Kilaba xiqqaarraa hanga filatamaa Ingilaanditti- bu'aa bayii Olee Watkins keessa darbee har'a ga'e

Olee Watkins

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Olee Watkins Ingilaandiif taphachuuf tapha michummaa Wiixata dheengaddaan qaama ho'ifachuu eegaleera

Oliiver Joorji Artar Watkins- Olee Watkins goota Aston Viilaatti kabaja hore jedhamuun faarfama. Garee Ingilaand dorgommii waancaa Awurooppaaf calalaman keessa seenee biyyasaaf taphachuuf qophii eegaleera.

Tapha michummaa Wiixata (Waxabajjii 3,2024) Ingilaand 3 fi 0 dhaan Bosniyaa-Herzegovinaa mo'aterratti hirmaateera, achumaan qaama ho'ifachuu eegale.

Olee Watkins kilaba sadarkaa gadii Exeter irraa ka'ee amma kilaba piriimer liigii Ingilizii Aston Viilaa keessatti beekamaa ta'eera.

Taphataan umrii waggaa 28 kun taphattoota Gaareez Saawuzgeet filatu 26 keessa yoo gale, dorgommiin kun isaaf waltajjii idiladdunyaa yeroo jalqabaaf irratti mul'atu ta'aaf.

Taphataan sarara fuulduraa dandeettii ajaayibaan qalbii addunyaa hawwataa jiru kun dirree kubbaa miilaa Hartlepool, Viktooriyaa Paark irratti taphasaa jalqabaa gaggeessuuf carraa yoo argate daranuu beekamuu danda'a.

Wal'aansoo kilabasaa ganamaa Exeter keessatti eegale

Ganamumaan gara kilaba piriimer liigiitti qajeele. Wayita inni Exeter keessatti fuulduratti ba'uun moggaarra tapgataa turetti warri Evartan ija irra buufatanii turan.

Watkins yeroo jalqabaaf kilaba kubbaa miillaa Exeter- Grecians jedhamuuf kan taphate tapha xumuraa bara 2013-14 irratti ture.

Yeroo sana akka kana hin turre. Beekamuuf baayyee hojjechuutu irraa eegama- hojii manaa guddaa harkaa qaba jechuudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Ilaalchi isaa guutuudha, nama collee. Haalaa fi amalli isaa, dhaabbiin isaa guutuudha. Ammallee waan hedduutu irraa eegama. Umriisaa waggaa 17, 18, 19tti ammallee hamma hojjechuu qabu hin hojjenne,'' jedhe kilaba Exeter keessatti leenjisaan jalqabaa Watkins, Pool Tisdeel.

Watkins akka taphataa buleessaatti goolii jalqabaa kan galche tapha waancaa Johnstone's Paint Trophy kilaba Coventry jedhamu waliin Onkoloolessa 2014 taphatan irratti.

Bara sana taphoota sadi qofa irratti hiriire.

Duuba Muddee 2014 irraa eegalee Liigii Biyyyaalessaa kutaa kibbaa- Weston-super-Mare ergisaan deeme.

Bakka kanatti of ijaare, eenyummaasaa isa sirrii ijaarrate. Taphoota 18 irratti jalqabarraa hiriiree taphatee goolii 10 galche.

Yeroo sanatti leenjisaa kilaba Walsall kan ture Diyaan Simiiz taphataa kanarra ija buufatan.

Yeroo ammaa kilaba kubbaa miillaa Charlotte jedhamu kan leenjisu Imiiz, ''waanan isarraa arge baayyeen jaalladhe. Ilaalchi isaa ammoo waan hundaa olidha,'' jechuun ibse.

Kilabni Exeter garuu taphataa raawwii ajaayibsiisaa agarsiisaa ture kan gadhiisuu hin barbaanne, guddoo waan itti haajomeef deebifateera.

Gara St James Park deebi'ee bara 2015-16 taphoota 22 irratti hirmaachuun goolii sagal galche.

Yeroo kanatti moggaarra taphachuurraa gara gidduutti jijjiirame. Sarara gidduurraan fuulduratti ba'ee jifachuu eegale.

''Taphatichi dafee itti bare. Taphataa akka kana bakka itti ramadametti dafee itti baruun bu'aa buusu kan akka Olee argee hin beeku,'' jedhe Tisdeel.

''Akkamii fi eessaa akka kubbaa argachuu qaburratti adeemsa jirullee waliin hin dubbanne. Taphataa cimaan yoomiyyuu, eessattuu cimaadhuma. Waan inni hojjechuu qabu qottee baastee itti agarsiisuu si hin gaafatu. Innuu beeka waan ta'eef.''

Maallaqa guddaa- jireenya jijjiiru fudhachuu diduu...

Olee Watkins barana taphoota hundarratti goolii 28 galche

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Olee Watkins barana taphoota hundarratti goolii 28 galche

Ismiiz gara warra Kanniisaa fi Darbii, fedhiin warri Bireentifoord taphaticharraa qaban ammoo akkaan dabale.

