'Arsenaal waancaa dhabuunsaa baay’ee na aarsa'- Maamaa Arsenaal

Maamaa Arsenaal

Maqaan isaanii Iteetuu Maammoo jedhamu, namoonni baay’een garuu Mama Arsenaal jedhanii isaan waamu.

Maanguddoon ganna 65fii jiraattuu Magaalaa Finfinnee kun jaalala kilaba kubbaa miilaa biyya Ingiliiz, Arsenaaliif qabaniin miidiyaa hawaasaatti as bahan.

“Kanan jiraadhu iddoo ‘Gadaam Safar’ jedhamu. Dhaladhee kanin gudadhes manuma jijjigde tana keessatti” jedhu.

Mama Arsenaal, sirbaafii harka dhahaa miiraan guutamanii Arsenaal deeggaru, gaafa kilabichi mo’amemmoo ni aaru.

“Carraa ta’eeti malee Arsenaal taphattoota akka Trossaard, Raayis, Gaabri’el Magaalish, Saaliibaa, Maartineelii, Odegaard fi Gabrayasuus osoo qabuu waancaa dhabuunsaa baay’ee na aarsa” jedhu Mama Arsenaal.

Maanguddoon kun taphattoota garee kubbaa miilaa Arsenaal keessaa Bukaayo Saakaa, Maartin Odegaard fi Leandro Trossard baay’uma jaalatu.

Jaalalli isaan taphataa dhalataa Biraazil kan ta’e Gaabri’el Jisasiif qaban garuu adduma. “Inni maqaansaa Gaabri’el Jesuus jedhama. Ani garuu Gabrayasuus jedheen Amaariffaan maqaa itti moggaase. Mucaa kiyya waan fakkaatuuf Gabrayasuus jedheen” jechuun himu.

Sababni Mama Arsenaal, Gaabri’el Jesuus itti jaalataniif ilma isaanii fakkaachuusaan qofaa miti. Dandeettiin tapha kubbaa miilaa isaas akkaan isaan hawwata.

Dandeettii taphatichaas “Yeroo taphatu milli isaatuu ija qaba” jechuun ibsu.

Waancaa dhabuu Arsenaal…

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Deeggartoonni kilaba Arsenaal heddu kilabnisaanii dorgommii Pirimiyer Liigii Ingliiz kan bara 2023/2024 Dilbata darbe xummurame ‘ni injifata’ jechuun eegaa turanis sadarkaa lammaffaa qabachuun xummure.

Kilabni Maanchistar Siitiin tapha xummuraa guyyaa Dilbataa taasifameen galchii 3-1’n West Haamin injifachuun geeba fudhate.

Mama Arsenaalis tapha xummuraa kana ijoollee ollaa waliin ta’uun daawwatan.

“Tapha Maanchistar Siitii fi West Haam irratti Siitiin yemmuu galchii jalqabaa galchu nan aare. Galchii lammaffaa yemmuu galchu ‘ijoolle Waaqatu beeka hin aarinaa’ jedheen callise. Itti aansee West Haam yemmuu galchii lakkoofsisu akkaan ililchine” jedhan.

Haa ta’u malee Siitiin injifachuusaatin Arsenaal geeba osoo hinfudhatin hafe. Arsenaal geeba akka hinfudhanneef gufuu kan itti ta’emmoo kilaba Totinhaami jedhanii amanu Mama Arsenaal.

“Arsenaaliif gufuu kan ta’e Totinhaami. Kilabni Totinhaam jedhamu kilaba badaadha. Dhiifama naaf godhiitii kilaba sana hinjaaladhu” jedhu.

Deeggarsa waggoota 20 lakkoofsise

“Arsenaal baay’ee natti tola, baay’een jaaladhas. Kanaaf isa deeggaruu eegale” kan jedhan Mama Arsenaal, ijoollee isaanii hordofuun garee kubbaa miilaa Arsenaal deegaruu eegalan.

Haa ta’u malee jaalalli ispoortii kubbaa miilaaf qaban duruma barattuu yeroo turanitti kan jiru akka ta’e himu.

