Reekardiiwwan Piriimiyeer Liigii bara kana galmaahan

Madda suuraa, Premier Legaue
Bara dorgommii 2023/24 keessa akkuma bara kaanii Piriimiyeer Liigii Ingiliz keessa reekardiiwwan haaraan taphattootaan, leenjistootaafi kilabootaan galhamaan jiru.
Isaan ijoo keessaa inni jalqabaa goolii bara dorgommii kanatti lakkaa'ameedha.
Bara kana gooliiwwan 1,246 lakkaa'amaniiru. Kun reekardii haaradha. Amma dura reekardiin goolii qabamee ture isa bara 1992/93 galee ture, goolii 1,222 dha.
Bara sana gareeleen liigicha keessatti taphatan akka har'aa 20 osoo hin taane 22, lakkoofsi taphootaas akka har'aa 38 osoo hin taane 46 ture jedha Piriimiyeer Liigiin Ingiliz.
Lakkoofsi goolii taphattootni jijjiiramanii galan lakkoofsisanis bara kana reekardii haaraa ta'eera. Taphattootni jijjiiramanii galan goolii 159 lakkoofsisan. Inni guddaan isa bara darbe lakkaa'ame goolii 132 ture.
Fulbaana lama taphoota liigichaa gaggeefaman irratti taphattootni sadii haatriikii hojjetaniiru. kunis Liigicha keessatti haatrikii lakkaa'ame isa baayyee ta'uun seenaa bara 1995 galmaahe qooddateera. Seenaa kana kan dalage Soon Huung-miin, Erliing Halaandiifi Evaan Fargusaniidha. Bara 1995 Fulbaanaa 23Alen Shireer, Roobii Foowleriifi Toonii Yeboohaa haatrikii hojjetaniiru.
Taphataan Sheefiild Yunaayitiid Olii Maak Barnii gooliin daqiiqaa 102:08 irratti lakkoofsise erga bara 2006/07 as goolii baayyee barfattee galte taateetti.
Chelsiin duubaa ka'ee Maanchister Yunaayitidiin 4-3n tapha injifate irrattis reekardiin haaraan galmaaheera.
Gooliin Koo Paalmer daqiiqaa 100:40 irratti lakkoofsise goolii mo'ichaa baayyee barfatee lakkaa'ame ta'uun riikardii haaraadha.
Reekardii haaraa kilabaan galmaahe keessaa ammoo adda dureen isa Siitiin yeroo walitti aanu afuriif waancaa Piriimiyeer Liigii injifateedha. Amma dura gareen seenaa kana dalage hin jiru.
Siitiin bara guutuu tapha dirreessaatti taphate hin injifatamne. kun yeroo 18ffaaf ta'e. Siitiin qaama seenaa kanaas ta'eera.
Nootingihaam Foorest qabxii xiqqaa sassaabuun garee Piriimiyeer Liigii keessa turuu danda'e ta'eera. Qabxii 32n gareen liigicha keessa turuuf hiree argate hin jiru.
Niiwkaasil Yunaayitiid Sheefildiin 8-0n tapha injifate irratti taphattootni adda addaa saddeet gooliwwan kunniin lakkoofsisuun reekardiin haaraan galmaa'eera.
Niiwkaasil tapha isa kan biraa Sheefild waliin godhe ammoo 5-1n injifate walumatti bara tokkotti goolii 13 garee tokkotti lakkoofsisuunis Niiwkasil reekardii haaraa galmeesse.
Reekardiin biraan kilabaan galmaahe isa Cheelsiin bara kana guutuu kaardiiwwan 105 argateedha. Bara tokkotti gareen kaardii hamma kanaa argate Cheelsii qofadha.
Reekardii leenjistootni galmeessan
Leenjisaan Tootenhaam Aanj Postekoogluu leenjisaan haaraa taphoota jalqabaasaa 10 irraa qabxii hedduu argate ta'uun reekardii haaraa galmeesse. Qabxiilee 30 argaman keessaa 26 sasssaabbateera.
Bitootessa darbe Siitiin wayita Sheefild mo'atu leenjisaa Peep Gaardiyoolaa reekardii haaraa galmeesse. Taphoota xiqqaan leenjisaa injifannoo 200ffaasaa galmeesse ta'e.
Seenaa Piriimiyeer Liigii keessatti leenjisaan taphoota baayyee osoo hin tapahatiin injifannoo hanga kanaa argate Peep malee hin jiru.
Reekardiiwwan taphattootaan galmaahan ijoo
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphataan duraanii Liivarpuul Jeemsi Miilner dorgommiiwwan liigichaarratti bara 22ffaaf tapachun reekardii Riyaan Giigsiin qabamee ture qooddateera.
Mohaammad Saalaa ammoo baroota walitti aanan sadiif gooliiwwan 10 oliifi kubbaawwan goolii ta'an 10 mijeessuun seenaa haaraa galmeesse.
Taphataan Weestihaam Jaared Boowen taphoota walitti aanan jaha dirree alagaatti godhaman irratti goolii galchuun seenaa haaraa dalageera.
Daarwiin Nuneez erga bara 2003/04 tapha Liivarpuul Cheelsii waliin godhe irratti tapha tokkorratti yeroo afur yaaliinsaa utubaa gooliin deebi'uun taphataa jalqabaa ta'eera. Bara guutuu yeroo sagalan yaaliinsaa utubaan jalaa rukute. Kunimmoo reekardii Roobin Vaan Peersii isa bara 2011/12 qixxaachuurraa tokkon hanqate.
Emiliyaanoo Maartineez ammoo bara tokko keessatti goolii sadi ofirratti galchuun reekardii haaraa goolii eegaan galche hojjeteera.
Kool Paalmeer ammoo tapha Eevertan waliin godhame irratti haatriikii isa saffisaa seenaa liigichaa galmeesseera.












