Murteessitootni Liiverpuuliin qabxii dhabsiisan adabaman

Diyeegoo Jootaa fi Kurtis Joonsi kaardii diimaan dirreetii bahan

Madda suuraa, Getty Images

Tapha Tootenhaam 2 fi 1’n Liiverpuuliin mo’ate irratti murteen fudhatame Liiverpuuliin qabxii dhabsiiseera.

Murteessaan VAR guyyaa sanaa Daaren Ingilaand jedhamu galchii Luwis Diyaaz lakkoofsise yeroo gahaa itti kennee ilaaluu dhabuu isaan akka haqamu waan muerteesseef dogogora hojjeteera jedhamuun himatame.

Waldaan Murteesitoota Taphoota Piroofeshinaalaa ‘PGMO’L jedhamu ibsa baaseen Liiverpuuliin dhiifama gaafateera.

Galchii Luwis Diyaaz kennamuu qaba ture, dogogora murteessaa VAR irra jiruun haqameera jechuun ibsa baase.

Murteessaa Daaren Ingilaandi jedhamu tapha Bireentifoordii fi Nootiingihaam taasisan irratti murteessaa arfaffaa tahuun filamee ture.

Amma sababa dogogora hojjeteen nama biraan bakka buufameera. Murteessaan Daan Kuuk jedhamu guyyaa sana gargaaraa VAR ture.

Tapha Fuulhaamii fi Cheelsii har’a gaggeeffamu irratti gargaaraa murteessaa tahuun filamee ture. Garuu innis nama biraan bakka buufameera.

Dhiibbaa murteesittooni jala jiran ni hubanna. Garuu dhiibbaan akkasii kunneen gargaarsa VAR’n hafuu qabu malee inumaa itti caaluu hin qaban ture. Kanaafuu yeoo gahaan itti kennamee murtee gahaan waan hin fudhatamneef murtichaan hin gammadne jedhe Liiverpuul ibsa baaseen.

Taatee akkanaa kana ''dogogora dhalli namaa hojjete'' jennee ibsina, kun ammoo fudhatama hin qabu jedhe Liiverpuul murtee PGMOL booda.

Irra deebiin sirriitti ilaaluu fi iftoomina guddaan murteessuun bu’aa galmaa’uuf gaariidha kan jedhe Liiverpuul kun murtoo fuulduratti fudhamuufis barbaachisaadha jedhe.

Kireeg Paawsan tapha Bireentifoordii fi Nootiingihaam irratti murteessaa arfaffaa tahuun taphachiise. Tapha har’a Fuulhaamii fi Cheelsii gidduutti taasifamuuf ammoo Edii Ismaartii murteessaan jedhamu gargaaraa murteessaa tahuun filameera.

Garuu Kuuk, Ingilaandii fi Mikaa’el Ooliver murteesitootni jedhaman garee murteesitoota gaafa Kamisaa Yuunaayitid Arab Imiretis keessaa taphachiisan keessatti argamu.

Waldaan Kubba Miilaa Ingiliz waan raggaasiseef sadan isaanii Jimaata Landanitti deebi’uun tapha Sanbata dhufu gaggeeffamuuf qophaa’u.

Maaltu mudate?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphni Tootenhaamii fi Liiverpuul 0-0 irra osoo jiruu Liiverpuul Kurtis Joonsiin kaardii diimaan dhabe. Garuu Luwis Diyaaz osoo hin turiin galchii lakkoofsise.

Murteessaan viidiyoo irra ture Ingilaandi jedhamu xiqquma ilaaluun murteen murteesitoota dirree keessaa sirriidha, kubbichi taphaan aladha jechuun murteesse.

BBC Akka odeeffatetti murtichi adeemsa hundaa eeggatee fudhatame. Garuu dogogora namaatu achi keessatti argame. Akkas jechuun sararri sararamee ilaalamuu qabu hunduu ilaalameera. Yeroo sararicha kaa’an garuu dogogorri mudate jira.

Balleessaan mudate taphni dhaabatee murteessaan dirree keessaas ilaaluun murticha mirkaneessuu dhabuudha.

Osoo haala akkasiin ilaalamee jiraate galchiin Diyaaz ni kennama ture.

Hogganaan murteesitootaa Howaardi Weeb, ergasii hoggantoota Liiverpuul waliin dubbataniiru.

Ibsi PGMOL baases, ‘’dogogorri namaa guddaan mudateera,’’ jedha.

Tootenhaamiif dursaa taphattootaa kan tahe Soon lakkoofsise. Gaakpoon Liiverpuuliif lakkoofsise.

Kan biraa Diyeegoo Jootaa dirree seenee osoo hin turiin kaardii dimaan dirree keessaa bahe.

Liiverpuul nama sagal tahuun hanga daqiiqaa 96tti taphatan. Galchii 1 fi 1'n turanis daqiiqaa dhumaa irratti taphataan sarara ittisaa Liiverpuul Yoo'el Maatip galchii isaarratti lakkoofsise.