Suuraa daa'imummaa Lamiin Yamaal fi Mesii duuba seenaa jiru

Madda suuraa, Lamine Yamal/X
Adoolessa 13, 2007 kan dhalate Lamiin Yamaal kilaba Liyoonel Mesiin keessatti beekame- Baarseloonaa keessa taphata.
Akkaataa taphaa, amalasaa fi bu'aa inni biyyasaaf buusaa jiru xiinxaluun namoonni hedduun Mesiitti fakkeessu.
Mesii fi Lamiin Yamaal kubbaa miillaan alatti sadarkaa maatiittis hariiroo akka qaban suuraan mul'isu dhiheenya kana erga taphi Waancaa Awurooppaa 2024 eegalee miidiyaa hawaasummaarra naanna'aa jira.
Lamiin Yamaal mataansaa suuraa Liyoonel Mesiin wayita isa baatu mul'isu X (tiwiitara duraanii) irratti maxxanseera.
Suuraa sanarratti Mesiin rifeensi isaa dheeraa, shurraabii adii uffatee daa'ima xiqqoo reef dhalatte fakkaattu baata.
Lamiin Yamaalis ''lammata dhalate'' jechuun barreeffama gabaabduu waliin suuraa kana maxxanse.
Kanarraa kan hafe hariinsoonii sadarkaa maatiitti maal akka ta'e bal'inaan hin ibsine.
Mesiin wayita haala kanaan Yamaal baatee suura ka'e nama waggaa 20 ta'a jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphataa cimaa addunyaa kan ta'e Liyoonel Mesiinis bara 2007 suuraa kana maxxansee ture.
Suuraan kan kaafame Kaamp Nuu keessatti kutaa uffata itti jijjiirratanitti yoo ta'u, sagantaa tola ooltummaa yeroo sana tureen walqabata.
Mesiin yerooma sana maqaansaa beekamaa ture, taphataa cimaa addunyaa jedhamuun namoota hedduu biratti maqaansaa ka'aa ture.
Suuraan biraan wayita Mesiin qaama Lamiin Yamaal dhiqu kaafames tureera.
Wayita suuraan kun kaafame addunyaarratti kan beekamu nama mucaa kana baataa ture- Liyoonel Mesiidha malee Lamiin Yamaal waggaa 17 booda maal akka ta'u namni yaade hin turre.
Amma waggaa 17 ta'uuf guyyoota lama qofatu isa hafa. Umrii kanatti tapha waancaa Awurooppaa irratti goolii ajaayibaa galchuun gita Mesiitti faarfamaa jira.
Abbaan Lamiin Yamaal suuraa turee fi dagatame kana deebisee Instagram irratti mata duree ''jalqabbii seenaa namoota seena-qabeeyyii lamaa'' jedhuun kan maaxanse torbee darbe ture.
Suuraa kana kan kaase Jowaan Moonfort, innis miidiyaa Asoosheetid Pirees jedhamuuf qacaramee suuraa kaasaa ture.
Yeroo sana dhaabbati gargaarsa daa'immanii- Unicef sagantaa suuraa gaggeessee ture.
Sagantaan suuraa kun magaalaa Mataaroo bakka maatiin Lamiin Yamaal jiraatanitti gaggeeffame.
Unicef suuraa kana kan barbaadeef hojii tola ooltummaaf akka madda maallaqaatti fayyadamuuf ture.
''Kaam Nuu keessatti taphataa Baarsaa waliin akka suura ka'an filataman. Sagantaa suuraa ka'uu sanas mo'atan,'' jechuun APtti hime Aab Moonfort.
Garuu hojiin suuraa kaasuu akkuma salphaatti hin milkoofne jedhe ogeessi suuraa umrii waggaa 56 kun.
''Mesiin amala nama waliin dubbachuu hin qabu ture, ni saalfata,'' jedhe.
''Kutaa tokko keessaa ba'ee gara kutaa biraa seenaa ture. Akkuma tasaa daa'ima pilaastika keessatti qaama dhiqan keessa jirutti ba'e. Daa'imi keessa jira. Baayyee walxaxaadha. Akkamiin akka daa'ima sana baatullee hin beeku ture.''

