Itoophiyaan Waancaa Addunyaaf darbuuf carraa qabdii?

Garee Kubbaa Miilaa Itoophiyaa

Madda suuraa, EFF

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen Itoophiyaa Gulaallii Waancaa Addunyaaf Jibuutii waliin Morokootti taphata

Gulaallii Waancaa Addunyaa adeemaa jiruun Itoophiyaan ramaddii ishee keessaa tapha afraffaa guyyaa har’aa Jibuutii waliin taphattee 1fi 1 qixa baate.

Tapha Morokoo dirree El Abdiitti taasifame kanaan Jibuutiif Gabriel Dadzie, Itoophiyaaf immoo Minyiluu Wandimmuutu galche.

Galchiin lamaanuu boqonnaa dura seenan. Itoophiyaan taphoota gulaalli afur taphatte keessaa sadan isaanii qixa yoo baatu tokko mo'amteetti.

Jibuutiin garuu tapha afur keessaa sadii mo'amuun reefu Itoophiyaa waliin qabxii hiratte.

Jibuutiin tapha silaa biyyasheetti taphachuu qabdudha kan Morokootti Itoophiyaa waliin morkatte.

Itoophiyaan sababa dirree sadarkaa isaa eeggate hin qabneef biyya ormaatti taphataa jiraachuun ni beekama.

Imala Itoophiyaa

Jalqaba Seraaliyoon isteediyeemii El Abdiitti kan taphatte Itoophiyaan tapha hurriin danqeen 0 fi 0’n xumuramee ture.

Sababa hurriin dirree uwwiseen boqonnaa booda yeroo jalqabuu qaburraa daqiiqaa 30 ol turee jalqabe. Boqonnaan boodas yeroo lama adda citeera.

Kanas Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa taphichi yeroo biraatti darbuu qaba ture jechuun komatee dhaabbata kubbaa miilaa addunyaa hoogganu, FIFA’tti, xalayaa barreessee ture.

Itoophiyaan tapha lammataa ishee Burkina Faasoo waliin taphattee 3fi 0’n mo’amte.

Tapha sadaffaa ishee torban kana Giini Bisaa’o waliin taphattee galchii malee 0fi 0 xumuramuun isaa ni yaadatama.

Morkii Itoophiyaafi Jibuutii

Jibuutiin taphoota sadii Masrii, Giini Bisaa’o fi Siyeeraa Liyoon waliin taphatte mara mo’amteetti.

Itoophiyaan tapha sadan duraanirratti galchii tokkollee hin galchine. Jibuutiin garuu idaa galchii 8 qabaattus galchii Gabri’el Daaziye galche qabdi turte.

Tapha har’aa irrattis taphataan Gaanaatti dhalateefi lammuummaa Jibuutii qabu lakkoofsiseera.

Gareewwan lamaanuu garuu gulaallii Waancaa Addunyaan tapha tokkorraa qabxii sadii hin arganne.

Seenaa dudduubee yoo ilaallee Itoophiyaan Jibuutiirratti olaantummaa qabdi.

Sadarkaa kubbaa miilaa isaanii yoo ilaalle Itoophiyaan sadarkaa 145 irra jirti, Jibuutiin 192ffaa dha.

Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa maqaa masoo Waaliyaa jedhamuun yoo beekamu kan Jibuutii ‘Shoremen of the Red Sea’ jechuunis ‘Namoota qarqara Galaana Diimaa jiraatan’ jedhamuun beekamu.

Itoophiyaan carraa darbuu qabdii?

Itoophiyaan Ramaddii A jala jirti. Garee kana jala Masrii, Giinii Bisaa’o, Burkina Faasoo, Siiyeeraaliyoon akkasumas Jibuutiitu jira.

Ramaddii kana Masriitu dursaa jira.

Waancaa Addunyaa bara 2026 Kanaadaa, Meksikoofi Ameerikaatti taphatamuuf biyyoonni Afrikaa sagal ramaddii isaanii dursanii xumuran kallattiin darbu.

Gama kaaniin biyyi biraa tokko carraa dabalataa qabdi. Kunis biyyoonni ramaddii isaanii keessaa sadarkaa lammaffaan xumuran afur walitti dhufun kan injifateefi.

Abbaan injifate wal morkii FIFA biyyoota jaha ardiiwwan garagaraarraa dhufan keessaa morkachuun biyyoonni lama tikkeeta Waancaa Addunyaa 23ffaa seenuu argatu jechuudha.

Itoophiyaan taphoonni jaha ishee hafanis taphoota afur keessaa qabxii sagal dhabdeetti.

Itoophiyaan Waancaa Addunyaarratti hirmaattee hin beektu. Afrikaarraa Kaameroon si’a saddeet hirmaachuun seenaa guddaa qabaachuun ni beekama.