Daandii Leegos irratti bishaan gurgurraa hanga Mootii Afrikaatti

Viktar Osimeeniin

Madda suuraa, Getty Images

Taphataa sarara fuula duraa [jifataa] Naajeeriyaa kun bara 2023 ardii Afrikaarratti taphataa hunda caalaa cimaa ta’uun erga filatameen booda dhuguma Viktar Osimeeniin “Mootii [Kubbaa] Afrikaa Haaraa” jedhamee laallifameera.

Taphataan umuriin isa wagga 24 kilaba Naappooliif taphachaa jiru kun kun badhaasa wagga waggaan Federeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) Wixata darbe kopheesseeratti ture kan mo’ate.

Amballii warra Masirii Mohaammad Saalaah fi taphataa sarara ittisaa Akiraaf Hakiim waliin dorgomuun filatame.

Osimeen taphataa salphaatti as gahe miti.

Daandii Leegos, Olusoosuu jedhamtu awwaaraan guutte tokkorratti bishaan gurgurarraa ka’ee bu’aafi ba’ii hamtuu darbee “abjuusaa dhugoomfate”.

Seenaan isaa kunooti.

''Harmeen koo ijoollummaan narraa duute. Ji’a sadii booda abbaan koo hojii isaa irraa gaggeeffame. Amma jireenyi akka malee nutti ulfaate.

Obbolaan koo galii argatanii of hin dandeenye. Ani warra quxisuu keessaa tahus obbolaa koo dubaraa nu jiraachisan gargaaruuf daandiitti baheen magaala keessa bakka tiraafikiin baay’atutti bishaan gurguraan ture,’’ Viiktor Osimheen dhiyeenya Sky Sport irratti yoo dubbatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Daa’imni daandiirra deemuun bishaan gurguree ofii fi obbolaa isaaf daabboo bitaa ture har’a miliyoona 100 oliin kileboota akka Cheelsii, Maanchister Yuunaayitid, PSG fi Baayern Munikiin hedduu barbaadamaa jira.

Naappoolii waggoota 33 booda shaampiyoonaa Serie A xaaliyaanii yoo godhu, waliigalaan galchii 33 lakkoofsisuun taphataa Afrikaa jalqabaa Serie A Xaaliyaanii keessatti galchii hedduu lakkoofsise tahuun rikardii Joorji Wihaa cabse.

Viiktar Osimeen jalqabbii gadi bu’aa irraa jireenya isaa jalqabus har'a adunyaan dandeettii isaa kubba miilaan taphataa qaalii tahuu isaa barteetti.

Maqaan isaa guutuun Viiktar Jeemsi Osimeen jedhama. ‘‘Osimheen’’ jechuun afaan dhaloota isaa Ishaan jedhamuun ‘Waaqayyo gaariidha’ jechuudha.

Amantaa kiristaanaa leellisuu fi milkaa'ina isaa hundaaf waaqa galateeffachuu jaalata.

Maatiin isaa ijoollee jaha qabu. Viiktar ammoo quxisuu hunda isaaniiti. Garuu waa’ee hangafoota isaa nama hedduu yaadda’uu fi itti gaafatamummaan itti dhagahamu akka tahe himamaaf.

Taphattoota Afrikaa hedduuf wal fakkaataa tahus maatii harka qalleeyyii irraa dhalate. Maatiin isaa gara Leegoos kan deeman Kibba biyyattii irraati. Osimheen garuu achuma magaalaa Leegos keessatti dhalatee guddate.

Jireenyi hedduu maatii isaatti ulfaatee ture. Kana irraa ka’uun harmeen isaa ijoollee isaanii guddisuuf aduu magaalaa Leegos keessa dhaabachaa ooluun bishaan calalamee saamsame gurguraa turan.

Kana qofa osoo hin taane naannoon mana jireenya isaanii Naayijeeriyaa keessaa bakkatti balfi magaalichaa itti gatamu isa guddaa akka tahe odeeffannoo waa’ee taphataa kanaa miidiyaaleen Faransaayii fi Xaaliyaan barreessan ni addeessa.

Miidhama hamaa booda gonfoo kubba miilaa

Viiktar ijoollummaan osoo waan ittiin maatii gargaaruu danda’u akka bishaanii fi meeshaalee sasalphaa biraa daandii Leegos irratti gurguruu, cinattis barnoota isaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Olusosun jedhamutti hordofaa ture.

Manni barnootaa kun bakkatti barattootni dandeettii kubba miilaa qaban itti guddifatanii fi taphatoota kubbi miilaa kaan itti daawwatanidha.

Viiktrarii fi hiriyoonni isaa galgala galagala mana barumsaa kanatti warreen taphatan ilaalaa guddatan.

Viiktariif adda kan tahu garuu obboleessi isaa hangafaa hawwaasa naannichaa biratti kubba taphachuun beekamu achi keessaa waan taphatuuf yeroo hundaa carraa isa daawwachuu qaba.

Obboleesi isaa Andiriwuun maatii isaa gargaaruuf jecha barnoota dhiisee kubba taphachuun maallaqa argataa ture.

Dabalataan Viiktar kilaba biyya Ingilaandi Cheelsii hedduu dinqisiifata ture.

Kunneen walitti ida’amuun jaalalli kubba miilaa akka isa keessa bulu gochuu qofa osoo hin taane, akka inni taphataa kubba miilaa beekamaa tahuufis shoora isaanii taphataniiru.

Andiriwuun obboleesi isaa xiqqaan kun isa caalaa dandeettii kubba miilaa guddaa akka qabu hubachuun ofii kubba taphachuu dhaabe.