Madda suuraa, Joan Monfort/AP
Akkuma Mesii, Lamiin Yamaalis gara Baarseloonaa seeneera.
Achittis seenaa keessatti taphataa umrii xiqqaa tapha jalqabarraa eegalee fi gooliis galche ta'eera.
Gareen biyyaalessaa Ispeen keessattis taphataa umrii xiqqaa goolii lakkoofsise ta'eera.
Aab Moonfort akka jedhutti suuraan kun kan Lamiin Yamaal ta'uunsaa kan barame erga torbee darbe maxxanfamee, isa booda baayyinaan qoodameeti.
Isa xiinxaltoonni dandeettii Lamiin Yamaal kan Mesii waliin wal dorgomsiisan irratti leenjisaan duraanii Baarseloonaa Zhaavii Hernaandeez yaada kenneera.
''Taphataan ganna 16 kun waan Mesii waliin wal isa fakkeessu qabaachuu danda'a. Garuu jarri kun warra waliin dorgoman miti,'' jedhe.
''Dorgomsiisuu irraa bu'aan argamu hin jiru. Namni Mesiin dorgomsiifame kamuu irraa fayyadamee hin beeku,'' jedhe.
Gurbaa kana [Lamiin Yamaal] keessatti qaanqee dandeettii Mesii ni argina kan jedhu Zhaavii Hernaandeez, ''garuu yoo waliin dorgomsiifne taohataan kun seenaa kubbaa miillaa keessatti osoo hin milkaa'in hafa. Taphataa collee beekamaa osoo hin ta'in hafa. Kanaafuu osoo Mesii waliin dorgomsiisuu baannee filatama,'' jedhe.
Lamiin Yamaal: Qaxalee umriin xiqqaa, 'sammuun guddaa yaadu' addunyaan argatte

Madda suuraa, Getty Images
Darbee darbee wayita gooliin qalbii namaa boojitu taphoota sadarkaa addunyaatti beekaman, fakkeenyaaf tapha dorgommii Awurooppaa, irratti galtu yaadannoo bara baraa taati.
Guyyaa tokko qofa dubbatamee hin hafu, yoggayyuu yaadatama, waggoota kurna hedduuf irra deddeebiin waa'een goolii kanaa dubbatama.
Isin yaadachiisuuf gooliin dorgommii bara 1988 irratti Maarkoo vaan Baastan galche goolii gosa kanaati. Itti aansee bara 1996 kan Pool Gascoigne akkasuma. Amma ammoo kan Lamiin Yamaal.
Dorgommii Waancaa Awurooppaa 2024- Euro 2024 irratti tapha walakkaa xumuraa biyyisaa Ispeen Faransaay waliin taphatterratti gooliin taphataan umriin xiqqaa kun galche yoomuu kan dagatamu miti.
Gooliiwwan bara baraan yaadataman keessatti dabalameera.
Ispeen tapha kana 1 fi 0 dhaan durfamuurraa kaatee 2 fi 1n xumuruun milkaa'uushee keessatti ga'een Lamiin Yamaal salphaa hin turre.
Faransaay tapha kana dursuuf yeroo itti hin fudhanne. Taphataan colleen addunyaa dorgommii kanarratti akkaan eegamaa ture Kiliyaan Imbaappeen kubbaa olkaasee dabarseef Kooloo Mu'aanii utaalee addasaan manii keessa buuse.
Kanaan osoo hin rifatin hojii garee cimsuun kan taphatan warri Ispeen goolii wal isaan qixxeessitu argachuuf, darbees dursa qabachuuf yeroo dheeraa itti hin fudhanne.
Lamiin Yamaal daqiiqaa 21ffaarratti haala hin eegamneen, sarara rukuttaa adabbiin alarraa kubbaa lukasaa bitaan dhiitee manii warra Faransaay keessa buuse.
