Imala Luukaa Modrich: Tiksituu re’ee irraa hanga Ballon d'Or mo'achuutti

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommii waancaa Awurooppaa 2024 irratti carraan Kirooshiyaa maal ta’ullee, Luukaa Modrich karoora hojiisaa dhaabuu hin qabu.
Taphataa sarara gidduu kilaba Riyaal Maadriid kan umrii ganna 38 kun ammalleen tapha Waancaa Addunyaa dhufu taphachuuf hawwii qaba.
Kunis rikardii amma qabatee jiru 177 irra jiruufi isa olaanaa ta’e kana olguddisuuf kan dandeessisudha.
Ramaddii B jalatti Wiixata har'aa (Waxabajjii 24, 2024) biyyi Modrich Kirooshiyaan taoha Xaaliyaanii waliin qabdu mo'achuun dirqama itti ta'a, yoo injifatamte garuu taphatichi kubbaa miillaatti nagaa dhaamuuf kan odeeffamaa jiru dhugoomuu isaati.
Yaanni taphatichaa gara biraa ta’ulleen, taphni kun tilmaamaa Modrich biyya isaatiif tapha dhumaa ta’uu mala jedhu olkaaseera.
Erga bara 2016 dursaa garee biyyaalessaa kan ta’e taphataan kun, taphataa cimaa sadarkaa addunyaatti beekamu ta’uun biyyasaas hedduu beeksise.
Modrich Pirezedaantummaaf dorgomuu qaba
Taphataan kun biyya dhaloota isaa Kirooshiyaa, keessumaa ammoo mandara ijoollummaa isaatti itti guddate Zadar irraa ka’uun akkaataa itti as gahe ibsuuf jechootatu nama hanqata.
Imala tibbana gara odola qarqara galaanaa Dalmashiyaatti taasise irratti jiraataan tokko “Modrich Pirezedaantummaaf dorgomuu qaba” naan jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Namni isaan dorgomee itti dhihaatu hin jiru. Waggaa 100 dhufu keessatti nama akka isaa kan biraa waan argannu natti hi fakkaatu,” jedha.
Imalli Modrich mandara itti dhalate Zadaritti re’oota akaakayyuu isaa tiksuurraa ka’uun amma fiixxee milkaa’inaa irra ittiin gahe ulfaataafi bu’aa bahiin kan guutamedha.
Lafti inni itti dhalate kun gaarren kan itti baayyatu waan ta’eef kubbaa miilaa taphachuun yaa hafuutii kubbaa akka barbaadetti rukutuufuu imala sa’aatiiwwanii deemee qe’ee gaaraajii maatiifi akaakayyuu isaa deemuu qaba.
Lolli walabummaa Kirooshiyaa eegalee balbala gaaraajii sanaarraa fageenya meetira 10 hin caalle irratti akaakayyuun isaa ajjeefame.
Gurbaa xiqqaan kun bakka kanarraa ka’uun ture urjii kubbaa miilaa biyyasaafi taphataa kubbaa miilaa cimaa dhaloota kanaa ta’uu kan danda’e.
Akaakayyuun isaa erga ajjeefameen booda qe’een isaaniis finciltoota Sarbiyaatiin gubatee inniifi maatiin isaa bakkichaa baqatan.
Waggoota torban itti aaanan maatii isaa waliin hoteela baqattoonni keessa buufatan keessatti kan dabarse Modrich, ijoollee akkasaa waliin mooricha keessa bakka konkolaattonni dhaabbatanitti kubbaa taphachuun fuula hamaa waraanichi uume sanatti kan dabarse.
Waa’ee turtiisaa bakka kanaa irratti ergasii kan dubbate taphataan kun, yeroo mooraa sana keessa turetti suurota isaa kaafaman yoo ilaalu suurri tokkolleen kan kubbaadhaan ala ka’e akka hin jirre dubbata.
Ergasii mana barumsaatiif taphachuu, akkaadaamii ollaa sanaattis galmaa’ee taphachaa erga tureen booda umrii ganna 16tti akkaadaamii Dinamoo Zaagreb jedhamuuf mallatteesse.
Yeroo hojiisaa hunda waa’eesaa namootni akka dogongoran hubachiisutti fixe.
Akkaadaamiin Dinamoo Zaagreb ergisaadhaan kilaba Bosiniyaa Zirijisk Mostar jedhamuuf dabarsee kenne. Akkaadaamiin kun yeroo sanatti taphataa kana ergisaadhaan kan achitti kenne ogummaa kubbaa miilaa isaa akka gabbifatuuf akka ta’e hima.

Madda suuraa, Getty Images
Modirich yeroo isaa hedduu kan dabarse namootni waa’eesaa dogogora akka ta’an mirkaneessuurratti dabarse.
Yeroo umrii 19 ta’u kilabni Bosiniyaa ergisaan isa fudhate Gara Kirooshiyaatti deebisee kilaba Iter Zapreskif kenne.
Erga Bosiniyaadhaa deebi’ee waggoota afran darbe Bosiniyaatti ogummaa taphaa isaa akka gabbifate qabatamaan agarsiise.
