VAR hafnaan bara tokkotti murteewwan dogoggoraa 100 arguuf taana- Piriimiyeer Liigii

VAR

Madda suuraa, Getty Images

Piriimiyeer Liigiin Ingiliz kilabootni, VAR (sirna murtee daanyaa viidiyoon gargaaru) haquuf ni murteessu yoo ta'e bara dorgommii tokkotti murteewwan dogoggoraa 100 arguuf taanaa jedhe.

Liigichi yaa'ii waliigalaa kilabootaa Waxabajjii 6, 2024 gaggeeffamu dursee VAR haquun balaa inni qabu irratti kilaboota 20f ibsa ergeera.

Woolvis komii dhiyeessuu hordofee liigichi yaa'iisaa har'aarratti VAR itti haafufu moo haa hafu kan jedhu irratti kilabootni sagalee akka kennan godha.

Piriimiyer Liigiin ibsa Roobii kilabootatti ergeen karoora ''VAR'n fooyyessu'' kan hoggana daanyotaa liigichaa, Tonii Iskoolsiin barreefame qoodeera.

Barreefame BBC Sport argate kana irratti, VAR haquun dhiibbaa inni qabaatu mata dureen ibsu ni jira.

Dhiibbaawwan tarreeffaman keessaa tokko daanyaan dirree keessa jiru murtee dogoggoraa yoo murteesse, bakka VAR hin jirretti dogoggorri kun osoo hin jijjiiramiin hafa jedha.

VAR hambisuun adda ciccituu taphaa akka xiqqeessu kan amanu liigichi, ''murteewwan dogoggoraa akkaan dabalu(bara tokkotti hanga 100), taateewwan falmisiisoo hiree taphaa sadarkaa olaanaan muteessaan ni dabalata, tapha akkaan murteessaa ta'eerrattis ni mudata'' jedhe.

Akka ibsa Piriimiyeer Liigichaatti bara dorgommii darbe gidduu seentummaa VAR'n murteen dogoggoraa darbe shan qofadha. Akka gidduu seenu waamicha godhameen ammoo murteewwan sirrii 105 dabarseera jedha.

Kuni ammoo isa bara dorgommii 2022/23 waliin wal bira yoo qabamu fooyya'insa guddaa agarsiisa jedhe. Bara san gidduu seentummaa VARn murtee darbe keessaa 11 dogoggora ture, 105 ammoo sirrii ture.

VAR itti fufuu qaba jedhee sababa amanuuf inni biraan ammoo waggota dhufan sadii keessatti hojiirra oolchuuf waliigalteen galame waan jiru kasaaraa fida kan jedhudha.

Piriimiyeer Liigichi VAR hambisuuf sagalee ni kenna yoo ta'e, liigiiwwan jajjaboo Awurooppaa keessaa isa jalqabaa ta'a, kuni ammoo ''maqaa gaarii qabu jalaa balleessa'' jedha. Murteessitootni Ingilizis dorgoommiiwwan Awurooppaa fi Fifa irrattis gahee hedduun hin kennamuuf jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Piriimiyeer Liigichi barreeffama kilabootaaf qoode keessatti wantoota VAR fooyyessuun barbaachisu tarreesseera. Isaan keessaa inni tokko yeroo murtee kana dabarsuuf fudhatu gabaabsuudha.

Akka ragaan kun jedhutti bara 2023/24 keessa murtee tokko VAR gidduu seenee akka gargaaru gaafatamee murtee kennuuf yeroon inni fudhate giddugaleessaan sekoondii 64 ture. Bara 2022/23 ammoo sekondii 40 ture.

Fooyya'insi guddaan akka godhamu eegamu tokko osoo taphni itti fufee jiruu murtee VAR akka ibsamu gochuudha.

BBC Sport kilabootni akka Maanchister Siitii, Arsenaaliifi Tootenhaam fa'aa kilaboota jijjiiramni kun yoo ta'e VAR akka itti fufu barbaadan ta'uu hubateera.

Liivarpuul kan sababa VAR, gooliin siirriin, gahee murteessaa bahu jalaa haqame warra akka haqamu deeggaran keessaati.

Akka haqamu wixinee kan dhiyeesse kilabni Woolvis ''VAR deeggartoota kubbaa daawwatan gidduu hirmaannaan akka hin jiraanne godha...amantaa aanga'oota kubbaa miilaa fi murteessitootaa ni xiqqeessa'' jedha.

Akka ragaa shiyeessetti murteen dogoggoraa VAR dura ture dhibbeentaa 82 akka ture bakka VAR jirutti ammoo gara dhibbentaa 96 ol guddate.

Osoodhuma ragaan kun sirrii miti jedhamee gammachuu fi hirmaannaan daawwattootaa dhabame fayidaasaarraa ni caala jedhe kilabichi. Yeroo murtee kennuuf fudhatus komate.