Waancaa Awurooppaa baranaa eenyu mo'ata? Ingilaand, Faransaay …?

Xaaliyaaniin Waancaa Awurooppaa walitti aansitee kaasuu maltii?

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xaaliyaaniin Waancaa Awurooppaa walitti aansitee kaasuu maltii?

Waancaa Awurooppaa waggaa afur dura bara 2020 gaggeeffameen garee Ingilaandiifi Xaaliyaanitu waancaaf qaqqabe.

Gareen biyyoota lamaanii taphaan wal mo’achuu dadhabanii rukuttaa penaaliitii kennamee carraan garee Xaaliyaaniif tolte.

Gareen Biyyaalessaa Ingilaand adabbii penaaliitiidhaan adabamanii Isteediyeemii Wembileey keessatti waancaa dabarsanii kennan.

Yeroo sanatti waancaa waggaa 55f dharra'an argatu jedhamee turus Ingilaand rukuttaa penaaliitii kanaan keessaa galte.

EURO 2024 baranaa kanarrattis carraama bara sanaatu Ingilaandiin mudataa?

Ta’uu dhiisuu mala.

Akka Opta’n dursee tilmaama EURO 2024 kennetti, garee biyyaalessaa Ingilaandiif carraan injifachuu ni jira.

Wal morkii kubbaa miilaa idil-addunyaarratti Ingilaand olaantummaan xumurti tilmaami jedhu yeroo baay’ee hin mul’atu.

Kaampaaniin Biriiten daataa ispoortii xiinxalu, Optaan, gareen Gaariz Saawuzgeetiin leenji’u waancaa injifachuuf carraa 19.9% qaba jedheera.

Akkamiin xiinxala kanarra geenye jettanii gaafachuu maltu. Modeelli Optaa qabxii tapha tokko tokkoon tilmaame. Abbaa mo’atu, qixa bahuufi mo’amu.

Kunis waan lamarratti hundaa’uuni. Tokko gabaa qumaaraa, lamammoo sadarkaa kubbaa miilaa biyyootaarratti hundaa’uuni.

Sadarkaan kubbaa miilaa biyyootaa seenaa isaanii dudduubeefi ga’umsa isaanii dhihoorratti hundaa’a.

Modeelli Optaa cimina morkataa, qabxiin taphaa maal ta’uu mala, akkasumas biyyoota ramaddii sana keessa jiran fa’iirratti hundaa’un tilmaama.

Waancaa Awurooppaa 2024 irratti Waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa suuraa taphattoonni abbaa murtii marsan akka hin mul’anne barbaada

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waancaa Awurooppaa 2024 irratti Waldaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa suuraa taphattoonni abbaa murtii marsan akka hin mul’anne barbaada

Tilmaamni Opta Ingilaand sadarkaa duraarra kan kaa’e yoo ta’u, tilmaami lammataa kan kennameef garee Faransaayidha.

Gareen Faransaay Waancaa Addunyaa 2022 irratti garee Ingilaandiin morkiirraa baase.

Gareen Diidiyer Deeshoon leenji'u waancaa kana fudhachuuf carraan 19.1% kennameeraaf.

Akka tilmaama kennametti taanaan, gareewwan lamaan jechuunis Ingilaand fi Faransaay waancaaf walitti dhufuu malu.

Tilmaami Opta qopheessituun Waancaa Awurooppaa 2024, Jarman, sadarkaa sadaffaan xumuruu malti jedheera.

Ispeen, Porchugaal, Nezerlaand, Xaaliyaaniifi Beljiyeem tooraan tilmaama itti aanu argatan.

Ingilaand, Faransaay, Jarman, Ispeen fi Porchugaal biyyoota shan hirboo maayii yookiin nuusa xumura gahuuf carraa 50% yookiin isaan ol qabu jedhamanidha.

Waancaan Awurooppaa Jimaata Waxabajjii 14 eegalee ji'a tokko booda Adoolessa 14 xumurama.

Taphni jalqabaas qopheessituu waancichaa kan taate Jarmaniifi Iskootilaand gidduu taasifama.