Goolii 31 galchee 29 ammoo mijseessee kenne. Ergasii ija kilaboota gurguddoo Awurooppaa kan akka Barseloonaa, Arsenaalii fi Cheeslii keessa kan seene.
Bara 2008 yeroo kilaba Ispurs seenuuf gadhiisuttis Liigii Kirooshiyaa yeroo sadii injifateera.
Modrich bara 2008 rikardii kilabicha kan ta’e yuuroo miliyoona 16.5 kilaba Tootinhaamif mallatteesse. Boodarra Pirimer Liigii keessatti bu’a-qabeessa ta’uuf cimina qaamaa hin qabu jedhamuun qeeqamaa ture.
Boodarra kilabni Tootinham of bira tursiisuuf fedhii qabaatulleen Modrich gara Kilaba Riyaal Maadriditti cehe. Kilaba haaraa, falmii haaraa jalqabe.
Kilaba Riyaal Madriid seenee waqtiin jalqabaa dhumee filannoo taphattootaa kan deeggartootaan gaggeeffamuufi Gaazexaa Madridin qophaa’urratti morkataa, taphataa lammii alaa Maadriid mallatteesise jechuun filatame.
Morinihoon ammoo leenjisaa gahumsa taphataa kanaa akka bahu godhee fi kilaboonni akka Barseloonaa miidiyaalee isaanitiin akka hin hawwanne godhani.
Amma dorgommiiwwan Laliga 4 fi chaampiyoonsiliigii 6 dabalatee dorgommiiwwan 26 moo’ateera.
Taphattoota umriin ganna 30 darban mallatteesisuu irratti rincica kan qabu kilabni Riyaal Madriid, waa’ee Modrich shakkii baayyee keessa erga tureen booda waliigalteesaa waggaa tokkoof dheeressee jira.
Kilaboota major league Soccer fi Sawudi Arabiyaa irraa affeerraa argatulleen, yeroo taphaa isaa Barnaabootti dabarsuu akka barbaaduu fi yeroo yeroo tapha dhaabus achuma turuu akka barbaadu hime.
Gaggeessaa dhoksaa warra Kirooshiyaa
Modrich kilaba biyyaalessaa keessatti taphataa sarara gidduu ta’ulleen gaafa kilaba biyyasaaf taphatu hiriira isaa akka barbaadetti fooyyessuu waan danda’uuf miira keessa isaatti yaadu bakka hojiirra itti olfatu.
Inni akka gaggeessaa dhoksaatti ilaalama. Ifatti baasee nama dubbatu ta’uu baatulleen taphattoonni isa waliin hiriiran inni akka gaggeessaa ta’etti amanu.
Erga waancaa Addunyaa Raashiyaa bara 2018 taphattoonni akka Mariyo mandzukik, Daniel Sabasik fi Vedran Korluka taphattummaa intarnaashinaalaa isaanii dhaabuudhaaf murteessanii ture. Modrikif garuu kuni filannoo hin turre.
Modrich waa’ee kubbaa miilaa haasa’uun hedduu kan isa gammachiisu ta’ulleen waa’ee dhimma dhuunfaa fi maatii isaa irratti garuu daran iccitaawaadha.
Bara 2018 yeroo gara Totinhaam deemetti hoji gaggeessaa Kilaba Dinamo Zagreb waliin walqabatee himatni gibira waliindhahuu irratti dhihaatee ture.
Waancaan addinyaaa bara 2018 jalqabuudhaan dura garuu manni murtii Kirooshiyaa himata kana irraa kaase. Kirooshiyaan bara sana tapha dhumaarratti Faransaayiin moo’amtee waancaa dhabde.
Modrich waancaa addunyaa bara Sanaa irratti taphataa Urjii jedhamuun FIFA dhaan kophee warqee badhaafamee ture.
Taphataan kuni imala kubbaa miilaa isaa keessatti biyyasaa hedduu maqaa waamsisee maqaa dhuunfaa isaas sadarkaa olaanaatti dhoofsiseera.
Lammiileen Kirooshiyaa taphataa kana akka fakkeenya dhalootaatti ilaalu. Kunimmoo ilaalcha lammiileen biyyattii Kirooshiyaan biyya addaa, cimtuu fi hin moo’atamnedha jedhaniif kan gumaachudha.
Kuni hundi lammiilee kirooshiyaatiif, seenaan darbe mul’ata gara fuulduraa qabaatturraa si ittisuu akka hin dandeenye, sadarkaa xiqqaa irraa bakka guddaa gahuu akka danda’amu kan barsiisedha.
Mee galgala Modrich badhaasa Ballon d’Or injifate yaadi. Abbaan isaa hammam akka itti boonuu danda’u, ilmisaa taphataa cimaa addunyaati yeroo jedhamu. Mucaa xiqqaan gaarren Zadar keessatti re’oota tiksaa ture suni ilmasaa, ilma Kirooshiyaa yoo ta’u.












