra kan taphatu Akeen, hanga ammaatti garee Neezerlaandis waliin taphoota 13 taphateera. Taphataan kun kilaba Maanchester Siitiif taphachaa jira.

Waldaan Kubbaa Miilaa Ayivorii Kostiifi leenjisaan duraanii garee warra Arbaa [The Elephants] Maark Wilmoots bara 2017 akka inni Ayivorii Kostiif taphatuuf amansiisuuf yaalee ture. Yeroo sanatti kilaba Bornimaziif taphataa kan ture Akeen garuu ni dide.

Maanu’eel Akanjii (Naajeeriyaa – Siwiidin)

Maanu’eel Akanjii

Madda suuraa, Getty Images

Waxabajji 19, 1995 abbaasaa Naajeeriyaarraa ta’erraa Siwiidin keessatti dhalatee yeroo jalqabaa Waxabajji 19, 2017 Siwiidiniif taphate.

Bara 2022 Boruusiyaa Dortimandirraa gara Maanchester Siitii kan dhufe Akanjiin baruma dhufetti Siitii waliin Piriimer Liigii Ingiliiz, FA Cup fi Shaampiyoonsii mo’ateera.

Bukaayoo Saakaa (Naayijeeriyaa – Ingilaand)

Bukaayoo Saakaa

Madda suuraa, Getty Images

Bukaayoo Saakaa maatii isaa Naajeeriyaarraa ta'anirraa qarqara magaalaa Landanitti dhalate. Kanaan dura Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Naajeeriyaa Suppar Eegilsititti (garee biyyaalessaa Naajeeriyaatti) akka makamuuf gaafatee ture.

Haata'u malee, biyya itti dhalatee guddate Ingilaandiif taphachuu filachuun Onkoloolessa bara 2020 irraa kaasee taphataa garee Ingilaand ta'eera.

Taphataan kilaba Arsenaal sarara cinaa , Bukaayoo Saakaa, "maatiinkoo guutummaan Ingilaand keessa jiraatu waan ta'eef anaaf bakkan ijoollumaakoorraa kaasee hin beekne [Naajeeriyaa] keessa taphachuu filachuun na rakkisa," jedhe.

Saakaan garee biyyaalessaa Ingilaandiif ramaddii umurii waggaa 16, 17, 18, 19 fi 21 gadii hunda keessa taphateera.

Taphataan kun Badhaasa Taphataa cimaa baraa Ingilaand bara 2022 fi 2023 mo'ateera.

Romeluu Lukaakuu (DRC – Beeljiyeem)

Roomeluu Lukaakuu

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Romeluu Lukaakuu Caamsaa 13 bara 1993 magaalaa Odola Beeljiyeem taate Antiwerp keessatti maatiisaa siriin isaanii Koongoorraa ta'anirraa dhalate.

Yeroo umuriin isaa waggaa 16 ture tapha jalqabaasaa kilaba Beeljiyeem Anderleech jedhamuuf taphachuun biyyattii keessatti taphataa umurii xiqqaadhaan Shaampiyoons Liigii keessa taphate jalqabaa ta'eera.

Jifataan idil-addunyaa kun bara 2009-2010 ammoo liigii Beeljiyeem keessatti taphataa hunda caalaa goolii lakkoofsise ture.

Bara 2011 ammoo gara Piriimer Liigii Ingiliz deemuun Chelsiif mallatteesse. Booda garuu ergisaan West Biroom deemuun taphoota 35 taphatee goolii 17 lakkoofsiseera.

Ingilaanduma keessa turuun Lukaakuun kilaboota akka Everten fi Maanchester Yunaayitidiifis taphateera.

Bara 2021 garuu Ingilaand gadhiisee gara Seeri'aa Xaaliyaan deemuun Inter Miilaaniif taphate.

Amma ammoo Roomaaf taphachaa kan jiru yoo ta'u, garee biyyaalessaa Beeljiyeem keessattis taphattoota goolii baayyee lakkoofsisan keessatti argama.

Kiliyaan Imbaappee (Kaameruun – Faransaay)

Kiliyaan Imbaappee

Madda suuraa, Getty Images

Kiliyaan Imbaappeen abbaa isaa hiddi dhalootasaa Kaameruun ta'eefi haadha isaa hiddi dhalootashee Aljeeriyaa taaterraa dhalate.

Shakkii tokko malee taphataan kun yeroo ammaa Awurooppaa keessatti taphataa jira jedhamudha.

Kilyaan Imbaappeen EURO 2024 osoo hin jalqabiin guyyoota muraasa dursee dhiyeenya kana Riyaal Maadiriidiif mallatteesseera.

Abbaasaa Kaameruuniirraa ta'eefi haadhasaa Aljeeriyaarraa taaterra dhalatus bara 2017 yeroo umuriin isaa waggaa 18 jiru maaleyaa garee biyyaalessaa Faransaay uffachuu filateera.

Umuriisaa waggaa 25 irratti ammoo kilaba Faransaay guddicha, PSG keessatti milkaa'ina addaarra qaqqabeera.

Kiliyaan Imbaappeen baranas garee biyyaalessaa Faransaay waliin EURO 2024 keessatti ni eegama.

Lerooy Saanee (Senegaal - Jarmanii)

Leeroy Saanee

Madda suuraa, Getty Images

Taphataa sarara cinaa Baayer Muniik maqaan isaa tarree Federeeshinii Kubbaa Miilaa Senegaal keessa ture. Kunammoo faana abbaasaa bu'ee Senegaaliif taphata jedhamee ture.