''Amajjii (2027) Darbii irraa maallaqa guddaatu nuuf dhihaate,'' jedha Aab Tisdeel.

Moodelli warra Darbii ammoo faallaa waan Olee Watkins barbaaduuti. Adeemsa hedduu, kubbaa dabarsuu fi qabachuu gaafata. Watkins fuulduratti deemuurra wayita duubatti jedhu arguun danda'an ture,'' jedha leenjisaan ganamaa taphataa kanaa.

''Isaan isa hin tuffanne. Maallaqa fudhachuu qabnu ture. Garuu fudhachuu didne.''

Haalli Watkins kilabumasaa ganamaa keessa turuun haalota jiran to'atee fuulduratti deemuu, guddina dhufu dhandhamuu ture.

Mariin inni, harmeen isaa fi leenjisaan isaa taasisaa turan akkanni leenjisaa isaa amanee achuma turuu filatu isa taasiseera.

''Taphataan kee dandeettii giddugaleessaarra jiru haala sana dandamachuu hin danda'u. Maallaqa jiruu nama tokkoo jijjiiruu danda'u diduun ulfaata,'' jedhe Tisdeel.

Waa'een Watkins kun jedhamee sa'atiiwwan muraasa booda taphatichi teessoo jijjiirraa irraa ka'uun dirree seene. Akkuma seeneen goolii galche. Gareensaas kilaba Wycombe mo'ate.

Eessattuu taphachuu akka danda'u leenjisaa fi daawwattoota amansiise.

Bara 2016-17 goolii 16 galchuun xumure.

Imala gara Birentifoord achirraan Aston Viilaa

Olee Watkins kilabasaa ganamaa, kan keessatti guddate, keessaa deemuunsaa hin hafne.

Leenjisaa Ismiiz, nama jalqaba ija irra buufata jalaas hin deebine. Leenjisichi paawondii miiliyoona 1.8 itti baasuun gara Bireentifoord fudhatan.

Kilaba jijjiirrattus itti baruuf yeroo itti hin fudhanne. Amma itti gaafatamummaanis dabaleera, gurbaan asitti bilchaate.

Sooratasaa, sochii qaamaa fi ilaalcha isaas akkaan fooyyeffate. Duuba barbaadamuun isaa inuma dabale.

Sarara fuulduraa irra dhuunfatee taphata, yeroo muraasa booda Piriimer Liigii Ingilzii keessatti jifataa cimaa ta'ee as ba'e.

Leenjisaa Ismiiz taphataa kana of jalaa hambisuu hin barbaanne. Bara 2018 wayita Bireentifoord gadhiisuun Aston Viilaa seenus Olee Watkins achitti hambisuu hin feene.

Waggaa lama booda paawondii miiliyoona 28 itti baasuun ammas gara Viilaa fide.

Asittis gurbaan qaroo ta'ee ba'e. Inumaa goota Aston Viilaa olkaase jedhamee faarfamuu eegale.

Goolii isaa jalqabaan kilaba yeroo sana shaampiyoonaa ture Liivarpuul irratti hatirkii hojjete, yeroo sana gareensaa Aston Viilaan goolii hedduu 7 fi 2n Liivarpuul mo'ate.

Watkins bara jalqabaa sana goolii 16 galchuun xumure.

Ilaalcha qajeelaa fuulduratti nama oofu

Hariiroon leenjisaa duraanii Aston Viilaa Ismiiz fi Watkins akkaan cimaadha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hariiroon leenjisaa duraanii Aston Viilaa Ismiiz fi Watkins akkaan cimaadha

Leenjisaa Ismiiz fi Olee Watkins hariiroo cimaa qabu turan. Leenjisaan kun bara 2021 wayita Aston Viilaa gadhiisu Watkins akkam ta'a kan jedhu yaada ture.

Garuu leenjisaan yeroo ammaa Aston Viilaa Umaay Emirii taphicha baayyee jajjabeesse.

Kanarraa kan ka'e leenjisaa kana jalatti taphoota 84 irratti gooliiwwan 41 galchuu danda'eera.

Erga kilabichi leenjisaa kanaan hoogganamuu eegalee fooyya'iinsa ajaayibaa argamsiisaa jiru keessatti gumaachi Olee Watkins akkaan olaanaadha.

Watkins Arsenaal deeggaraa guddate, ammas hidhata guddaa waliin qaba. Garuu Onkoloolessa keessa kontiraata waggaa shanii Aston Viilaaf mallatteesseera.

Watkins amma dorgommii kubbaa miillaa Awurooppaa kan bara 2024- Euro 2024 irratti hirmaachuuf qophiitti jira.

Bara kana Aston Viilaaf goolii 19 galcheera, rukuttaa peenaaliitiin kan galche tokkollee hin qabu. Hundayyuu taphatee lakkoofsise.