Barnoota isaas dhiiseera. Obboleesi isaa xiqqaan [Viiktra] aka jabaatuuf maallaqaan deeggaruuf jecha hojii adda addaa hojjechaa akka ture Viiktar gaaffif deebii dhiyeenya 'Super Sport' irratti kenne irratti himeera.

Bara 2015 Waancaa Adunyaa guddattootaa Chiiliitti qophaa’e irratti biyya isaa Naayijeeriyaaf filamuun yeroo jaqabaaf garee biyyaalessaaf taphate.

Tapha jalqabaa irratti galchii lama lakkoofsisuun ija namoota taphattoota dandeettii qaban ilaaluun kilaba isaaniif mallatteesisuuf deemanii keessa gale.

Viktar Osimeen galchii 33 bara dorgommii tokkotti galchuun rikardii taphattoota Afrikaa, Seria keessaa cabse

Madda suuraa, Getty Images

Naayijeeriyaan injifannoon dorgommicha xumuruu cinatti galchii kudhan lakkoofsisuun tokkoffaa tahee badhaafame.

Kilebootni akka Maanchister Siitii, Arsenaalii fi Tootenahaam taphataa kana fudhachuuf gaaffii dhiyeessaa turan.

Haa tahu malee, umurii isaa xiqqaa kanaan bara 2016 taphataa ol adeemaa cimaa Afrikaa jedhamuun Abujaatti erga badhaafamee kilaba Jarman, Woolfisbargi jedhamuuf mallatteesse.

Kilabni kun isaan kaan caalaa maallaqa gaarii kennaniif.

Yeroo kana obboleessa isaa hangafaa isa deeggaraa turee fi abbaa isaa waliin gara Jarmanitti akka deeman 'Super Sport' irratti dubbateera.

Haa tahu malee, bara 2017 akka tapha jalqabaa isaa Woolfisbargiif taasiseen gateettii isaa irra miidhama isa mudateen tajaajila baqaqsanii yaaluu argatee baricha gahumsa homaa osoo hin agarsiisiin xumure.

Dhukkubbiin waa itti hammaateef biyya isaa Naayijeeriyaaf Waancaa Adunyaa bara 2018 irratti osoo hin filamiin hafe. Yeroo sana hospitaala keessatti yaala irra ture.

Waggoota lamaaf miidhama isa mudate osoo wal ‘aansoo qabuu galchii tokkollee Woolfisbargiif osoo hin lakkoofsisiin yeroo gannaatti yaaliidhaaf gara kileboota Beeljiyeem Zuulte Waregemii fi Kilab Biruuj deeme.

Ammas dhibee busaadhaan qabamee fayyaan isaa haalaan hubame. Kana irraa kan ka’e kilebootni lamaan taphaticha hin barbaannu jedhan.

Bara 2018 guyyaa rabbi araarameef fakkaata. Kilebni Beeljiyeem gara biraa Chaarlerooy jedhamu taphaticha ergisa yeroo dheeraan fudhachuuf waliigale.

Fulbaana 22 bara 2018 galchii jalqabaa isaa lakkoofsise. Yaada BBC Sport’f yeroo sana kenneen gammachuu yeroo dheeraa dura beekutti deebi’eera jedhe.

Liil hanga Naappoolii

Osimheen erga kilaba Beeljiyeem Charlerooy keessatti gahumsa gaarii agarsiisee imala gara abjuu isaa isa guddaa jalqabe.

Kilabni Faransaay, Liil taphaticha mallatteesisuuf gaafate. Bara 2019 paawondii miliyoona 12 tahuun waliigaltee waggoota shanii mallatteesse. Waggaa tokko Liiliif taphatee waliigalaan galchii 19 lakkoofsisuun kilabicha keessaa tokkoffaan xumure.

Bara 2020 badhaasa Faransaay keessatti taphattoota cicimmoo Afrikaaf kennamu 2020 Prix Marc-Vivien Foe badhaafame.

Bara 2020 Waxabajji 31 kilabni Xaaliyaanii Naappooliin, Yuuroo miliyoona 70 tahuun Osimheen mallattesisuu beeksise.

Bara 2022/23 Osimheen waliigalaan galchii 47 Naappooliif lakkoofsisuun rikardii kana dura Serie A keessatti Joorji Wihaa fi Saamu’eel Etoon qabamee ture cabse.

Naappoolii kilabni duraanii Maaraadoonaa waggoota 33 booda Shaampiyoonaa tahuun xumure.

Shaampiyoonsi Liigii keessatti gahumsi Naappooliin agarsiise guddaa ture. Leenjisaan kilabichaa Ispaaleettiin Osimheen gahumsa kanarra akka gahuuf shoora olaanaa taphachuu taphataan kun miidiyaaleef himeera.

Garuu leenjisichis tahu shaampiyoonaa tahuun kilaba Naappolii akka gadhiisan beeksisan.

Viiktar Ossimeen bara dhufu eessatti argina? Maanchister Yuunaayitid, Cheelsii, PSG fi Baayern Munik kileboota taphataa kana haalaan barbaadaa jiranidha.

Kilabni isaa Naappooliin gatii hanga paawondii miiyoona 140 waamuu jalqabeera.

Osimheen waa'ee hariiroo jaalalaa fi gaa'ila isaa yeroo hedduu icciitiin akka qabatu himama.

Garuu umurii isaa waggaa 16 jalqabee jaalallee akka qabuu fi ishuma waliin akka jiru barruu 'Soccermet' jedhamutti himeera.