Sagantaa Waancaa Awurooppaa, istaadiyeemii itti taphatamuufi biyyoota waancaa kanaaf eegaman

Deeggartoonni magaalaa Muniik keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Shaampiyoonaa Awurooppaa bara 2024 Jarman qopheessituu fi si’aayinaan eegamu torban dhufu jalqaba.

Dorgommiin kun torban dhufu, Jimaata, ALI Waxabajjii 7, 2016 eegala.

Tapha jalqabaa Iskootilaandiin biyya keessummeessituu dorgommichaa kan taate Jarmanii waliin Aliyaanz Arena Baayermuunik keessatti ni taphatu.

Gareen bakkeewwan jahatti qoodaman kunneen guyyaa guyyaan taphoota lamaa hanga afuriitti taphatu.

Loogoo EURO 2024 Jarmaniin qopheessite

Madda suuraa, Getty Images

Eenyutu waancaa fudhata?

Dorgommii kanaan dirree kubbaa miilaa Awurooppaarratti biyyoonni maqaan isaanii leellifamu kanneen akka Jarman, Ispeen, Xaaliyaanii, Ingilizii, Funsaayi, Nezerlaand, Beeljiyeem, Poorchugaal Waancaa fudhachuu maluu jedhamanii biyyoota tilmaaman keessatti eeramu.

Biyyoota tarreefaman kana keessaa sadan jalqabarratti eeramna dorgommii kana injifachuuf malu jedhamanii tilmaama jalqabaa argatan keessummeessitu dorgommichaa Jarman, Ingilizii fi Faransaayidha.

Waancaa Awurooppaa bara kanaarratti kanneen waancaa fudhachuuf timaamni xiqqaan kennameef Joorjiyaa, Albaaniyaa, Islooveeniyaa fi Isloovaakiyaadha.

Ramaddii dorgommii

Garee A: Jarman, Iskootilaand, Haangaarii, Siwiizarlaand

Garee B: Ispeen, Kirooshiyaa, Xaaliyaanii, Albaaniyaa

Garee C: Islooveeniya, Deenmaark, Sarbiyaa, Ingilizii

Garee D: Poolaandi, Nezerlaand, Oostiriyaa, Faransaay

Garee E: Beeljiyeem, Isloovaakiyaa, Rumaaniyaa, Yukireen

Garee F: Turkii, Joorjiyaa, Poorchugaal, Rippabiliika Cheek

Biyyoonn akka Faransaay, Ingilaandi, Poorchugaal, Beeljiyeem, Rumaaniyaa fi Haangaariin taphoota calallii osoo hin mo'amin xumuraaf gahan.

Poorchugaal biyya tokkittii taphoota xumuraa hunda injifatte. Gareen Kiristiyaanoo Ronaaldoo taphoota calallirratti goolii 36 galchuun goolii 2 qofa keessummeessan.

Ispeen, Iskootilaandii, Turkii fi Oostiriyaan tapha tokko qofa tapha calalliirratti mo'aman.

SAGANTAA TAPHA EURO 2024

Magaalota taphoota dorgommichaa keessummeessan

Magaalonni Jarmanii kudhan gareewwanii fi deeggartootasaanii keessummeessuuf qopha'anii eegaa jiru.

Tapha baniinsaa Alliyaanz Arenaatti taphatama, taphni xumuraa ammoo Istaadiyeemii Olompiyaa Barliin keessatti taphatama.

Tarreen magaalotaa fi istaadiyeemii dandeettii daawwattoota keessummeessan iwaliin akka armaan gadiitti dhiyaatera:

Barliin: Istaadiyeemii Olympiyaa (daawwattoota 70,000)

• Kolonyi: Istaadiyeemii Kolonyi ( daawwattoota 47,000) .

• Dortimand: Istaadiyeemii BVB Dortimand (daawwattoota 66,000) .

• Dusseldorf: Dirree Dusseldorf (daawwattoota 47,000) .

• Firaankifart: Dirree Firaankifart (daawwattoota 48,000) .

• Geelsenkirichen: Arenaa Ufishelek (daawwattoota 50,000) .

Hambarg: Volksparkistadiyon Hambarg (daawwattoota 50,000)

• Laayipzig: Istaadiyeemii Laayipzig (daawwattoota 42,000) .

• Muunik: Dirree kubbaa miilaa Muunik ( daawwattoota 67,000) .

• Stutgart: Dirree Stuutgart: (daawwattoota 54,000) .

Taphattoota collee dorgommicharratti hin argamne

Dorgommiin kun waltajjii taphattoonni kubbaa miilaacollee biyyoota Awurooppaa itti mul'atan ta'ullee taphattoonni bebbeekamoo lama Yuuroo 2024 irratti hin hirmaatan.

Taphataan sarara fuulduraa Maanchistar Siitii Erling Haalaandii fi taphataa sarara gidduu Arsenaal Maartiin Odegaard tapha Waancaa Awurooppaa Jarmanirratti biyyi isaanii Noorweey tapha calallii darbuu waan dadhabdeef hin hirmaatan.

Bara 1996 irraa eegalee dorgommiicharratti hirmaataa kan turte Siwiidin, dorgommii qorumsa kanas darbuu waan hin dandeenyeef bara kana Aleeksaandar Ayizaak waliin tapha kanarratti hin hirmaattu.