Maqaan isaa jalqabaayyu yaadannoo leenjisaa duraanii Senegaal Claude Le Roy akka ta'utti kan kennameef ture.

Taphataan kun amma umuriin isaa waggaa 28 yoo ta'u, amma Jarmaniif taphachuuf qophii ta'uu beeksiseera.

Nigoolaa Kaantee(Maalii - Faransaay)

Nigooloo Kaantee

Madda suuraa, Getty Images

Nigooloo Kaantee dandeettii kubbaa oolchuu, obsa qabaachuu, gara laafummaafi taphataa hin dadhabne ta'uutiin beekama.

Biyyi maatii isaa Maalii yoo ta'an, Bitootessa 17 bara 2016 garee biyyaalessaa Faransaay keessa akka taphatuuf waamichi taasifameef.

Kaanteen osii kilaboota Ingilaand warra akka Leester Siitiifi Cheslii keessatti hin beekamiin dura Stade Malherbe keessatti taphachuu jalqabe.

Taphataan lammii Faransaa ta'e kun Waxabajji bara 2023 Chelsii gadhiisee gara Sa'ud Arabiyaa deemee kilaba Al-Ittihadkeessa taphata.

Amma ammoo umuriisaa waggaa 33 osoo jiruu EURO 2024 irratti akka garee biyyaalessaa Faransaay keessaa tokko ta'uuf waamameera.

Deniis Zakkaariyaa (Sudaan Kibbaa/Koongoo - Siwiidin)

Deniis Zakkaariyaa

Madda suuraa, Getty Images

Deenis Zakkaariyaa waggaa 26 dura Jenevaatti haadhasaa Sudaan Kibbaa taateefi abbaasaa Koongoorraa ta'erraa dhalate.

Biyyoota Afrikaa lamaan haatiifi abbaan isaa irraa dhufan keessaa tokkoof taphachuu ni danda'a ture garuu biyya itti dhalate Siwiidiniif taphachuu filate.

Bara 2014 yeroo umuriin isaa waggaa 17 jiru Kilaba FC Lausanne-Sport jedhuuf hiriiree taphate. Gahumsa gaarii qabuun bara itti aanu, bara 2015 gara kilaba Bern deeme.

Bara 2017 ammoo umuriin isaa waggaa 21 yeroo guutu gara Jarmanii deemuun Bondosliigaa keessaa kilaba Boruusiyaa Monchengilaandbaakitti makame.

Turtii waggaa shanii Seeri A Xaaliyaanitti Juuveentusitti makamuun tapha Shaampiyoons Liigii keessatti hirmaachuu danda'eera.

Bara 2022-2023 ammoo Chelsiif ergisaan mallatteessee erga taphoota 11 taphatee booda Hagayya 2023 As Monaakootiif mallatteesseera.

Taphoota idil-addunyaa gurguddoo afur darban irratti biyyasaatiif (Siwiidin) taphateera.

Deenis Zakkaariyaa hidda sanyiisaa kan ta'e Afrikaatti hidhata gaarii qaba.

Yeroo baayyees gara biyya abbaasaa Koongoofi biyya haadhasaa SUdaan Kibbaas deemuun ganda baadiyyaa maatiin isaa itti dhalatan daawwachuu jaallata.

Afaan abbaafi haadha isaas sirriitti dubbata.

Antooniyoo Ruudiiger (Seraa Liyoon - Jarmanii)

Antooniyoo Roogirar

Madda suuraa, Getty Images

Antooniyoo Ruudiiger addunyaarratti taphataa sarara ittisaarratti hunda caalaa filataman keessaa tokkodha.

Bara 1993 haadha isaa dhalattuu Seraa Liyoon waraansa Maalii keessa ture baqattee dhufteefi abbaasaa lammii Jarmanii ta'erraa dhalate.

Ruudiiger yeroo umuriin isaa waggaa 18 guute bara 2012 kilaba Bondosliigaa, Istuutgaartitti makame.

Turtii yeroo dheeraa Bondosliigaa booda, bara 2015 Roomaatiif mallatteessee hanga bara 2017tti Seeriii A Xaaliyaa keessa ture.

Osoo bara 2022 gara La Ligaa Ispeen dhufee Riyaal Maadiriid keessatti gurra horatutti Piriimer Liigii keessatti Chelsiifis taphateera.

Ruudiger garee biyyaalessaa Jarmaniif bara 2014 kaasee taphataa baayyee murteessaa ta'edha. Hanga ammaattis taphoota 68 Jarmaniif taphateera.

Juules Koondee (Beeniin – Faransaay)

Juules Koondee

Madda suuraa, Getty Images

Juules Koondee haadhasaa Faransaay taateefi abbaasaa Beeniin ta'erraa dhalate. Koondeen kilababoota Ispeen bara 2019 Seviilaa keessa, bara 2022 kaasee ammoo Baarseloonaa keessatti sarara ittisaarratti taphataa beekamaadha.

Ammallee Beeniin keessaa maatii kan qabu Koondeen yeroo umuriin isaa waggaa 25 irra jiru garee biyyaalessaa Faransaay keessa akka taphatuuf waamichi taasifameef.

Biriis Saambaa (Koongoo-Faransaay)

Biriis Saambaa

Madda suuraa, Getty Images

Biriis Saambaa, kilaba RC Lensiitiif karra eega. Bitootessa 2023 ammoo garee biyyaalessaa Faransaayiif akka karra eeguuf waamichi taasifameef.

Saambaan Ebla 25 bara 1994 maatiisaa Koongoorraa ta'eerraa dhalate.