“Wayitan barattuu turettis fiigichaafii kubbaa miilaa nan jaaladha ture. Sababa sanaan gara kubbaa deeggaruuttis nan seene” jedhu.

Mama Arsenaal, waggoota 20 darbaniif taphoota Arsenaal taphatu ijoollee ollaa waliin ta’uun fooddaa televiziyoonaan daawwachaa kilaba isaanii cinaa dhaabbataniiru.

Daawwannaan isaanis miiraan kan guutamedha; sirbaa kilba isaanii deeggaru.

“Daa’immanillee namarsanii kubbaa ilaalu. Daa’ima waggaa lamaatuu eenyu deeggarta jettee yoo gaafatte ‘Aarsee’ siin jedha. Jaalalli maatiin keenya Arsenaaliif qabu adduma” jedhu.

Maanguddoon kun wayita manaa gadi bahanii daandiirra deemanis waa’ee kubbaa miilaa warra Awuroppaanotaafii waa’ee kilaba isaanii Arsenaal haasa’u. Dargaggoonni naannoo Gadaam Safaris wayita Mama Arsenaal daandiirratti argan waa’ee kubbaa miilaa waliin haasa’u.

Haa ta’u malee haalli Mama Arsenaal kun namoota garii gammachiisuus kaanif garuu waan fudhatama qabuu miti.

Hiriyoonni isaanii tokko tokko amala isaanii kanaan gammadanis kunneen itti hintollemmoo Mama Arsenaal kubbaa deeggaruu akka dhaaban itti himu.

“Hiriyoonnikoo gariin ‘gaarii goote jabaadhu’ naan jedhu. Gariin immoo ‘hinqorrobduu? yeroo Waaqatti dhiyaachuu qabdutti maal taateet askeessa seente?’ naan jedhu” jedhu.

Namoonni yaada garagaraa laataniifis isaaniif garuu kubbaan miilaa wanta bashannanaaf dhimma itti bahan akka ta’e dubbatu.

Maamaa Arsenaal

Abdii attam qabdu?

Kilabni Arsenaal waancaa Pirimiyeer Liigii Ingiliz erga fudhatee waggoonni 20’ni lakkaa’amaniiru.

Deeggartoonni kilaboota biroos ‘Arsenaal injifannoorraa fagaatera’ jechuun deeggartoonni kilabichaa aarii isaaniif aannan akka dhugan gorsuun qoccolu.

Qoccollaan kun Mama Arsenaal irrattis qaqqabeera. “Tokko tokko ‘Mama Arsenaal hin aarinaa, aannan itti unadhaa’ naan jedhu. Sanuu soomana keessa akkas naan jedhu” jedhu.

“Tokko tokkommoo gaafan bataskaana deemu gateettiikoo tuttuqaa ‘Harmee, Arsenaal akkami?’ naan jedhu. Maaloo nadhiisaa bataskaanan deemaa jiran jedhaan. Kolfeen itti dhiisa” jedhu.

Haa ta’u malee Arsenaal geeba fudgates dhiisees kilabicha deeggaruu akka hindhaabne Mama Arsenaal himu.

“Ani dulloomus hamileenkoo hin du’u. Kubbaa miilaa nan ilaala. Umrii naaf yaa laatu malee Aarsee hin dhiisu. Waaqni biyya keenyas nagaa yaa godhu” jedhan.

Kana malees kilabichi bara itti aanutti waancaa akka fudhatu abdii qaban kan himan maanguddoon kun, “Bara itti aanutti qabxiin tokkoffaa ta’ee waancaa akka fudhatu abdiin qaba, hin shakkus. Injifannoon Arsenaaliif yaa ta’u” jedhu.

Gama biraatiin Mama Arsenaal, haadha ijoollee afurii ta’anis ijoollee lama du’aan dhabaniiru. Wayita ammaas galii ilmi isaanii inni quxisuun hojii guyyaa hojjechuun argatuun akka jiraatan BBC’tti himaniiru.

“Inni hojii guyyaa hojjateeti kan nyaata guyyuullee akkan sooradhu nataasisu. Kanaan ala galii biraas ta’e nama nadeeggaru akkan hinqabne nama hundatu beeka” jedhan.