Taphataan kun wayita goolii kana galchu umriinsaa waggaa 16 fi guyyaa 362 ture. Gooliin kun seenaa tapha waancaa Awurooppaa keessatti goolii taphataa umrii xiqqaan lakkoofsifame kan jalqabaa ta'uun galmaa'eera.
Goolii ajaayibaa Lamiin galche kanarratti yaada kan kenne jifataan duraanii garee kubbaa miillaa biyyaalessaa Ingilaand Gaarii Liiniikar, ''taphataan raajii dalagu dhalateera. Kun taatee haala dorgommicha geeddaredha,'' jedhe.
''Gonkumaa amanuuf kan namatti ulfaatu. Umrii xiqqaa kanaan kana gochuun waan hin amanamne,'' kan jedhe ammoo Alaan Shiirar.
Lammiin Ispeen Lamiin Yamaal taphataa umrii xiqqaa tapha waancaa Awurooppaa irratti hirmaate ta'uudhaanis rikardii qabateera.
Garee biyyaalessaa keessatti qofa osoo hin taane kilaba keessattis taphataa umrii xiqqaa ta'uun rikardiiwwan hedduu cabseera.
Yamaal kilabasaa Baarseloonaa keessatti taphataa umrii xiqqaan goolii galche ta'ee galmaa'eera.
Kana malees taphataa umrii xiqqaan dorgommii Chaampiyoonsi liigii irratti hirmaates ta'eera.
Taphoota Laa Liigaa fi Koppaa Diilree irrattis goolii galcheera.
Yamaal kaleessa galgala tapha milkaa'inaan xumuran booda wayita yaada kennu, ''gareesaa waliin tapha xumuraaf ga'uun injifannoo akkaan eegaa ture,'' ta'uu ibse.
Seenaa Lamiin Yamaal gabaabinaan
Taphataan sarara moggaarra taphatu kun maqaansaa guutuun Lamiin Yamaal Naasruu Ebaanaa jedhama.
Abbaa Morookoo fi haadha Ikuwaatooriyaal Giinii irraa Ispeenitti dhalate.
Sambata dhufu, Adoolessa 13, 2024 waggaa 17 kan guutu Lamiin Yamaal, kilaba kubbaa miillaa Baarsenaal keessatti tapha kubbaa miillaa kan eegale daa'ima umrii waggaa shanii ta'eeti.
Achumatti taphataa pirofeeshinaalaa ta'ee as ba'e.
Yamaal dhalatee kan guddate magaalaa Baarseloonaa keessatti bakka jireenya hiyyeeyyii jedhamuun kan beekamtu ollaa Rookaafoondaa 304 jedhamu keessatti.
Kanaaf wayita goolii galchu quba harkaa isaan lakkoofsa 304 mul'isuun gammachuusaa ibsa.
Taphataan kun quba jalqaba qubasaa sadeen erga diriirsee mul'isee booda, quba guddaa (abuudduu) fi qubasaa isa gidduu walitti qabsiisuun zeeroo mul'isa, isa booda qubasaa harkaa afur mul'isuun lakkoosa 304 agarsiisa.
Lamiin Yamaal yeroo ammaa osoo umriinsaa xiqqaa ta'ee jiruu ijoollee oladeemoo gandasaaf abdii fi hamilee ta'eera.
Yamaal jaalala kubbaa miillaan kan booji'ame waan maatii fi firootasaarraa argerraa ka'uudhaani.
Ollaa ganda hiyyeeyyii jedhamtu kana keessatti abbaansaa fi firoonnisaa yeroo aara galfiisaanii wayita mooraa dhagaadhaan ijaarame keessa kubbaa taphatan argaa guddate.
Yeros inni gidduu seenuu hafaaree, yaadi daa'imumaayyuu isa hin teessisu.
''Yerookoo gara caalu manatti osoo hin taane kubbaa taphachuuttin dabarsa. Mana hin jiru jennaan kubbaan taphachaa jira jechuudha. Jaalalli kubbaa miillaa yeroo hunda si waliin kan jiraatuudha,'' jedha Lamiin Yamaal.












