Hatriikiin Lookmaan abjuu Zhaabii Aloonsoo karaatti hambise

Madda suuraa, Getty Images
Taphoota Bondasliigaa Jarman tokkollee osoo hin injifatamiin liigicha kan injifate Baayer Liverkusan dorgommii Yirooppaa Liigii injifachuuf tilmaamni guddaan kennamee turus garee Xaaliyaan Atilaantaan 3-0n injifatamee waancaa dhabeera.
Gareen Zhaabii Aloonsoo, Baayer Liveerkusan Guyyoota 361 boodas yeroo duraaf injifatameera.
Landanitti kan dhalateefi amma biyya dhalootaa maatiisaa Naayijeeriyaaf kan taphatu Adomeeloo Lookmaan gooliiwwan sadii Atilaantaa abbaa waancaa godhe lakkoofsisuun abbaa seenaa ta'eera.
Tapha xumuraa Yirooppaa Liig irratti haatrikii hojjechuun Lookmaan taphataa jahaffaa ta'eera.
Lookmaan ''jireenya koo keessatti halkanoota aaj'ibaa keessaa isa tokko'' jechuun gammachuusaa ibse.
Taphataan ganna 26 kun daqiiqaawwan 12, 26 fi 75ffaarrtti gooliiwwan galcheen Atilaantaan waggaa 61 booda waancaaasaa jalqabaa akka injifatu gargaare.
Lookmaan baroota lamaan darban gahumsi isaa fooyya'aa waan dhufeef galgala ajaa'ibaa sanatti seenaa hojjeechuun isaa ofiif waan hin eegne akka itti hin taane dubbate.
Leenjisaan Atilaantaa Giyaan Pi'eeroo Gasperiinii garuu waan hin eegne itti ta'uu dubbatan.
''Kuni jalqabbii kootii ammaan booda galgaloota akka kanaa baayyeen eegaa'' jedhe.
Waancaan Yirooppaa Liig Dubliinitti gaggeefame ''tapha waancaa Lookmaan'' jedhamee kan yaadatamu ta'us, Atilaantaaf hiika isaa olii qaba.
Atilaantaan erga hundeeffamee waggaa 116 ta'eera.
Seenaa isaa keessatti garuu yeroo lama qofa waancaa injifachuu danda'e.
Inni jalqabaa bara 1963 Kooppaa Itaaliyaa isa injifataniidha. Inni lammaffaan ammoo waggaa 61 booda isa Lookmaan argamsiiseef kana.
Atilaantaan torban darbe waancaa Kooppaa Itaaliyaaf qaqqabee Yuventusiin injifatame. Haaloosaa ammoo Liverkusan irratti bahate.
Erga bara 1999 kilabni Xaaliyaan tokkollee Waancaa Yirooppaa Liigii injifachuu hin dandeenye.
Leenjisaa Giyaan Pi'eeroo Gasperiinii ganna 66 tti leenjisaa waancaa Yiroopopaa Liigi injifachuun nama umrii gudda ta'aniiru.
Waggoota 25 booda waancaan kun gara Xaaliyaan dhufe.
Atilaantaan dirree Anfiildiitti tilmaam guddaa kan argatee ture Liivarpuuliin 3-1 mo'ee gara walakkaa xumuraa darbe.
Liiverkusan taphoota darban 51 irratti osoo hin injifatamiin dhufuun isaa hireen Atilaantaa xiqqaadha jechisiisee ture.
Gasperiiniin injifannoon isaanii kun kilboota xixiqqaadha jedhamaniif kan badii horu ta'uu dubbatan.
Lookmaan dhalatee kan guddate UKttidha. Garee Ingilaand ganna 21 gadiifis filatamee taphachaa ture.
Haata'u malee lammummaa isaa biyya dhalootaa maatiisaatti jijjiirachuuni Naayijeeriyaa waliin Waancaa Afrikaa bara darbeerratti xumuraaf gaheera.












