Itoophiyaan, Seeraaliyoon waliin hurrii dukkanaa'e keessa taphachuushee Fifaatti iyyatte

Itoophiyaa fi Seeraaliyoon hurrii dukkanaa'e keessa taphatan

Madda suuraa, Federeeshinii Kubba Miilaa Itoophiyaa

Gareen biyyaalessaa kubba miilaa Itoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Addunyaa marsaa jalqabaa Seeraaliyoon waliin taphate qixa galchii malee xumure.

Haa tahu malee, taphni kun sababa hurriin dirree uwwiseen boqonnaa booda yeroo jalqabuu qaburraa daqiiqaa 30 ol turee jalqabe.

Boqonnaan boodas yeroo lama adda citeera. Tapichi dirree Itoophiyaa irrattis taphatamuu qaba ture.

Haa tahu malee, sababa istaadiyemonni Itoophiyaa sadarkaa Fifa'n kaa'e hin guutan jedhamaniif, taphichi istaadiyeemii Morookoo, El Abdii jedhamutti gaggeeffame.

Taphni kun taphattoota dirree keessa turaniif qofa osoo hin taane namoota dirreetti argamanii daawwataa turaniifis tahe foddaa televizhinii irraan ilaalaa turaniifiyyuu daawwachuuf rakkisa ature.

Federeeshiniin Kubba Miilaa Itoophiyaa taphni kun yeroo biraatti dabarfamuu osoo qabuu, haala rakkisaa keessatti akka taphatamu taasifamuun sirrii miti jechuun Fifatti komii isaa dhiyeessuu ibsa karaa Feesbuukii isaa kenneen beeksiseera.

Taphichi yeroo biraatti darbuu qabuu taphatamuun haqa qabeessa waan hin taaneef komii keenya xalayaadhaan Fifatti dhiyeesineerra.''

''Tapha marsaa itti aanu Burkinafaasoo waliin taasisan irratti sa'aatiin isaa akka jijjiiramu Fifa gaafannee, dhimmicha ilaalaa akka jiruu fi hatatamaan deebii akka kennu nuuf deebiseera jedha ibsi federeeshinichaa.

Itoophiyaan Burkinafaasoo waliin kan taphattu aka karoora duraan qabameetti Sadaasa 21 bara 2023dha.

Fifa'n komii Itoophiyaan tapha Seeraaliyoon ilaalchisee dhiyeeffatte irratti deebii kenne hin qabu.

Seeraaliyoon akkuma Itoophiyaa istaadiyeemii sadarkaa Fifa guute waan hin qabneefi haaromsa irra waan jiruuf erga biyya keessatti taphatanii waggootni sadii darbaniiru.

Tapha itti aanu Masirii waliin taphachuuf gara Laayibeeriyaa magaalaa Moonorooviyaatti qajeelaniiru.

Taphni kun Jimaata dhufu, Sadaasa 19 bara 2023 gaggeeffama.

Itoophiyaan ramaddii A keessatti biyyoota akka Masirii, Burkinafaasoo, Jibuutii, Giinii Bisa'oo, fi Seeraaliyoon waliin ramadamteetti.